Oduu: Gamtaan Paartilee Mormitootaa Miseensota Hawaasa Dippilomaasii Waliin Mari’atan

Firaa’ol Barsiisatiin  @FiraolBer

Finfinee, Adoolessa 20/2022- Hoggantoonni paartilee Gamtaa Paartilee Mormitootaa dhiyeenya hundeessanii miseensota hawaasa dippilomaasii waliin Imbaasii Ingilizii Finfinnee jirutti mari’atan. Walgahii kana irratti qondaaltonni sadarkaa olaanaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO), Adda Bilisummaa Oromoo(ABO), Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden (ABBO), Aranaa Tigraay, Paartii Ummata Affaar( PUA), fi Hiber Itoophiyaa irraatti argamanii jiru.

Mareen kun marii biyyoolessaa fi haala waliigala Itoophiyaa giddu galeessa godhachuun, dippilomaatonni Imbaasiiwwan Ingilizii, Deenmaark, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, fi Jarmanii irraa dhufan akkaataa biyyattiin bittinnaa’uu irraa baraaramuu dandeessuu akkasumas milkaa’ina tattaaffii akkanatiif barbaachisummaa hirmaannaa qaamolee idil-addunyaa cimuu akka qabu ibsameera.

Dura taa’aan Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaa maree kana ilaalchisuun yaada isaanii Addis Standardiif kennaniiru. Walgahiin hawaasa dippilomaasii waliin taasifame kun akeeka maalii bu’uura akka godhate yoo ibsan, “Marii ture. Gamtaa Paartilee Mormitootaa haaraa ijaarre isaan beeksisuuf akkasumas kallattii waliigalaa biyyattiin itti deemtu, waa’ee nagaa, waldhabdee, marii biyyoolessaa fi komishinii hoogganuuf  hundeeffame irratti mari’anne” jedhe. Mariin ture addda durummaan dhimmoota kana irratti xiyyeeffate kan jedhan Pirofeesar Mararaan marii gadifageenya qabu akka tures eeraniiru. 

Dippilomaatonni kunneen “garaa garummaa Gamtaa Paartilee Mormitoota fi  mana maree waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, paartii biyya bulchaa jiru dabalatee paartilee siyaasaa 53 ol of keessaa qabu, gidduu jiru nu gaafatan. Akkasumas tattaaffii keenya akkamitti akka gaggeessinuu fi madaalliin haala jiru maal akka ta’e beekuu barbaadaniiru.’’jedhan. Mariin Dippilomaatota faana taasifamu kun itti fufinsa qabaachuu isaa yeroo gafataman, Yeroo barbaachisetti mariin akkana itti fufas jedhan.

Paartilee mormitoota kudhan adeemsa raawwii marii biyyaalessaa irratti komii qaban Waxabajjii 5 baasaniin, garaagarummaa yaadaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduu jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, gamtaa yaada fi tarsiimoo sirna dimokiraasii dhugaa gadi dhaabuudhaaf ta’u ‘Gamtaa Paartilee Mormitootaa (Caucus of Opposition Parties)’’ hundeessinee jirra, jechuun isaanii ni yaadatama. . 

Adeemsi marii biyyaalessaa haala hunda hammatee, iftoominaa fi hirmaachisa ta’een, bakka hawaasa idil-addunyaa irraa mariisistoonni walaba ta’an argamanitti gaggeeffamee rakkoolee bu’uuraa Itoophiyaatiif furmaata akka fiduuf Gamtaa Paartilee Mormitootaa kun gaafatee ture. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.