Oduu: Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa haala nageenyaa fi ajjeechaa lammiilee nagaa irratti yaada murtoo qabxii jaha dabarse

Finfinnee, Adoolessa 07/2022 – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kaleessa walga’ii addaa dhimmoota haala nageenyaa biyyattii, dhimma hokkora fi ajjeechaa Oromiyaa, Gaambeellaa, Naannoo Kibbaa, Beenishaangul Gumuz, Afar, Amaaraa fi kutaalee biyyatti baay’ee keessatti raawwataman irratti xiyyeeffate gaggeessaniiru. Ibsichi Naannoo Tigraay hin eerre. 

Mana Marichaa “lammiilee gara jabeenyaan ajjeefamaniif” yaadannoo sammuu daqiiqaa tokko gochuu, akkasumas “Koree addaa” hoggansa olaanaa mana marichaan hundaa’ee dhimmicha qulqulleeffachuun mana marichaa fi uummanni Itoophiyaa ragaa gahaa akka qabaatu taasisuu akkasumas yaada duub-deebii tarkaanfii itti aanuuf fayyadan akka dhiyaatu dabalatee yaada murtoo qabxii jaha dabarseera. 

Haaluma kanaan Manni Mariichi yaada murtoo jaha armaan gaditti tarreeffaman dabarseera: 

1. Lammiilee gara jabeenyaan ajjeeffamaniif yaadannoon sammuu daqiiqaa tokkoo akka taasifamu

2. Naannolee biyyattii kamittuu qaamolee lammiilee nagaa irratti miidhaa fi ajjeechaa raawwatan, akkasumas qabeenya barbadeessan seeraan akka gaafataman akka taasifamu

3. Hoggansi sadarkaa hundarra jiru, qaamolee nageenyaa fi haqaa nageenya lammiilee akka mirkaneessan; yakkamtoota seeratti akka dhiyeessan

4. Hojiin lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqa’an gara qe’ee fi qabeenya isaaniitti deebisuu atattamaan akka raawwatamu

5. Uummanni Itoophiyaa yeroo kamiyyuu caalaa obbolummaa fi tokkummaan akka dhaabbatan

6. Koreen addaa hoggansa olaanaa mana marichaan hundaa’u dhimmicha qulqulleeffachuun manni marichaa fi uummanni ragaa gahaa akka qabaatu taasisuu akkasumas yaada duub-deebii tarkaanfii itti aanuuf fayyadan akka dhiyaatu.

Walga’ii addaa mana marichaa kun erga Paartii Badhaadhinaa bakka bu’uun miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’e Hangaasaa Ibraahim Kibxata darbe viidiyoo karaa Feesbookii dhuunfaa isaa irratti tamsaaseen ajjeechaa jumlaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamanii Waraana Bilisummaa Oromoo irratti quba qabaman Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Komishinara Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa fi hoggansa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatin kan qindaa’eedha erga jedhe boodadha. Miseensi mana maree kun ajjeechaa hoggansa Naannoo Oromiyaa ammaatin dhoksaan gareewwan hidhatan fayyadamuun raawwataman irratti qorannoo akka gaggeeffamu gaafateera. 

Kanaan dura miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa kan ta’e Hangaasaan, Komishinara Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaatin ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu 14 duba jira jechuun kan himate yoo ta’u, boodarra Abbootiin Gadaa kun humnoota nageenyaatin akka ajjeefaman qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ifa godheera. 

Hangaasaan, tamsaasa kallattii toora feesbuukii isaatin, ajjeechaa lammilee nagaa Naannoo Oromiyaa keessatti itti fufe jiru akka dhaabbatuuf Ministirri Mummee Abiy Ahimad caasaa siyaasaa mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaatin hogganamu akka diigu, Shimallis Abdiisaa dabalatee qaamolee gocha kana irratti hirmaatan to’annoo jala oolanii himannaan akka irratti dhiyaatu gaafateera. Hanga oduun kun qindaa’uutti Mootummaan Oromiyaa deebiin laate hin jiru. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.