Oduu: Chaayinaafi Biyyoonni gaanfa Afrikaa yaa’ii jalqabaa dhimma nageenyarratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeessaa jiru

Waxabajjii 20/2022– Chaayinaafi Biyyoonni gaanfa Afrikaa yaa’ii jalqabaa dhimma nageenyarratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’aa jiru.Yaa’iin kun ajandaa nageenyaa, Bulchiinsa gaarii fi Misoomaa biyyoota gaanfa Afrikaa irratti xiytyeeffatee kan gaggeeffamudha jedhameera.

Yaa’iin kun har’aa jalqabee guyyoota lamaaf kan itti fufu yoo ta’u, yaa’iin kun Chaayinaan, Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa ambaasaaddar Shu Bungii erga muudde booda.

Yaa’iin kun tokkommaan biyyoota gaanfa Afrikaa akka cimu, Walitti bu’insi yeroo dheeraa naannoo kana keessaa ture furuun nageenyii waaraan akka jiraatu gochuu keessaatti Chaayinaan biyyoota kanneen waliin ta’uun shoora isheerraa eeggamuu bahuuf haala ni mijeessa.

Chaayinaan gaanfa Afrikaatti hojii invastimantii guddaa hojjeteetti. Hojii kana keessaas Afrikaa biyyoota baha jiddugaleessaa waliin kan walitti hidhu hojii ‘beelit enda Rood’ jedhamuu kan eeramudha.Yaa’ii kanarratti bakka bu’oonni biyyoota gaanfa Afrikaafi jilli mootummaa Chaayinaa argamaniiru. TOI

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.