Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit
Finfinnee, Adoolessa 23/2022 – Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Ganda Qasoo Wasarbiitti qaamoleen hayyama qaama dhimmi ilaaluu fi ragaa seera qabeessummaan ala amantaa dahoo godhachuun sababa ijaarsa Bataskaanaan saamicha lafaa raawwatameen walqabtee namootni sagal to’annoo jala oolfamuu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaa waajjira lafaa bulchiinsa magaalaa Sulultaa Xilaahuun Guutaa dhimma kan ilaalchisee yaada Addis Standardiif laateen dhimma kana irratti tarkaanfii fudhachuu akka eegalame himeera. “Dhimma weerara lafaa maqaa amantaatiin, keessattuu dhaabbata amantaa Ortodoksii waliin godhamu bifa qabannaa fi qubannaa seeraan alaatin ilaalama. Ijaarsi isaas halkan halkan gaggeeffamee ganama gaafa ilaalamu alaabaa seeraan ala dibamee argama. Iddoo lamaan sadi irratti adda baafnee tarkaanfiin akka irratti fudhatamu taasifne jirra,” jedhe.
Dhaabbileen amantaa kamiyyuu eessattuu mirga iddoo waaqeffanaa argachu akka qaban eeruun akka bulchiinsa magaalaa Sulultaattis dhaabbilee amantaa gaaffii dhiyeessan baay’ee isaanif lafa waaqeffannaa fi iddoo awwaalchaa kennamuu kan ibse Xilaahuun, “garuu jara kun kan adda godhu bifa weeraraan gochu isaanii fi ijaarsonni akkanaa bu’uura seeraa kan hin qabne ta’uu isaaniiti,” jedhe. Kana malees lafa hektaara lama hanga sadi ta’uu bifa weeraraan qabamee akka jiru himeera.
Hanga ammaatti iddoon seeraan ala weerarame sadi akka adda baafamee fi bulchiinsi magaalichaa haala seera qabachiisuuf hojii eegaluus himeera, Xilaahuun. “Guyyaa har’aa [Adoolessa 22,2022] kana deemne adda baasne tarkaanfiinis akka fudhatamu kallattii kaa’ameera. Lafti isaan irratti ijaaran kun bu’uura seeraa kan hin qabne kaan lafa qonnaan bulaa irratti, kaan ammoo lafa mootummaa irratti ijaaran waan ta’eef torban tokko keessatti ijaarsi irraa hojjatame diigame laftichi gara baankii lafaatti akka deebi’u kallattiin kaa’ameera. Kana malees, Qeesota dabalatee kanneen haala kana keessatti akka koree ta’anii hojjatan namoota sagal to’annoo jala oolchineera. Amma qorannaa irra jira, himatni irratti banama,” jedhe.
Dhimma kana ilaalchisee Addis Standardiif yaada kan laatan Mana Amantaa Ortodoksiitti Phaaphaasii Olaanaa Kutaa Lallabaa Salaalee Abuna Qawusxoos dhimma weerara lafaa jedhamu kana sirri miti jedhan. “Dhimma Sulultaatti ta’e jedhamu kana quba hin qabu garuu akka waliigalaatti weerara lafaa maqaa amantaa kan jedhamu kana hin beeku. Namootni bakka waaqeffannaa yeroo irraa fagaatuu mootummaa gaafachaa bataskaana ijaaru. Sun weerara hin jedhamu. Inumaa maqaa balleessiif malee ijaarsa mana amantaa seeraan ala raawwatamu hin jiru,” jedhan.
“Yeroon ammaa kun akka barbaadan ta’uuf hin tolu. Hawaasni Kiristaana qaamoleen mootummaa lafa akka laataniif gaafatee deebii yeroo dhabu waaqeffachuun dirqama waan ta’eef maallaqa walitti guurratee bataskaana ijaara. Yoo mootummaan laachuu dide waaqeeffachuu dhiisnaaree? Inumaayyuu yeroo ammaa kun akka mana amantaatti yeroo dhiibbaan guddaa nurratti gahaa jiru, lafa qabnu baay’ee dhabaa jirruudha malee yeroo lafa weeraraan himatamuu qabnu miti. Ijaarsa lafa amantaatiin namni miidhamu hin jiru. Seerri biyyattillee lafa mana amantaaf akka laatamu ibsa,” jedhan.
Abuna Qawusxoos, dhimma ragaa seera qabeessummaa ijaarsota akkanaa irratti gaaffii gaafatamaniif deebii yeroo laatan, “gaaffiin seera qabeessummaa kan dhiyaatu erga manni amantaan sun ijaarameedha malee lafa irratti seera qabeesummaa gaafanna? Isaan [bulchiinsa magaalaa] ijaarsaan dura yeroo gaafataman eeyyamamoo hin ta’an. Gaaffii dhiyaateef lafa laachuun ammoo dirqama isaanii ture,” jedhan.
Taateen akkanaa kun yoo mudatu kan ammaa kun yeroo jalqabaa miti. Kanaan duras magaalota naannawaa Finfinneetti argaman akka Galaan, Kooyyee Faccee fi iddoowwan birootti sababoota maqaa amantaatin irra deddeebiin weerarri lafaa wal fakkaatu raawwatamaa turuun gabaafamaa ture. Baatii sadi dura magaalaa Galaanitti Taabotni lafa keessaa argame jedhamuu fi waggaa lamaan duras Naannawa Koyyee Facceetti Taabotni waaqarraa bu’e jedhamuun dubbii ijoo ta’ee ture.
Dhimmi Taabota lafa keessaa argame jedhamuun Magaalaa Galaan ganda Caffee Tumaatti namoonni gara biraa irraa dhufan jedhaman kadhannaa bakka kanatti goonee Taabotni lafa kana keessaa argameera jechuun bakkicha qubatanii torbee tokkoo oliif turuun ijoo dubbii ta’ee ture BBCn odeeffannoo bulchiinsa magaalaa Galaan waabeefachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.
Bulchiinsi Magaalaa Galaan namoonni kunneen maqaa Amantaa daheeffachuun weerara lafaa gaggeessuuf yaadanii kana raawwatan jechuun bakkicha akka gadhiisaniif akeekkachiisuu hime ture. Namoonni achi qubatan kunneen ammoo sababa ‘Taabotichi nuuf ka’uu dide’ jedhuun torbee tokkoo oliif bakkicha turaniiru jedha bulchinsichi.
Bulchiinsi magaalichaa namoota achi qubatanii turan kanaaf filannoo lama kennuu kan himte Kantiibaan magaalaa Galaan Wayinisheet Gizaaw, ‘ofiif kaafachuu’ yookaan ‘poolisiin haa kaasnu’ kan jedhuun dhumarratti ofiif kaafatanii gara mana amantaatti akka galan himte. Ergasii bakkichatti sochiin tokkoyyuu akka hin jirree fi namoonni Taabota arganne jedhanii fi deeggartoonni isaaniis nagaan bakkicharraa deemuu himte.
Hogganaa Itti-aanaan Mana Lubummaa Bataskaana Ortodokosii Itoophiyaa duraanii Luba Balaay Mokonnin yaada waggaa lama dura BBCtti laataniin, “dubbiin akkasii kun amantii kan miidhudha” jechuun isaanii ni yaadatama. “Wanti akkasii nama goyyoomsuudha”, kan jedhan Luba Balaay, “dhuguma Waaqayyoo raajii hojjechuu ni danda’a, raajii kan hojjetu garuu namoota akkanaa fedhii foonii isaanii duuba godhatanii of fuuldura sagalee Waaqaa qabatanii deemaniin osoo hin ta’iin, warra dhugaadhaan Waaqa amane irratti Rabbi raajii kan hojjetu,” jedhan. AS