“Marii Biyyaaleessaa Hunda Hirmaachise, Iftoomina Qabu; Qaama Sadaffaa Hirmaachise Gaggeessuun Furmaata” – Gamtaan Paartilee Mormitootaa

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit 

Finfinnee, Adoolessa 23/2022 – Paartilee mormitootaa gurguddoo 11 of keessatti kan hammate Gamtaan Paartilee Mormitootaa (Caucus of Opposition Parties) walga’ii idilee Adoolessa 16, 2022 gaggeesseen dhimmoota yeroo ammaa kana biyyattii miidhaa jiranii fi haala hojiilee gamtichaa ji’oota dhufanitti hojjatu cimsuu danda’amu irratti mari’achuu ibsa baaseen beeksiseera. Ibsa kanaanis, marii biyyaaleessaa hunda hirmaachise fi iftoomina kan qabu, akkasumas qaama sadaffaa hirmaachise gaggeessuun furmaata rakkoo siyaasaa biyyatti akka ta’e ibse. 

Walga’ii kana irratti walitti bu’iinsa saffisaan gara kutaalee biyyattii hundatti babal’achaa jiru fi akkaataa walitti bu’iinsi babal’atee kun jireenya hawaasummaa fi diinagdee hawaasa bal’aa miidhaa jiru bal’inaan irratti mari’atameera. Gamtichi ibsa baasee kanaan, walitti bu’iinsa qabeenya biyyattii baay’ee dhabamsiise kun qaala’iinsa gatii guddaa akka uumamu taasisuun yeroo ammaa kana qaqqabummaa meeshaaleen bu’uuraa irratti hanqina akka mudatu taasiseera jedhe. “Baatiilee darbaniif uummatni hedduu ijoollee isaaniif nyaatni itti aanuu eessaa akka dhufu yaadda’u. Har’a uummatni hunduu abdii kutannaa keessa jira. Namootni yeroo kamiyyuu caala, amma nageenya isaaniif yaadda’u,” jedha ibsichi.  

Walitti bu’iinsa kutaalee biyyattii hunda raasaa jiru kana nagayaan hiikuuf fedhiin siyaasaa yoo hin jiru ta’e walitti bu’iinsichi gara sadarkaa duubatti deebi’uun hin danda’amneetti gahuun guutummaan biyyattii akka miidhamu Gamtaan Paartilee Mormitootaa sagalee guutuun irratti waliigaluu beeksiseera. Kanaafiis, “walitti bu’iinsa amma jiru kana keessaa bahuuf karaan tokkicha jiru marii biyyaaleessaa; hunda galeessa fi walabaa ta’e, iftoomina kan qabu fi sababa wal shakkii walitti bu’iinsicha uumeen qaama sadaffaa kan hirmaachise gaggeessuu qofa,” jedhe. 

Marii biyyaaleessaa haqa qabeessa ta’e fi amanamummaa qabu gaggeessuuf tarkaanfiiwwan kan akka labsii dhukaasa dhaabuu, waraana dhaabuu, dhorkii qaamolee falmiirra jiran kaasuu, hidhamtoota siyaasaa haalduree tokko malee hiikuu, bilisummaa siyaasaa hunda eeyyamu, kanneen isaan barbaachisuuf deeggarsa namoomaa kennu fi buqqaatota deebisuu raawwatamu akka qaban waliigaluu beeksiseera, COP.  

Gaaffiin mirga ofiin of bulchuu Naannoo Saboota, Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa fi bakkeewwan birootti ka’u walitti bu’iinsa yeroo ammaa kana biyyattii goolaa jiru irratti boba’aa dabalataa ta’u danda’a kan jedhe ibsi Gamtaan Paartilee Mormitootaa kun, qaamoleen hunduu wantoota waldhabdee uuman irraa of qusachuun walitti bu’iinsa jiru akkaataa heera mootummaan hiikuu danda’amu irratti akka hojjatan waamicha dhiyeesseera. 

Kana malees, paartilee gamticha keessatti hammatamanii jiran haala Gamtaa kana cimsuu fi bu’aa qabeessa godhamu danda’amu irratti mari’ataniiru. Kanaanis tarsiimoowwan gamticha cimsan dhiyaatanii akka raggaasifaman ibsi gamtichi baasee kun addeessa.  

Haaluma kanaan jiila Gamtaa Paartilee Mormitootaa kun miseensota hawaasa dippilomaasii Imbaasiiwwan kudhan ol of keessatti qabu waliin walarguun dhimmoota faayidaa biyyaaleessaa qaban irratti, akkasumas barbaachisummaa marii biyyaaleessaa haqa qabeessa, hunda hirmaachise fi iftoomina qabu irratti mari’achuu ibsameera. 

Hoggantoonni paartilee Gamtaa Paartilee Mormitootaa kun torban kana keessatti miseensota hawaasa dippilomaasii waliin Imbaasii Ingilizii Finfinnee jirutti mari’ataniiru. Walgahii kana irratti qondaaltonni sadarkaa olaanaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO), Adda Bilisummaa Oromoo(ABO), Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden (ABBO), Aranaa Tigraay, Paartii Ummata Affaar( PUA), fi Hibir Itoophiyaa irraatti argamanii turan.

Mareen kun marii biyyoolessaa fi haala waliigala Itoophiyaa giddu galeessa godhachuun, dippilomaatonni Imbaasiiwwan Ingilizii, Deenmaark, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, fi Jarmanii irraa dhufan akkaataa biyyattiin bittinnaa’uu irraa baraaramuu dandeessuu akkasumas milkaa’ina tattaaffii akkanaatiif barbaachisummaa hirmaannaa qaamolee idil-addunyaa cimuu akka qabu ibsameera.

Dura taa’aan Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaa maree kana ilaalchisuun yaada isaanii Addis Standardiif kennaniiru. Walgahiin hawaasa dippilomaasii waliin taasifame kun akeeka maalii bu’uura akka godhate yoo ibsan, “Marii ture. Gamtaa Paartilee Mormitootaa haaraa ijaarre isaan beeksisuuf akkasumas kallattii waliigalaa biyyattiin itti deemtu, waa’ee nagaa, waldhabdee, marii biyyoolessaa fi komishinii hoogganuuf  hundeeffame irratti mari’anne” jedhe. Mariin ture addda durummaan dhimmoota kana irratti xiyyeeffate kan jedhan Pirofeesar Mararaan marii gadi fageenya qabu akka tures eeraniiru.

Dippilomaatonni kunneen “garaa garummaa Gamtaa Paartilee Mormitoota fi  mana maree waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, paartii biyya bulchaa jiru dabalatee paartilee siyaasaa 53 ol of keessaa qabu, gidduu jiru nu gaafatan. Akkasumas tattaaffii keenya akkamitti akka gaggeessinuu fi madaalliin haala jiru maal akka ta’e beekuu barbaadaniiru.’’jedhan. Mariin Dippilomaatota faana taasifamu kun itti fufinsa qabaachuu isaa yeroo gafataman, Yeroo barbaachisetti mariin akkana itti fufas jedhan.

Paartilee mormitoota kudhan adeemsa raawwii marii biyyaalessaa irratti komii qaban Waxabajjii 5 baasaniin, garaagarummaa yaadaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduu jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, gamtaa yaada fi tarsiimoo sirna dimokiraasii dhugaa gadi dhaabuudhaaf ta’u ‘Gamtaa Paartilee Mormitootaa (Caucus of Opposition Parties)’’ hundeessinee jirra, jechuun isaanii ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.