Oduu: Qorattoonni Yuunivarsiitii Finfinnee Qoricha Dhibee Muka Bunaa Gogsu Ittisu Argachuu Beeksisan

Naatinaa’el Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Adoolessa 21/2022 – Qorattoonni Yuunivarsiitii Finfinnee qorannoo gaggeessaniin qoricha dhibee muka bunaa gogsu fangasii baayooloojii fayyadamuun ittisu danda’u argachuu beeksisan. Argannoon qorattoota kunneen kun Itoophiyaan dhibee bunaa dabalatee dhibeewwan biqiltuu garaagaraa ittisuuf qoricha alaa galchitu fangasii ‘Tiraayikoodaarmaa’ jedhamu bakka bu’uu kan danda’u akka ta’e ibsameera.

Qorichichi keemikaala osoo hin fayyadamiin fangasii qofa fayyadamuun dhibeewwan biroo ittisuu akka dandeessisu eerameera. Qorannoon kun waggoota dheeraa kan fudhate akka ta’e fi qorattoonni Digirii 2ffaa fi 3ffaa akka irratti hirmaatan ibsameera. 

Maddisiisaa yaada qorannoo kanaa Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa kutaa barnoota baayooloojii maaykirobeel seelulaar molokulaari Tasfaayee Alamuu (PhD) yaada Tajaajila Oduu Itoophiyaatiif laateen, fangasiin qorannoon argame kun dhibeewwan nyaataaf akka fayyadamu ibsuun galabaa qamadii, haftee daankuu mana baaburaa fi hafteewwan oomishaa faayidaarra ooluu hin dandeenye irraa akka qophaa’u ibseera.  

Qorichi argame kun dhibee bunaa ala dhibeewwan biqiltuu biroo (fakkeenyaaf dhibee abaaboo) ittisuu akka danda’u qorannoo gaggeeffameen mirkanaa’uu kan hime qorataan kun, kunis Itoophiyaan dhibee bunaa dabalatee dhibeewwan biqiltuu garaagaraa ittisuuf qoricha alaa galchitu fangasii ‘Tiraayikoodaarmaa’ jedhamu bakka bu’uu kan danda’u akka ta’ee fi sharafa alaa hambisuu akka danda’u ibseera. 

Qorataan qorannoo kana irratti hirmaate biroo Arfaasaa Mulaatuu (PhD) gama isaatiin argannoo qoricha dhibee muka bunaa gogsu ittisuu kun qorannoowwan biroo gaggeessuuf karaa kan banuu akka ta’e himeera. Dhibeen muka bunaa gogsu kun qaama keessoo muka bunaa kan miidhuu waan ta’eef qoricha farra ilbiisaan balleessu akka hin danda’amne kan ibse Arfaasaan, bu’aan qorannoon argame kun garuu haala fooyyee qabuun ittisuu dandeessisa jedhe.  

Qorichi kun adeemsa barbaachisu darbee faayidaa irraa yeroo oolu qonnaan bultootaaf ibsa akkaataa itti fayyadamaa akka laatamu ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.