Ajjeechaa Jumlaa Oromiyaa keessaatti raawwatamu aanga’oota Oromiyaatu harka keessa qaba-Hangaasaa Ibraahim

Hangaasaa Ibraahim, Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

Alamituu Hoomaatiin @alemituhoma

Finfinnee, Adoolessa 6/2022– Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Hangaasaa Ibraahim viidiyoo karaa Feesbookii dhuunfaa isaa tamsaaseen Ajjeechaa Jumlaa Oromiyaa keessaatti gaaggeeffamu aanga’oota Oromiyaatu harka keessa qaba jedhe. 

Waxabajjii darbe kana godina Wallagga lixaa aanaa Gimbii ganda Tolee fi torbee kana keessa godina Qeellam Wallagaatti namoota nagaa irratti ajjeechaan jumlaan raawwatamun isaa gabaafamaa ture. Kana malees yeroo garaagaraatti godinaalee Wallaggaa keessatti ajjeechaa jumlaa raawwatamaa turuun gabaasamee jira. 

Dhimma kana irratti miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kun “Shanee(Waraana Bilisummaa Oromoo) Jaal Marii miti kan uummata fixuutti jirtu. Ummata Amaaraa kan fixaa jiru garee Shanee Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi Aanga’oota paartii Bilstiginnaa naannichaa ta’iin ijaarame.” Itti fufuunis “Shanee gosa lamatu jira Shanee is dhugaa fi Shanee burjaajessiitu jira. Shanee burjaajessaan kun kan hogganaamu aanga’oota naannoo Oromiyaatini”jedhe.

Dhumaatii Sabaaf sablammootaa Oromiyaa keessaatti ta’an hundaafis aanga’oota naannoo Oromiyaatu karoorse jechuun himate,”Ajjeechaan Sabaaf sablammootaa hin itti yaadamee kan ajajni darbu waajjira Pirezidaantii Oromiyaa fi Waajjira Bilstiginnaa naannichaa irraati.” Kana malees qaamoleen kunneen yoo itti hin gaafatamne Oromiyaa keessaatti nageenyi hin jiraatu jedhe.

Kanaan duras ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu keessaa humnoonni mootummaa harka qabaachuu miseenseensi paartii biyya bulchuu kun dubbatee ture. Hangaasaa Ibirahim ajjechaa Abbootii Gadaa keessaa Komishiinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa, Araarsa Mardaasaatu harka keessaa qaba jechuun isaa ni yaadatama. Boodarra Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa  baatii muddee  keessa, Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee namoonni 14 humnoota mootummaan ajjeefamuu qorannoo isaatin ifoomsera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.