Oduu: Manni Murtii Mormii Himannaa Namoota Koree Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa Hudeessuun Himatamanii kufaa taasise

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Adoolessa 21/2022 – Gaazexeessitoota ONN lama dabalatee himatamtootni 17 galmee Qaasiim Abdullaahi jala himata “Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuu” jedhuun himataman har’a Adoolessa 21, 2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhiyaataniiru. Manni murtichi oolmaa dhaddacha guyyaa har’aatiin himata abbaan alangaa dhaddacha kanaan duraa irratti fooyyeessee dhiyeesse irratti mormii himatmtootni dhiyeessanii fi yaada abbaa alangaa laatee ilaaluun murtii dabarseera. 

Oolmaa dhaddacha har’aa ilaalchisee Addis Standardiif yaada kan laate abukaatoon himatamtootaa Tolamaariyaam Magarsaa, mormiin iyyattootni dhiyeessan kufaa akka taasifame himeera. “Manni murtiichi wantootni ijoo himata keessatti tarreeffaman keeyyata yakkaa 258 keessatti kan eeraman ta’uus keeyyata 238 keessa hin eeramne kan hin jechisiifne waan ta’eef, akkasumas dhimmi kun adeemsa falmii irratti akka ragaatti kan dhiyaatu malee amma akka mormii sadarkaa duraatti kan dhiyaatu miti jechuun mormii himatamtootaa kufaa taasiseera. Kanaafuu himata abbaan alangaa yeroo lammaffaaf fooyyeesse dhiyeesse fudhatama argateera,” jedhe. 

Dhaddacha kanaan duraa irratti abbaan alangaa himata isaa keessa eenyu yakka maalirratti akka hirmaate, meeshaa fayyadame maal maal akka ta’e fakkeenyaaf bilbilaan walqunnama yoo ta’e lakkoofsa bilbila maaliin akka ta’e, miidhaan gahe ammam akka ta’e fi kanneen biroo ifatti waan hin ibsineef akka fooyyeessu mana murtiitin ajajamuun isaa ni yaadatama. Abbaan Alangaas akkaataa ajajameen himata fooyyeessee dhiyeeffateera. 

Dhaddacha Adoolessa 07, 2022 ooleen abukaatoonni himatamtootaa himata abbaan alangaa fooyyeessee dhiyeesse keeyyata yakkaa himaticha keessaa akka bahu ajajame ture [keeyyata 258] lakkoofsa isaa qofa baasuun qabiyyee keeyyaticha keessa jiran ammallee himata keessa waan jiraniif akkaataa dhaddacha kanaan dura irratti ajajameen hin raawwatamane jechuun mormanii turan.

Dhaddacha har’aa irratti himatamtootni jecha akka laatan kan godhame yoo ta’u, akkaataa jecha laataniinis, “gochi raawwatameera jedhame kun yakka akka hin taane, mootummaa cee’umsaa Oromiyaa hundeessuunis heera mootummaatin kan eeyyamamu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu bu’uura kan godhate akka ta’e, hundeeffama koree kanaas kallattii paartilee ABO fi KFO irraa itti laatameen qaama hawaasaa adda addaa irraa fi paartilee lamaan irraa walitti babbahanii akka ijaarame, akkasumas Komishinii Poolisii Oromiyaa, waajjira Pirezidaantii Oromiyaa, Biiroo Haqaa Oromiyaa fi Caffee Oromiyaa dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatu hunda xalayaadhaan beeksisuun kan socho’an ta’uu ibsuun yakka raawwanne hin jiru jechuun yaada laataniiru,” jedhe Tolamaariyaam. 

Abbaan Alangaa gama isaatiin himatamtootni kun himata irratti dhiyaate kan morman waan ta’eef ragaa namootaa dhageessisuuf beellamni akka laatamu kan gaafate yoo ta’u manni murtiis ragaa abbaa alangaa dhaga’uuf Onkololeessa 07, 2022tti beellameera. 

Dabalataan, abukaatootni himatamtootaa gaaffii mirga wabii dhiyeessaniiru. “Himatamtootni hunduu teessoo dhaabbataa kan qaban tahuu, itti gaafatamummaa paartii isaanitin itti laatame kan qaban, akkasumas namootni kun seera irraa baqachuuf kan yaadan akka hin taane fi haala amma jiruun miidhaan maatii isaani fi hojii paartii irratti gahaa jiru ulfaataa akka ta’e ibsuun mirgi wabii akka laatamuuf iyyanne turre. Abbaan alangaa ammoo gama isaatiin teessoo dhaabbataa akka hin qabne fi miliquu akka danda’an ibsuun iyyannoo wabii dhiyaate mormeera,” jedhe Tolamaariyaam. Manni Murtiis iyyannoo wabii himatamtootni dhiyeessanii fi yaada mormii abbaan alangaa qoratee irratti murtii laachuuf Hagayya 02, 2022tti beellameera.     

Himatamtootni kunneen Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuuf mootummaa adeemsa seera qabeessaan hundeeffame diiguuf hojjetaniiru jedhamuun Sadaasa 13, 2021 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, yeroo ammaa kana magaalaa Sabbataa mana hidhaa Daalattiitti argamu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.