“Sarbiinsi Mirgoota Namoomaa Oromiyaa keessa jiru sababa waraana Kaaba Itoophiyaatin xiyyeeffannoo dhabeera” – Hiyumaan Raayits Waach

Finfinnee, Adoolessa 6/2022-Dhaabbata falmaa mirgoota namoomaa idil addunyaa Hiyumaan Raayits Waach, hokkoraa fi sarbiinsa mirga namoomaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen xiyyeeffannoo isaaf malu dhabee hammaachaa jira jedhe barruu Adoolessa 4,2022 baaseen. 

Ajjeechaa mallattoo sochii warraaqsa uummata Oromoo weellisaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee keessattuu Naannoo Oromiyaa keessatti hokkora fi walitti bu’iinsa lubbuu namoota 178 ol galaafate geessisuu kan yaadachiise gabaasni kun, “taateen kun haala qabiinsa mirgaa biyyattii keessatti badaa jiru akka hamaatu taasiseera,” jedhe.  

“Yeroo san, bara 2020, Finfinnee dabalatee Oromiyaa maratti mormitoota gadda ajjeechaa Haacaaluutin itti dhagahame ibsuuf gara daandiitti bahan irratti tarkaanfii humnoota nageenyaa fudhataniin namootni baay’ee du’aniiru, hedduun miidhamaniiru. Wasiilli Haacaaluus namoota sirna awwaalchaa dura magaalaa Amboo keessatti maatii Haacaaluu fuuldura humnoota nageenyaatin ajjeefaman keessa isa tokkoo. Akka namni ijaan arge tokko dubbateetti, “jalqaba morma isaarratti kan rukutame wasiila Haacaaluu ture, inni ballatumatti lubbuun isaa darbe. Sana booda dhukaasni ture, namootni baay’eenis ajjeefamaniiru,” jedhe.     

Kana malees, “Haleellaa suukkanneessaa magaalota Oromiyaa keessatti gaggeeffameen namoota naannichatti sabaa fi amantaan lakkoofsa gadi aanaa qaban, keessattuu Amaaraa, hedduu ajjeefamaniiru,” kan jedhe gabaasni kun, gochi kun yeroo raawwatamu humnootni nageenyaa giddu seenuu dhabu isaani miidhaa uumame daran akka ulfeesse ibseera. Hawaasni kun miidhaa qabeenyaa fi buqqaatii olaanaa irra gaheera. 

Hawaasni miidhaman qorannoo amanamummaa qabu akka gaggeeffamu irra deddeebiin gaafachuu isaani kan yaadachiise ibsi kun, “haata’u malee mootummaan Oromoota kumaatamaan lakkaawwaman hidhuun hedduun isaani manneen hidhaa hidhamtootaan guutaman kan akka waajjira poolisii fi manneen barnoota keessatti ji’ootaaf mana murtii osoo hin dhiyaatiin akka turan taasifamaniiru” jedhe. Caamsaa 2021, Komishiniin Mirgoota Namoomaa hidhaa jumlaa adeemsa seeraa hin eegganne akka jiran gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Kana malees hokkora uumameen walqabatee namoota siyaasaa hedduu jumlaan hidhamaniiru jedhe. “Baay’een isaani bara 2022 keessatti kan gadi lakkifaman ta’uus hoggantootni Adda Bilisummaa Oromoo garuu manni murtii akka isaan gadi lakkifaman ajajullee osoo hin gadhiifamiin mana hidhaa keessa jiru. Kana malees gariin isaani hanqina wal’aansa fayyaa gahaatin dhukkubsataniiru,” jedha gabaasni Hiyumaan Raayits Waach kun. 

Haleellaawwan Oromiyaa keessatti baay’inaan raawwataman 

Lixa Oromiyaatti mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo irratti duula gaggeessaa jiruun, giddutti lammiileen nagaa dararaa hedduu irra gaheera kan jedhu gabaasni dhaabbatichaa kun, jalqaba bara 2019 mootummaan Komaand Poostii Federaalaa llixa Oromiyaatti humnoota nageenyaa federaalaa fi naannoo gurmeessu akka dhaabee turee fi  bilbillii, interneetiin Lixa Oromiyaa jiru addaan cite turuu yaadachiiseera. Akkasumas dhaabbileen gargaarsaa, miidiyaalee, fi dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman naannicha seenuun kan daangeeffame ture jedhe.   

“Daangaaleen kunneen jiraatanis dhaabbileen mirga namoomaaf falmanii fi miidiyaaleen, sarbiinsa mirgaa, ajjeechaa fi hidhaa humnoota mootummaatin raawwataman gabaasuu danda’aniiru. Gareewwan hidhatan hawaasa lakkoofsaan gadi aanaa ta’anii fi aanga’oota mootummaa butaniiru yookaan ajjeesaniiru,” jedhe.

Kana malees, humnootni nageenyaa dargaggoota Oromootin gareewwan hidhatan deeggaru yookaan waliin hidhata qabu jechuun himateera jedha gabaasni kun. “Caamsaa bara 2021 humnootni nageenyaa dargaggeessa Oromoo umurii 17 guyyaa adiin ajjeesaniiru. Aanga’ootni mootummaa ajjeechaa raawwatame kana maal na dhibdeedhaan waraabanii fuula fesbuukii mootummaa irratti gadhiisaniiru. Aanga’ootni mootummaa taatee suukanneessaa kana atattamaan qorachuu dhiisanii maatii fi hiriyyoota dargaggeessa ajjeefame kana sodaachisuun hidhaniiru.” jedhe.   

Dhiyeenya kana Waxabajjii 18, Aanaa Gimbii keessatti humnootni hidhatan dubartoota, daa’imman fi maanguddoo dabalatee dhalattoota Amaaraa hedduu irratti haleellaa geessisuun, kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman akka ajjeefaman, namoota 4,800 ol ammoo qe’ee isaanirra akka buqqa’an godhamuu kan yaadachiise gabaasni haaraa kun, kanneen haleellaa kanarraa hafan WBO himatanillee, Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu haleellichaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne jedhe.   

“Ajjeechaan jumlaa akkanaa yeroo raawwatamu kun kan jalqabaa miti,” kan jedhe gabaasichi, jalqaba Sadaasa 2020 Aanaa Gullisoo keessa fi Bitootessa 2021 Aanaa Baaboo Gembeel keessatti ajjeechaa Amaarota irra gahe akka fakkeenyaatti kaaseera. 

Dhaabbatichi, mootummaa Itoophiyaa fi michuuwwan isaa dararaa fi sarbiinsa mirga namoomaa Naannoo Oromiyaatti babal’achaa jiruuf xiyyeeffannoo akka laatu, akkasumas miidhaa humnoota nageenyaa mootummaatin gahuu qorannoowwan walabaa amanamummaa qabaniif haala akka mijeeffamu hubachiiseera.AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.