Ajjeechaa Suukaneessaan Dhiha Wallaggaa Ona Gimbii Ganda Toleetti Raawwatame Qaama Walabaan Qoratamuu Qaba- ABO

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2022 –Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) Ibsa Waxabajjii 20/2022 baaseen ajjeechaa hidhatoota mootummaan maatii qondaaltotaa fi miseensota ABO irratti addatti raawwataa jiruu balaaleffate.

Ibsa guutuun akka itti aanuutti dhiyaata

Godina Wallagga Dhihaa Ona Gimbii ganda Toleetti lammiilee irratti ajjeechaan raawwatame tibbana sabaa-himaaleerra naanna’aa jira. Humnootni nageenyaa mootummaa maqaa gareelee hidhannoon mootummaa falman sakatta’uu fi dhabamsiisuu jedhuun naannolee baadiyaatti waggoota lamaa oliif lammiilee nagaa meesha-maleeyyii ta’an gidirsaa turuu ragaaleen amanamoon ni mirkaneessu.

Namootni leenjii waraanaa hin qabnee fi lola keessatti maal akka godhan hin beekne hedduun humnoota mootummaatiin dirqiidhaan butamanii konkolaataatti fe’amuun akka gareelee sirnicharratti qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiran lolaniif gara bosonaatti oofamaa jiru. Milishootni mootummaa lola deemaa jiru keessatti lammiilee nagaa fayyaaleyyii akka golgaatti dhimma itti bahaa jiru. Kunis ajjeechaa suukaneessaa, barbadaa’insa manneenii fi bu’uuraalee akkasumas buqqa’iinsa lammiileef sababa tahee jira.

Ajjeechaa seeraan alaa bifa kanaa kan gareeleen mirgoota namoomaa hedduun humnoota waraanaa mootummaatiin raawwatamuu mirkaneessan mootummaan Bilxiginnaa irra deddeebiin haalaa jira. Kanaafis, ajjeechaan jumlaa Godina Shawaa Bahaa Ona Faantaalleetti Abbootii Gadaa irratti Muddee 1, 2021 raawwatame fakkeenya taha. Torbee lammeessoo baatii Waxabajjii, 2022 keessa Naannoo Gaambeellaatti ajjeechaan jumlaa humnoota nageenyaa mootummaa uffata dambii uffataniin lammiilee Oromoo fayyaaleyyii irratti raawwatamee fi naannoo Amaaraatti, gochaan suukaneessaan Godina Addaa Oromiyaatti (Muddee 2021 keessa tahuun kan amanamu) wayta raawwatamu viidiyoodhaan mul’ates ragaa biraa ti.

Dabalataanis mootummaan Itoophiyaa qubattoota akka caasaa tikaatti fayyadamuun, ummata naannichaa fi qabsaawota hidhannoon sirna isaa dura dhaabbatan ittiin tohachuuf akka meeshaatti dhimmi itti bahuu seenaa waggoota dheeraa qaba. Kunis dhalattoota naannichaa fi qubattoota jidduutti waldhibdee hin barbaachifne kaasuudhaan waggootaaf lubbuu namoota hedduu galaafatee jira.

Yeroo ammaa kana irra jireessa Godinaalee Wallaggaa fi Dhiha Shawaa irra uggurri mala qunnamtii mootummaadhaan kaa’ame hiraara lammiilee Oromiyaarra gahaa jiru akka ifa hin taane danqaa guddaa uumee jira.

Mootummaan miidiyaalee tohannaa isaa jala jiranitti dhimma bahuun miira ummataa dantaa siyaasaaf oolfatuu irratti bobbahuun, nagaa fi tasgabbii durumayyuu biyyattii keessaa dhibame hammeessuun dhangala’iinsa dhiigaa caaluuf gumaacha jennee amanna. Ajjeechaa suukaneessaan, hiraarri ulfaataanii fi gaaga’amni guddaan humnoota mootummaa fi tumsitoota sirnichaatiin Oromiyaa fi naannolee biroottis geessisaa jiran waliigala Godinaa Gaanfa Afrikaaf balaa guddaa dha.

Kanaaf, naannawa kanatti maal raawwatamaa akka jiru ifatti adda baasuu kan dandahu qaama walabaa qofa. Waan taheef, ajjeechaawwan suukanneessaa Tolee fi bifa fakkaataadhaan bakkoota biroottis raawwataman garee walabaa fi fudhatama qabuun akka qoratamaniif qaamoleen qooda fudhattootaa hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessina.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.