KFO’n ajjeechaawwan sukkanneessoo Tolee, naannowwan biroottis raawwataman qaama walabaan akka qorataman waamicha dhiyeesse

Fifinnee, Waxabajjii 22/2022– Ajjeechaawwan sukkanneessoon yeroo garaa garaatti qaamolee hidhataniin lammiilee nagaa irratti yeroo garaagaraatti raawwatamuu kan eere ibsi Kongiresiin Federaalawaa Oromoo(KFO) har’a baase akka fakkeenyatti ajjeechaa dhiyeenya kana Wallagga Lixaa aanaa Gimbii ganda Toleetti raawwatame fi Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Daawwaa Caffaa ganda Intooliitti baatii Muddee keessa raawwatame  kaasee jira. 

Waggoota sadeen dabranii asitti haala adda ta’een Naannoo Oromiyaa keessatti, akkuma walii galatti ammo Itoophiyaa keessatti wal waraanni fi walitti bu’iinsi gaggeefamaa akka jirufi ajjeechaa, hiraara fi buqqatii lammilee nagaatiif sababaa ta’aa jira kan jedhe KFO’n “dhiiga lammilee nagaa dhangala’aa jiruun bu’aa siyaasas ta’e injifannoon argamu gonkuma hinjiru” jedhe. 

Haleellaa lammilee nagaa irratti raawwatame hunda cimsee kan balaaleffate KFO’n ajjeechaawwan raawwataman hundumtuu qaama gartummaa irraa walaba ta’een akka qulqulleeffamu fi kan badii raawwatanis seeraatti akka dhiyaatan yaamicha dhiyeesseera. 

Ibsa guutuu

Waggoota sadeen dabranii asitti haala adda ta’een Naannoo Oromiyaa keessatti, akkuma walii galatti ammo Itoophiyaa keessatti wal waraanni fi walitti bu’iinsi gaggeefamaa akka jirufi ajjeechaa, hiraara fi buqqatii lammilee nagaatiif sababaa ta’aa jira. Keesuma dhiyeenya kana, Waxabajjii 11 2014 ALI Naannoo Oromiyaa godina Wallagga Lixaa aanaa Gimbii ganda Tolee jedhamutti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lammileen nagaa dhibbaan lakkawwaman itti dhukafame garaa jabinaan jumlaan ajjeefamuu isaanii dhageenne jirra. Baayyeen ajjeefamtootaa dubartootaafi daa’imman akka ta’anis odeeffannoon nu gaheera. Ajjeechaa jumlaa kanaan mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo yoo himatu, gareen hidhataan kunimmoo hidhattoota mootummaatiin boba’an jedhee komata. Kana jiddutti garuu dhiigni namoota nagaa gadi jigee irra dibame hafaa jira.

Yeroo adda addaatti kan samuu ummataa cinqan, hidhattoota mootummaas ta’e kan mootummaatiin alaatiin ajjeechawaan suukaneessoon raawwataman viidiyoodhaan hunda waraabbamanii miidiyaalee adda addaatti gadidhiifamaa jirachusa ti. Fakkeenyaaf humnoota Zamachaa Minilik jedhamani mootumaaa harka keessa qabufi  ajaja mootummaa jalas kan turan  Naannoo Amaaraa Godina Addaa Oromiyaa Aanaa Daawwaa Caffaa ganda Intoolii jedhamu keessatti baatii Muddee bara 2014 torbaan darbe kana keessa ammo namoota  “miseensota Shanee” jedhaman konolaataa irraa buufamanii  gara jabinaan ajjeechaan irratti  raawwatame akka ragaa qabatamaan Komishiniin Mirga Dhala Namoomaa Itoopiyaa qulqulleessee dhiyeessus tarkaanfiin fudhatame hin beekamu. Kunis humni aangoo mootummaa too’atee jiru seera kabachiisuu fii nageenya lammilee eegsiisuuf dirqama ijoo isaa ta’e bahachuuf humna dhabaa akka jiru nimuldhisa.

Akka KFOtti dhiiga lammilee nagaa dhangala’aa jiruun bu’aa siyaasas ta’e injifannoon argamu gonkuma hinjiru jedhee onnee irraa amana. Haleellaa lammile nagaa irratti raawwatame hunda ni balaaleffana. Sabafi sab-lammii biroo Oromiyaa keessa jiraatan akkuma jiraattoota naannichaa kamuu eegumsaa fi lubbuu fi qabeenya isaanitiif wabiin guutuun kennamuufii qaba kan jedhu ejjannoo cimaa qabna. Gama kanaan nageenya lammilee kanaa eeguuf Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaas ta’e Mootummaan Federaalaa hara’a boru otuu hin jedhin dirqama isaanii bahachuu akka qaban cimsinee hubachifna. Ummanni Oromoo baldhaanis ajjeecha lammilee nagaa Naannoo Oromiyaa keessa jiraatan irratti raawwataman hunda sagalee tokkoon balaaleffachuu qaba.

Ajjeechaa iddoo garaagaraa keessatti raawwataman hundumtuu qaama gartummaa irraa walaba ta’een akka qulqulleeffamu KFOn irra deddeebiin yaamicha dhiheessaa turuun isaa akkuma yaadatamu ta’ee, ammallee humnootni ajjeechaa jumlaa Toleetti raawwatame irratti hirmaatan hundi qaama walab  ta’een qulqulleeffamanii ummataaf akka ifa godhaman; kan badii raawwatanis seeraatti akka dhiyaatan yaamicha dhiyeessa. Haleellaa raawwatameen kan lubbuu dhabanii fi kan miidhaman hundaaf gadda nutti dhagahame ibsaa, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwina. Kan haleellaa jalaa hafan tasgabbeessuufi deebisanii ijaaruuf tarkaanfiiwwan atattamaan akka fudhatamu niyaadachifna. 

Dabalatanis humnooti sababaa garaagarumma siyaasaatiin wal waraana turan garaagarumaa  isaanii dhiphisanii karaa nagaatiin rakkoolee isaanii furachuuf tattaffii akka godhan, kanaafis marii hunda  hirmachiisa akka geggeessan irra deebiin gaafanna.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.