Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee Magaalaa Bordoddee rooba bubbee fi cabbiin walmakeen roobeen miidhaan dhaqqabe

Suuraa: Miidiya Hawaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 21/2022- Godina harargee lixaa Aanaa Gumbii-Bordoddee Magaalaa Bordoddee ganda lammiitti rooba dheengadda  bubbee fi cabbiin walmakee roobeen qabeenyaa fi namoota irra miidhaa cimaa fi salphaan, qaqqabuu waajjirri Buusaa Gonofaa Aanichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjira buusaa gonofaa Aanichaa Gabii Amaanoo manni jireenyaa 85 lafa keessaa ol socha’uu fi kaan buqqa’ee jigee qilleensaan fudhatamee faffaca’uu himan. Jiraattoonni ganda lammii kun abbaa warraa 302 keessaa 228 miidhamaniiru.

Akkasumaas, namoonni miidhaan qaamaa irra gahee 14 kan yaalaman yoo ta’u, namni tokko miidhaan cimaan irra gahuun yaalaaf gara hospitaalaa ergamuu himan.

Kana malees, gandoota roobni kaleessa bubbee fi cabbiin walmakee roobuun dhaqqabe, darbee darbee miidhaan dhaqabuu ibsaniiru.

Gabiin namoonni miidhaan kun irra gahe, namoota kanaan dura naannoo soomaalee irraa buqqaafamanii ganda lammii qubsiifaman, waan ta’eef qaamni dhimmi kun ilaallatu deeggarsaan akka dhaqqabu gaafataniiru jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Gumbii Bordoddee gabaasera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.