Hundaa’ol Beenyaa obboleessi Qondaala Olaanaa ABO Lammii Beenyaa humnoota nageenyaa mootummaatin ajjeefamuun himame

Naatinaa’el Fiixeetiin 

Finfinnee, Waxabajjii 20/2022 –Barataa Hundaa’ol Beenyaa  obboleessi Qondaala Olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Lammii Beenyaa Jimaata Waxabajjii 17 galgala magaalaa Naqamtee keessatti rasaasa humnoota nageenyaa mootummaatiin itti dhukaafameen ajjeefame. Hundaa’ol, erga ajjeechaan irratti raawwatame guyyaa sadi ta’uus hanga ammaatti maatiin reeffa akka hin fudhanne humnoota nageenya mootummaatin dhorkamuu maatiin Addis Standarditti himaniiru. 

Obboleessi isaa Firaa’ol Beenyaa yaada Addis Standarditti laateen, barataa 12ffaa fi barnootaaf maatii irraa adda bahee magaalaa Naqamtee keessatti mana kireeffatee jiraataa kan ture Hundaa’ol Beenyaa Waxabajjii 17, 2022 galgala humnoota nageenyaa mootummaatin ajjeefamu mirkaneesseera. “Odeeffannoo nuti qabnuun Jimaata sa’aatii 11 irraa eegalee magaalaa Naqamtee keessatti dhukaasatu ture. Ijoolleenis karaarra turan, utuu sanaan jirani dhukaasni jalqabame, innis achi keessa rukutame. Namootni rukutaman biroo jiru garuu kan ajjeefame isuma qofa,” jechuun haala ture ibse.

Yeroo dhukaasni banamu namni bakka san ture hundu lubbuu ofii oolchuuf baqachaa akka turanii fi erga ajjeefame [Hundaa’ol] booda reeffi isaa Jimaata galgala humnoota nageenyaatin kaafame gara Hospitaala Naqamteetti geeffamuu kan hime Firaa’ol, hanga ammaatti maatiin reeffa akka hin fudhanne humnoota nageenyaa mootummaan dhorkamuu himeera. “Jalqabuma irraa kaafnee odeeffannoo reeffi gara Hospitaala geeffameera jedhu arganne. Isa booda karaa danda’ameen itti deemamaa ture. Reeffi akka laatamu jaarsoliinis yaalii godhaniiru. Garuu hanga ammaatti reeffi hin kennamne. Maaliif akka ta’e wanti nu galee hin jiru. Kallattiidhaan hin kenninu hin jenne garuu ammaaf kan isaan jechaa jiran jaarsoliidhaan dhimma kana keessa hin galiinaadha. Namoota dhimma irratti socho’aa jiran dorsisaa jiru,” jedhe Firaa’ol. 

Maatiin isaani sababa siyaasaan dararaa guddaa irra gahaa akka ture fi Hundaa’ol illee kanaan dura ji’a jaha oliif hidhame dararamaa akka ture ibseera, Firaa’ol. “Nuti akka maatiitti wanti miidhaa jedhame wanti nutti hafe hin jiru, waan hundumtu nurra gaheera. Wanti hafe du’a qofa ture inniis dhufee nurra gaheera. Maatii keessa namni hin hidhamne hin jiru, Hundaa’ol illee kanaan dura Aanaa Waayyuu Tuqaa, waajjira poolisii magaalaa Guutee keessa gara ji’a 6 hidhamee dararaa guddaa argeera. Abbaa fi haati keenyaas akkuma kana. Yeroo ammaa kanallee maatii keenya keessa Lammii Beenyaa fi obboleettii keenya Saaraa Beenyaan mana hidhaa keessa jiru. Sanarra darbe qe’ee maatiillee ibiddaan qabsiifame akka ture namuu quba qaba,” jedhe.  

Qondaalli Olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Lammii Beenyaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee hidhamuun himatni shororkeessummaa irratti dhiyaatee Guraandhala bara 2021 himata irratti dhiyaate irraa mana murtiin bilisa jedhamuus osoo hin hiikamiin buufataalee poolisii fi bakkeewwan adda addaatti naanna’uun hidhamee bu’aa ba’ii fi dararaa hedduu argaa akka ture gabaasaalee walduraa duubaan Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. Yeroo ammaa kanas qondaalota ABO biroo waliin buufata Poolisii Buraayyuutti hidhamee jira.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.