Poolisiin magaalaa Buraayyuu Qondaalota ABO Mana Murtiitti osoo hin dhiyeessiin hafe

Naatinaa’el Fiixee tiin 

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2022 –  Poolisiin Qondaalota Olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaa Buraayyuu keessa hidhamanii jiran afur mana murtii osoo hin dhiyeessiin hafe. Qondaalonni ABO

Mikaa’el Baqqalaa, Lammii Beenyaa, Daawit Abdataa fi Gadaa Gabbisaa, Manni Murtii Aanaa Buraayyuu iyyannoo qaamabilisa baasuu (Habeas corpus) qondaalonni ABO afran dhiyeessan ilaaluuf beellama har’a qabate irratti Poolisiin mana murtii osoo hin dhiyeessiin hafusaa Gareen Abukaatota isaani Addis Standarditti himeera.    

Akka Gareen Abukaatota kun ibsetti, hoggantootni olaanoo ABO yeroo ammaa kana Buraayyuutti himata malee hidhamanii jiran torba keessa afran kun Waxabajjii 13, 2022 karaa abukaatoo isaani mana murtii aanaa Buraayyuutti iyyannoo qaama bilisa baasuu (Habeas corpus) dhiyeessanii turan. 

Manni Murtiichaas iyyannoo isaani ilaaluuf Waxabajjii 22, 2022 beellamuun Poolisiin iyyattoota kana bakka hidhamanii jiran irraa guyyaa beellamatti mana murtii akka dhiyeessu ajaja dabarse ture. Haata’u malee akkaataa beellama qabameen har’a dhaddachi kan eegalee ta’uus Poolisiin akkaataa ajaja mana murtiitin iyyattoota afran kana mana murtii osoo hin dhiyeessiin hafeera. 

Dhaddacha har’a ooleen manni murtichaa Poolisiin bulchiinsa magaalaa Buraayyuu iyyattoota kana beellama itti aanuu irratti akka dhiyeessu irra deebiin ajaja darbseera. Kana malees Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Komishinii Poolisii Oromiyaa ammoo beellama itti aanuutti dhiyaatanii sababa iyyattootni kun hanga har’aatti hidhamanii turan maal akka ta’ee fi isaan irratti himata qabu yoo ta’e akka ibsan Adoolessa 04, 2022f beellama jijjiiramaa kenneera.  

Mikaa’el Baqqalaan Abbaan Alangaa waan isaan himachiisu hin jiru jechuun galmee isaani erga cufe gara waggaa lama ta’eera. Mikaa’el torban lama dura mana hidhaa keessatti dhukkubni itti hammaatee Hospitaala Poolisii Federaalaa fi Hospitaala Lagahaaritti wal’aanamuus wal’aansa gahaa waan hin arganneef ammallee dhukkubni itti hammaate jiraachuu maatiin Addis Standarditti himanii turan. Obboleettiin isaa Silgee Baqqalaa, dhukkubni itti hammaannaan Hospitaala geeffamee ilaalamuus fooyyee tokkollee osoo hin agarsiisiin gara buufata poolisii itti hidhame jirutti deebi’ee ciisaa akka jiru yeroos Addis Standarditti himteetti.

Lammii Beenyaa fi Daawwit Abdataan ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee dhuma Adoolessa 2020 kan hidhaman yoo ta’u, galmeen isaani mana murtii aanaatti ilaalamaa ture. Jalqaba baatii Sadaasatti Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa himannaa shorokeessummaa irratti dhiyaate erga ilaale booda wabiin akka gadhiifaman ajaja dabarse ture. Haata’u malee Sadaasa 20 irra deebiin humnoota nageenyaan hidhamanii gara mana hidhaatti deebifaman. Sana booda Muddee 25, 2020 Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa himannaa isaan irratti dhiyaate haqee akka hiikaman ajajuus Poolisiin ajaja mana murtii ala buufata poolisii Sabbataatti hidhee isaan tursiise. Sana booda bakkeewwan adda addaatti naanna’anii himata malee hidhaatti argamu.   

Tibbana obboleessi Lammii Beenyaa, barataa Hundaa’ol Beenyaa, magaalaa Naqamtee keessatti rasaasa humnoota nageenyaa mootummaatiin itti dhukaafameen ajjeefamuun isaa ni yaadatama. Obboleessi isaa Firaa’ol Beenyaa yaada Addis Standarditti laateen, barataa 12ffaa fi barnootaaf maatii irraa adda bahee magaalaa Naqamtee keessatti mana kireeffatee jiraataa kan ture Hundaa’ol Beenyaan Waxabajjii 17 galgala humnoota nageenyaa mootummaatin ajjeefamu mirkaneesseera. “Odeeffannoo nuti qabnuun Jimaata sa’aatii 11 irraa eegalee hanga galgalaatti magaalaa Naqamtee keessatti dhukaasatu ture. Namootni rukutaman biroo jiru garuu kan ajjeefame isuma qofa,” jechuun haala ture ibse.

Gadaa Gabbisaan ammoo erga hidhamee himanni tokkollee osoo irratti hin dhiyaatiin, galmeen qorannoo osoo hin qabaatiin akkanuma mana hidhaa keessa akka jiru odeeffannoo garee abukaatota isaani argame ni mul’isa. Sababa qabiinsa badaa mana hidhaa keessatti isa mudateen yeroo ammaa kana dhukkubsate wal’aansa gahaa osoo hin argatiin miidhamaa jiraachuus odeeffannoo argame ni addeessa.   

Tibbana Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa qorannoo dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qajeelcha poolisii Oromiyaa garagaraa keessatti hidhamanii jiran irratti godhaa ture ifa godheera. Gabaasichi hoggantoota fi miseensota ABO heddu “Seeraan ala hidhamanii akka jiran” mirkaneesseera. Komishinichi hidhamtootni kanneen manni murtiin wabiin akka gadhiifaman murtaa’ef, galmeen himannaa isaani cufamee murtoo mana murtiin bilisaan kan gaggeeffaman, himannaan tokkollee kan irratti hin dhiyaanne fi Abbaan Alangaa himannaa akka irratti hin banne mirkanaa’e galmeen qorannoo isaani kan cufame daawwateera. “Haata’u malee turtii ji’ootaa hanga waggaa 2 ta’uuf bakka garagaraatti naanna’uun seeraan ala hidhaarra kan jiranii fi muraasni isaanis qabiinsa sirri hin taane fi reebicha adeemsa hidhaa irratti isaanirra gaheen miidhaa qaamaa fi rakkoo fayyaaf  saaxilamuu isaanii hubateera.” jedhe KMNI.

Komishinichi, “Hidhamtootni seeraan ala hidhamanii jiran atattamaan akka hiikaman” Komishiniin Poolisii Naannoo Oromiyaa haala akka mijeessu waamicha dhiyeesseera. Akkasumas kanneen himannaan osoo irratti hin dhiyaatiin hidhaarra jiran ammoo himannaan qabatamaa yoo irratti hin dhiyaatu ta’e hiikamu akka qaban hubachiiseera. Kana malees hidhamtoota to’annoo Poolisii jala jiran “dararaa irra gaheef” beenyaan akka kennamuufis  gaafateera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.