Oduu: Gatiin Boba’aa Dabale; Deeggarsi Boba’aa Konkolaattota Ummataa Hojiirra Oole

Finfinnee, Adoolessa 06/2022 – Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa gatii boba’aarratti daballii taasisuu beeksiseera. Bu’uruma Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 3ffaa Amajjii 08, 2022 gaggeesseen gatii oomishaalee boba’aarratti sirreeffama gatii fi hojiirra oolmaa deeggarsa taasisuuf yaadamee eegalchiisuuf hojiin qophii duraa hojjatamaa tureen daballiin gatii boba’aa kun Adoolessa 6, 2022 irraa eegalee buufataalee boba’aa naannolee hundatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan gatiin gurgurtaa qinxaaboo oomishaalee boba’aa: Beenziinii liitiraan birrii 47 fi saantima 83, Naafxaa Adiin liitiraan birrii 49 fi saantima 02, Keeroosiiniin Liitiraan birrii 49 fi saantima 02, Naafxaa salphaa gurraachi liitiraan birrii 53 fi saantima 10, Naafxaa cimaa gurraachi liitiraan birrii 52 fi saantima 37, Boba’aan xiyyaaraa liitiraan birrii 96 fi saantima 83 akka gurguramu ibsameera.

Gatii boba’aa beenziinii, keeroosiinii fi naafxaa adiirratti konkolaattota geejjiba uummataa fi yookaan ammoo konkolaattota fayyadamoo deeggarsa yaadameef mootummaan %15 kan deeggaru ta’uu %10 ammoo ofiisaanii kan kaffalan ta’uu fi hangi deeggarsaa Teelee Birriin deebii kan taasifamuuf ta’uu ministeerichi eereera.

Oduu walqabatuun, konkolaattota tajaajila geejjiba ummataa kennan qofa fayyadamoo kan taasisu deeggarsi boba’aa, har’a Adoolessa 06, 2022 irraa eegalee hojiirra ooluu eegaluu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksi Itoophiyaa beeksiseera.

Sadarkaa biyyaatti konkolaattota tajaajila geejjiba ummataa kennan deeggarsa boba’aa yaadameen fayyadamtoota ta’uuf, odeeffannoo barbaachisu kennuun karaa giddugala gurgurtaa Ityoo Telekomiin galmaa’uu kan yaadachiise Ministeerichi, deeggarsa boba’aa biyyaalessaa yaadame teeknooloojiin deeggaruuf Itiyoo Teelekoomiin appilikeeshiniin kalaqamee tajaajila saffisaa fi amansiisaa kennuu eegaluu beeksiseera..

Bu’uuruma kanaan konkolaattota kuma 160 ol Teelee Birriin tajaajilicha argachuuf galmaa’an har’a irraa eegalee appilikeeshinicha fayyadamuun ni keessummeeffamu jedhameera.

Konkolaattonni tajaajila geejiba ummaataa kennan waggaatti fayyadamni boba’aa isaanii liitiraan tilmamame qo’annoon adda ba’uun, tokkoon tokkoo konkolaattotaa hangi boba’aa fayyadamanii shallagamee tarraa’uun, konkolaattonni qisaasama tokko malee deeggarsi boba’aa akka hojiirraa oolu kan taasisuu ta’uu ibsameera. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.