Oduu: Namoota Koree Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa Hudeessun Himataman Irratti Himanni Qabiyyee Keeyyata Himannan Ala Taa’en Dhiyaate Jedhame

Naatinaa’eel Fiixeetiin 

Finfinnee, Adoolessa 07, 2022 – Gaazexeessitoota ONN lama dabalatee himatamtootni 17 galmee Qaasiim Abdullaahi jala himata “Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuu” jedhuun himataman har’a Adoolessa 07, 2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhiyaataniiru. Oolmaa dhaddacha guyyaa har’aatin himatamtootni himata Abbaan Alangaa dhaddacha darbe irratti fooyyeessee dhiyaasse irratti yaada laataniiru.

Oolmaa dhaddacha har’aa ilaalchisee Addis Standarditti yaada kan laate abukaatoo seeraa isaanii Milkiyaas Bulchaa, akkaataa murtii yeroo darbeetin himanni Abbaan Alangaa yeroo sadaffaaf akka fooyyeessu ajajamee fooyyeesse irratti deebii isaani barreeffamaan kennu dubbateera. 

Dhaddacha darbe Waxabajjii 28, 2022 ooleen Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gaazexeessitoota ONN lama dabalatee himatamtoota 17 galmee Qaasiim Abdullaahii jalatti himataman kunneen beellama yeroo dabreetin abbaan seeraa waadaa ogummaa isaaf seene cinaatti dhiisuun loogdummaa agarsiiseera jechuun dhimmi isaanii abbaa seeraa biroon akka ilaalamuuf iyyatani turan erga ilaale booda gaaffii himatamtootni kunneen gaafatanii turan kuffiseera.

Dhaddacha Waxabajjii 28 irratti Abbaan Alangaa akkaataa manni murtii dhaddacha darbe irratti ajajeen himata isaa fooyyeessee dhiyaateera. Manni murtiis himatamtootni kunneen deebii isaanii barreeffamaan akka dhiheeffataniif beellamni jijjiiramaa Adoolessa 7, 2022 beellamuun isaa ni yaadatama.

Milkiyaas, “Abbaan Alangaa kanaan dura himata isaa keessa eenyu yakka maalirratti akka hirmaate, meeshaa fayyadame maal maal akka ta’e fakkeenyaaf bilbilaan walqunnama yoo ta’e lakkoofsa bilbila maaliin akka ta’e, miidhaan gahe ammam akka ta’e fi kanneen biroo ifatti waan hin ibsineef akka fooyyeessu ajajamee didaa tureera. Nutis mormii keenya dhageessisaa turre. Dhaddachoota baay’ee booda abbaan alangaa beellama darbe irratti fooyyeesse dhiyaassera. Himata fooyya’e jedhame dhiyaatees yeroo ilaallu keeyyata yakkaa himaticha keessaa akka bahu ajajame ture [keeyyata 258] lakkoofsa isaa qofa baasuun qabiyyee keeyyaticha keessa jiran ammallee himata keessa waan jiraniif akkaataa jedhameen akka hin fooyyaane deebii laanneerra,” jechuun Addis Standarditti himeera. 

Waa’ee keeyyata dhaddacha kanaan dura irratti manni murtiin himata keessaa akka bahu ajaje yeroo ibsu, “keeyyatichi waa’ee namoota yakka humnaan seeraan ala mootummaa diiguuf yaalan ibsa, isaan ammoo durumaanuu humna fayyadaman waan hin jirreef keeyyata 238 [namoota yakka seeraan ala mootummaa diiguuf yaalan kan ittiin himataman] qofaan himatamu qabu jechuun manni murtiin himaticha keessaa akka baafamu ajaje ture,” kan jedhe Milkiyaas, Abbaan Alangaa garuu himata amma fooyyeesse dhiyeesse irratti lakkoofsa keeyyaticha eeruu hambisee malee qabiyyee himata keeyyatichaa keessaa hin baasne jedhe. 

Himatamtootni himata isaan irratti dhiyaate hubatanii seeraan of ittisuuf himata ifa ta’e dhiyaachuu akka qabu fi adeemsa mana murtii irratti murtoo haqa qabeessa laachuuf dursa himatichi akkaataa manni murtiin ajajeen fooyya’ee dhiyaachuu osoo irra jiraatuu abbaan alangaa diddaa agarsiisaa jira kan jedhe abukaatoon himatamtootaa kun, “haala Abbaan Alangaa seeraan ala ajaja mana murtii  diddaa agarsiisaa jiru kanatti, akkasumas haala manni murtii aangoo seeraan kennameef kabachiise Abbaa Alangaa irratti aangoo isaa hin fayyadamneetti murtii haqa qabeessa darba jenne waan hin amanneef yaada mormii keenya mana murtiif dhiyeessineerra,” jedhe.    

Bu’uruma kanaan Manni Murtii himatni Abbaa Alangaa fooyya’ee jedhamu fi deebii himatamtootni dhiyeessan  qoratee murtii laachuuf bellaama jijjiiramaa Adoolessa 18, 2022tti kenneera. 

Himatamtootni kunneen Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuuf mootummaa adeemsa seera qabeessaan hundeeffame diiguuf hojjetaniiru jedhamuun Sadaasa 13, 2021 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, yeroo ammaa kana magaalaa Sabbataa mana hidhaa Daalattiitti argamu.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.