Xiinxala: Walitti bu’iinsa Godina Addaa Saba Oromoo fi Shawaa Kaabaatti irra deebiin uumameen namootni hedduu ajjeefamuun dhibbaatamni buqqa’aniiru

Getaahuun Tsaggaayeetiin @GetahunTsegay12

Finfinnee – Lammiileen nagaa Naannoo Amaaraa daangaa Godina Addaa Saba Oromoo fi Godina Shawaa Kaabaatti jiraatan hokkora fi walitti bu’iinsa marsaa biraa Adoolessa 12 jalqabee guyyootaaf tureen miidhaa guddaa irra gaheera. 

Bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa kan ta’e Ahmad Mohammad, “Naannoo Amaaraa keessatti aanaalee Jiillee Dhummuugaa fi Efraataafi Gidim gidduutti bakkeewwan walitti bu’iinsi uumame ture nageenya fooyyee agarsiisaniiru” jechuun Addis Standarditti himeera. 

Haata’u malee ibsi bulchaan aanichaa kenne kun erga lammiileen nagaa hedduu, akka aanga’oonni naannichaa jedhanitti namoota 17 erga ajjeefaman, namootni baay’ee irratti miidhaa qaqqabe, manneen jireenyaa gubachuu dabalatee qabeenyi hedduu barbadaa’e namootni hedduu erga buqqa’an booda kenname. 

Torbe kana hoggantoonni aanaa, godina fi  naannoo jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa waliin ta’uun qaamolee hawaasaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin haala ittiin naannoo hokkora fi walitti bu’iinsa irra deddeebiin miidhamaa jiru irratti nageenya waaraa fidu danda’amu irratti mariii hawaasaa gaggeessanii jiru. 

Jiraattota fi aanga’oonni maal jedhu?

Miidiyaaleen biyya keessaa hedduu rakkoo nageenya uumameef Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gaafatamaa taasisaniiru. Haata’u malee ibsa bulchiinsa aanaa Jiillee Dhummuugaa fi bulchiinsa aanaalee Shawaa Kaabaa baasan irratti dhimmichaan walqabatee gara WBOtti quba qabuu irraa of qusachuun kanneen isaan “ilaalcha shanee” qabu jedhan gaafatamaa taasisanii akka irratti tarkaanfii fudhatan ibsaniiru. Haata’u malee ibsi aanaa Jiillee Dhummuugaa baasee fi godina  Shawaa Kaabaatin qooddame boodarra balleeffameera. 

Addis Standard jiraattota aanaalee lamaan bilbilaan dubbiseera. Akka jiraataan aanaa Jiillee Dhummuugaa sababa yaaddoo nageenyaaf maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko jedhetti, walitti bu’iinsi ammaa kun wayita jiraattotni godina Shawaa Kaabaa aanaa Eefraataa Gidiim tokko tokko daangaa ce’uun horii fudhachuuf yaalanitti jalqabame. “Walitti bu’iinsichi jalqaba jiraattota gama lamaanuu jiran gidduu adeemsifamaa ture. Boodarra garuu Humna Addaa Naannoo Amaaraa, Fannoo fi milishaan Amaaraa jiraattota aanaa Eefraataa Gidiimitti goruun lola banan,” jedhe.

Akka namni kun jedhutti, namoota kudhan ol you du’an, baay’een ammoo madaa’aniiru. “Hospitaalli gaarii dhiyeenyatti argamu Shawaa Roobit bakka waggaa darbe namootni miidhamanii yaalaaf dhaqan nu jalaa ajjeefaman waan ta’eef kanneen walitti bu’iinsa ammaan miidhaman gara buufata wal’aansaatti geessu hin dandeenye. Amma namootni miidhaman 12 Hospitaala Baateetti kan argaman ta’uus wal’aansa gaarii argachaa hin jiran.”

Haala walfakkaatuun jiraataan magaalaa Sanbatee Abduu jedhamu gama isaatiin walitti bu’iinsichi daangaa ganda Zamboo [ganda aanaa Eefraataafi Gidiim keessatti argamu] fi magaalaa Baaxeetti [magaalaa aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti argamutti] qonnaan bultoota qe’ee ollaa irraa dhufan horii hatuuf yeroo yaalan akka jalqabe hima. Qonnaan bultoonni Oromoo kanneen saamichaaf dhufan dhaabsisuuf yeroo yaalan walitti bu’iinsi akka uumame ibsa. “Walitti bu’iinsa kanaan qonnaan bultoota Oromoo 16 ajjeefamaniiru,” jedhe. 

Jiraattuun Aanaa Eefraataa fi Gidiim, Ganda Zamboo Shawaayyee Farruun yaada ishee Addis Standardiif bilbilaan kenniteetti. “Nuti qonnaan bultoota Arsoo Ambaa iddoo Gabayaa Bar fi Alii Guubaa jedhamutti qonnaan bultoota Oromoo magaalaa Baatee waliin wal daangeessinee lafa qonnaa waliin fayyadamna,” kan jette Shawaayyeen, “qonnaan bulaa Amaaraa iddoo Hayimaa jedhamurti lafa qonnaa qabu qoricha farra ilbiisaa facaasaa ture. Olloonni isaa garuu horii isaani ajjeesuuf itti yaadee akka godhetti isa himatan. Sana booda Oromootni haaloo bahuuf sanyii biqile buqqisuu eegallaan waldhabdeen hammaate,” jette.

Akka inni jedhutti hokkorri sun Dilbata Adoolessa 10 waaree booda jalqabame. Humnoota nageenyaa gara 30tti dhiyaatan – miseensota Humna Addaa Amaaraa 21 fi milishaa Amaaraa 7 ajjeefamuun baay’een ammoo madaa’uu hime Shawaayyeen. Itti dabaluun, “Gandoota Waajanaa fi Barihaa Sillaasee gar tokkeen gubataniiru. Qabeenya, nyaata fi horiin gubataniiru. Jiraattota kumaatamaan lakkaawwaman buqqa’aniiru, oomisha qonnaa keenyaas barbadaa’eera,” jedhe. 

Humnootni nageenyaa gara naannichatti bobba’anii akka turan kan hime Shawaayyeen, jiraattotni garuu lafa qonnaa isaanii eeguu fi jiraachuuf nageenya itti hin dhaga’amuu jedhe. “Boobbii humna nageenyaa jiraatuus, gama mootummaa irraa furmaata qabatamaas ta’e deeggarsa argame hin jiru,” jechuun naannichatti nagaa buusuu dadhabuun aanga’oota qeeqeera. 

Jiraataa Aanaa Eefraataa fi Gidiim magaalaa Axaayyee kan ta’e fi maqaa Takaanaw jedhamuun eeramu barbaade tokko “Oromoota muraasa naannoo Baaxee irraa ta’an” himateera. Akka inni jedhetti,  isaan “Ooyiruu Amaaraa irratti tahe jedhanii horii bobbaasan. Saba booda Amaaroonni aaranii horii san fudhatan. Walitti bu’iinsichi haala kanaan jalqabe,” jedhe. 

Bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa kan ta’e Ahmad rakkoo nageenya tibbana mudate “sodaachisaa” akka ta’e fi gara bakkeewwan birootti babal’achuu amaneera. “Lubbuu namootaa badeera, namootni baay’ee madaa’aniiru, qabeenyas barbadaa’eera,” jedhe. 

Bulchaa Aanaa Eefraataa fi Gidiim  Chirootaaw Baasaazin gama isaatiin, “walitti bu’iinsichi Adoolessa 10 qonnaan bultoonni Amaaraa horiiwwan Jiillee Dhummuugaa irraa dhufan lafa qonnaa isaani irraa ari’uuf wayita yaalanitti jalqabame,” jechuun Addis Standarditti himeera. “Qonnaan bultoonni keenya horiiwwan san wayita ari’aa jiran waraanni duuba isaanirraa jalqabame.” jedhe. 

Itti dabaluun, “waldhabdee ari’amuu horiiwwan waliin walqabatee jalqabame walitti bu’iinsichaaf sababa ta’eera. Rakkoo jalaan haguugame jira. Adeemsa fi sochii waraanaa karaa qindaa’een kan gaggeeffamu yoo ta’u, uumamni isaas gadi fageenya kan qabu fi bal’aadha. Ammallee gadi fageenyaan qorachaa jirra, dhiyeenya kana aanga’oota olaanoon ifa gonna,” jedhe. Haala yeroo ilaalchisee yeroo dubbatu Kibxata, Adoolessa 12 waaree booda humnootni nageenyaa bobba’uu isaani hordofee rakkoon nageenya uumame tasagabbaa’eera jedhe. 

Bulchiinsota aanaalee lamaan magaalota Baaxee fi Sanbateetti hawaasa naannichaa walii  marii nageenyaa gaggeessuuf akka jiran ibsaniiru. Ahmad, itti dabaluun “amma nageenya fooyyee qabu bu’eera,” jedhe. Aanga’oonni naannichaas daangeeffama sochii baajaajii galgalaa dabalatee daangeeffama yeroo Jiillee Dhummuugaatti kaa’ame ture gar tokkoon kaasaa turan. “Qonnaan bultoonni qonna jalqabaniiru,” jedhe.

Naannoo Amaaraatti Itti gaafatamaa Waajjira Kominikeeshinii Godina Addaa Saba Oromoo kan ta’e Jamaal Haasan gaaffiif deebii ‘VOA Amharic’ waliin taasiseen, Godina Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Oromoo waloon sababa rakkoo nageenyaa ammaa maal akka ta’e ibsa akka laatan ibseera. “Horiiwwan ooyiruu irratti bobbaafamu isaani hordofee walitti bu’iinsichi eegale. Qaamoleen gama lamaamuu jiran haalicha gara kallattii hin barbaadamneetti hammeessan.” jedhe.    

Itti gaafatamaa waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa  Mohaammad Ahmad gama isaatiin rakkoon nageenyaa akkanaa kanaan dura uumame kan akka ta’e fi “walitti bu’iinsa horii fi lafa qonnaa waliin walqabatee uumame qofa miti” jedheera. “Sanaan oliidha. Amma booda sababoota akkanaa tarreessu itti hin fufnu,” kan jedhe Mohaammad, “Dilbata Adoolessa 10 waaree booda sababa horiiwwan fi lafa qonnaa waliin walqabatee walitti bu’iinsi uumamu hoggantoota godinaalee lamaan, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa dhaabisu danda’aniiru. Garuu guyyaa itti aanuutti maaliif deebi’e ka’e?” jechuun gaafate. 

Biiroon Kominikeeshinii Aanaa Jiillee Dhummuugaa ibsa baaseen sababa rakkoo nageenya uumame kanaan humnoota nageenyaa fi qonnaan bultoota akka ajjeefaman, namoota fi qabeenya irrattis miidhaan akka qaqqabe ibseera. “Walitti bu’iinsa aanaalee ollaa lamaanitti uumame kun gocha badii madaallii kamiinuu uummata Oromoo fi Amaaraa bakka hin buuneedha,” jechuun gocha kana balaaleeffateera. “Uummattoonni Amaaraa fi Oromoo saboota Itoophiyaa gurguddoo seenaa waloo baroota hedduu lakkoofsise qabanii fi walitti dhufeenya hawaasummaa fi dhiigaan kan walhidhaniidha,” jedheera. 

Ibsi boodarra Godina Shawaa Kaabaatin qoodame akka ibsutti, “ergamtoota ilaalcha Shanee qaban” hokkora akka carraa gaariitti fayyadamuun tokkummaa saboota lamaan booreessuuf yaalan jedhe gaafatamaa taasiseera. Itti aansuun bulchiinsi Aanaa Jiillee Dhummuugaa daageeffama yeroo sochii baajaajii dhorku fi qaamolee nageenya mootummaa ala meeshaa waraanaa qabachu dhorku labse. Akkasumas jiraattoonni caaseeffama ajaja isaanii osoo hin beekiin qe’ee isaanirraa gara qe’ee biraatti akka hin sochoone dhorkuun kanneen dhorkii kana hin raawwanne irratti “tarkaanfii barbaachisu” akka fudhatu akeekkachiiseera.  

Miidiyaaleen biyya keessaa WBOtti quba qabanis, ibsi bulchiisa aanaalee lamaaniin qoodame garuu hidhattootni WBO walitti bu’iinsicha keessa harka qabu hin jenne. 

Dubbii himaa idil addunyaa WBO kan ta’e Odaa Tarbii naannichatti hidhattoota WBO akka hin jirre ibsuun atattamaan qorannoo walabaa akka gaggeeffamu gaafateera. “Oduun haleellaa humnootni naannoo Amaaraa dhalattoota Oromoo Walloo irratti gaggeessaa jiran yaaddeessaadha. Hawaasnichi bara 2018 eegalee humnoota mootummaatin haleellaa hedduu irra gaheera. Lammiileen nagaa gatii rakkoo siyaasaa biyyattii baachuu itti fufaniiru,” jechuun toora fuula Twitara isaarratti ibseera.  

Bulchiisota aanaalee lamaan ibsa itti aansanii kennaniin rakkoolee walfakkaataa akka hin uumamneef marii hawaasa giddu galeessa godhachuun taasisan cimsanii akka itti fufan beeksisaniiru. Bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa kan ta’e Ahmad, “badii itti aanuu hambisuuf aanaa kana waliin marii gadi fageenyaa gaggeeffamu qaba,” jechuun Addis Standarditti himeera.   

Aanga’oonni aanaalee lamaan marii walfakkaataa gaggeessanis rakkoon nageenya akkanaa maaliif irra deddeebiin akka uumamu gaaffii jedhuuf Ahmad,”walitti bu’iinsi kun irra deddeebiin uumamuun isaa dhugaadha. Marii nageenya gaggeessurra darbee yakkamtoota irratti tarkaanfii sirreessaa fudhachuu fi seeratti dhiyeessu akka qabnu barnoota fudhanneera,” jechuun deebise. 

Wayita miidhaan qaqqabe qoratamaa jiru kanatti yoo xinnaate namootni 17 yoo ajjeefaman lammiileen nagaa 30 gahan ammoo madaa’aniiru jedhe. “Gama lamaanuu namootni lubbuu isaani dhabaniiru. Waan “diinoonni” karoorsan tilmaama keessa galchuun namootni dhibbaan lakkaawwaman du’uu danda’u ture. Aanaalee Eefraataa Gidiim fi Jiillee Dhummuugaan saboota kana akka Oromoo, Amaaraa, Affaar fi Argoobbaa keessatti jiraatan yoo ta’u, kunis diinoonni ajandaa badii isaani akka irratti bahan carraa gaarii uumeefi jira,” jedhe. 

Haata’u malee kanneen “diinota” jedhaman kun eenyu akka ta’an eeruurraa of qusateera, Ahmad. “Diinota lkeessaa fi alaa aanaalee lamaan diiguuf haasaa jibbiinsa tamsaasanii fi waraana labsan qabna,” kan jedhe Ahmad, “diinoonni kun ammallee dibbee waraanaa rukutaa jiru, nutis seeraan isaan gaafanna,” jechuun dabaleera.  

Addis Standard lakkoofsa namoota du’anii fi miidhaa biroo, akkasumas barbadiinsa qabeenya ilaalchisee yaada akka laatan bulchaa aanaa Eefraataa fi Gidiim kan ta’e Chirootaawin gaafateera. “Manneen gubataniiru, akkasumas namootni ajjeefamaniiru, miidhamaniiru. Koreen qorannoo bakkichatti argama, bu’aa qorannoo kana irratti ibsa laanna,” jedhe. 

Kaka’umsa walitti bu’iinsicha hiikuuf jiru 

Aanaa Jiillee Dhummuugaa fi aanaalee ollaatti nagaa waaraa buusuuf marii hoggansa ganda, jaarsolii biyyaa, koree nageenya fi qaamolee dhimmichi isaan ilaallatu keessatti hirmaatan akka gaggeefame waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Jiillee Dhummuugaa ibsa Adooleessa 15 baaseen beeksiseera. Waldhabdee gandoota Jiillee Dhummuugaa fi gandoota ollaa giddutti uumame hiikuuf qaamolee qaada fudhattoota adda addaa waliin mariin gaggeeffamuu beeksise.  

Barbaachisummaa marii nageenya akkanaa irra deddeebi’e kan ibse Ahmad, nageenya mirkaneessuuf humnootni nageenyaa gara daangaatti bobbaafamuu Addis Standarditti himeera. Yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf hawaasni naannichaa qaamolee nageenya waliin akka dhaabbatu waamicha dhiyeesseera.  

Haata’u malee oduun dhiyeenya kana ‘VOA Amharic’ irratti baheen, miseensota bulchiinsa aanaa Jiillee Dhummuugaa shan rakkoo nageenya kana dhaabsisuu dhadabuu fi itti gaafatamummaa isaani hin bahanne jedhamuun hojii isaani irraa akka ittifaman itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii godina addaa Oromoo kan ta’e Jamaal Hasan dubbateera. 

Amma Mohaammad Sheek Aliin bulchaa aanichaa haaraa ta’eera.  

Dudduuba

Eefraataa Gidiim aanaalee Naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Kaabaa keessatti argaman keessa tokko. Kallattii kibbaan Qawweet, kallattii lixaan Manz Maam Midiir, kallattii kaabaan Antsookiyaa Gamzaa, fi kallattii bahaan ammoo Godina Addaa Oromoo waliin waldaageeffama. Giddu galli bulchiinsa aanaa kana Axaayyee yoo taatu, magaalota Eefraataa Gidiim keessatti argaman biroo Juhaa fi Kaarraaqoree argamu. 

Jiillee Dhummuugaan aanaa Naannoo Amaaraa, Godina Addaa Saba Oromoo keessatti argamuudha. Kallattii bahaa fi kibbaan naannoo Affaar, kallattii lixaan Godina Shawaa Kaabaa fi kallattii kaabaan Arxummaa Fursii waliin wal daangeessa. Magaalaa giddu gala aanichaa Baaxee yoo taatu, Sanbateenis magaalaa biroo aanicha keessatti argamudha. 

Baatii Ebla bara kanaatti, Addis Standard haleellaa suukkanneessaa daangaa Shawaa Roobit (Godina Shawaa Kaabaa) fi Wasan Qurquraa (Godina Addaa Oromoo) bakka Qolaash jedhamutti namootni hedduu miseensota Faannootin ajjeefamanii fi hedduun ammoo buqqa’an gabaase ture.  

Haala walfakkaatuun, baatii Caamsaa, 2021 keessatti namootni 358,000 sababa walitti bu’iisaan qe’ee isaanirraa kan buqqa’an yoo ta’u, isaanis eegdummaa deeggarsa nyaataa, dahoo, meeshaalee nyaata alaa, bishaan fi tajaajila eegumsa fayyaaf saaxilamaniiru. “Buqqaatonni harka 90 ta’an hawaasa naannichaan deeggaramaa kan jiran yoo ta’u, kanneen bakkeewwan waloo keessatti jiraatan ammoo haala gadi bu’aa ta’een kan jiraatan, yaaddoo eegumsaa kan qabanii fi deeggarsa xiinsammuu kan isaan barbaachisudha,” jedhe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN).  

Giddugala walitti bu’iinsicha kan turte fi barbadiinsa ulfaataa kan irra gahe magaalaan Axaayyee, “jiraataan magaalittii guutummaatti kan buqqa’e yoo ta’u, magaalittiinis gubateetti.”   

Buqqaatota waliigalaa Godina Shawaa Kaabaatti argaman 253,000 iddoowwan kan akka; Aaanaa Eefraataa iddoo Mahaal Meedaa jedhamutti (25,000), Aanaa Gidiim/Axaayyee keessa iddoo Bar Giibbii jedhamutti (95,000), Aanaa Amtsookiyaa keessa iddoo Maqooy jedhamutti (10,000), Shawaa Roobit (23,000) fi Dabra birhaanitti qubataniiru. 

Godina Addaa Saba Oromootti, Arxummaa Fursii (50,127), Jiillee Dhummuugaa (51,350), magaalaa Kamiisee (2,570), Dawwaa Caffaa (871) argamu. “Haalli nageenyaa iddoowwan walitti bu’iinsi uumame ture wayita fooyya’aa jirutti buqqaatota Dabra Birhaan, Shawaa Roobit fi Mahaal Meedaatti argaman irra deddeebiin haleellaan irra gahuu fi firootni isaani jalaa ajjeefamu fi miidhamu eeruun (muraasni isaani waggoota muraasa darbanitti haleellaan jaha uumamu eeruun) yaaddoo gara qe’ee isaanii deebi’u irraitti qaban ibsaniiru” jedhe UN. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.