KMNI humnootni nageenyaa Gaambeellaa tarkaanfii humnaa lubbuu balleessu irraa akka of qusatan hubachiise

Finfinnee, Waxabajjii 18/2022 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa humnootni nageenyaa Gaambeellaa tarkaanfii humnaa lubbuu namaa balleessu irraa akka of qusatan hubachiise. Komishinichi ibsa kaleessa baaseen, Waxabajjii 14 magaalaa Gaambeellaa keessatti rakkoo nageenyaa mudate hordofee guyyaa tokkoof tajaajilli mootummaa, sochiin gabaa fi tajaajilawwan biroo addaan citee akka  oole beeksiseera.  

Haleellaan kun hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Gaambeellaatin kan baname akka ture fi taateen sun to’annoo jala akka oole mootummaan naannichaa beeksisuu kan eeree komishinichi, tarkaanfii humnoota nageenyaa mootummaa fudhataniin nageenyi magaalittii kan tasgabbaa’e ta’uus ammallee nageenya guutuu akka hin jirre, sochiin jiraattotaa guutummaatti akka hin jalqabamne, akkasumas bakkeewwan gabaatti saamichi raawwatamaa akka jiru jiraattota irraa dhagahuu ibse. 

Kibxata Waxabajjii 14, mootummaan naannoo Gaambeellaa magaalaa Gaambeellaa keessatti ganama sa’aatii 12:30 irraa eegalee dhukaasni “humnoota diinaa” fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti taasifamaa akka jiru fi uummatni “Humnoonni nageenyaa mootummaa finciltoota irratti lola taasisan akka deeggaranii fi akka hin jeeqamne” gorsuun isaa ni yaadatama. Jiraataan magaalaa Gaambeellaa Addis Standard yeroos dubbise magaalaan Gaambeellaa humnoota Adda Bilisummaa Gambeellaa fi Waraana Bilisummaa Oromootiin qabamte jedhe. 

Kibxata waaree booda waajjirri pireesii sekretariyaatii mootummaa naannoo Gaambeellaa, ibsa baaseen humnoonni nageenyaa mootummaa sa’aatii dheeraaf garee hidhatee waloo  Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan “Shane” jedhee waamu) fi Waraana Bilisummaa Gaambeellaa/ Adda Bilisummaa Gaambeellaa irratti lola sa’aatii dheeraaf taasisaniin booda magaalaa Gaambeellaa tasgabbeessuu akka danda’an beeksiseera. Ibsichi itti dabaluudhaan miseensota garee finciltootaa hafan “qulqulleessuu” fi “guutumaan guutuutti dhabamsiisuuf” tarkaanfiiwwan ciman fudhatamaa jiraachuu eerera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibsa kaleessa baaseen, Waxabajjii 15, 2022 irraa eegalee tarkaanfii humnaa humnoota nageenyaa mootummaa (humna addaa naannichaa fi poolisii idilee) fudhataniin jiraattotni sarbiinsa mirga namoomaa adda addaaf saaxilamaa akka jiranii fi seeraan ala ajjeechaa raawwatamuu isaa odeeffannoo isa qaqqabuu beeksiseera, komishinichi. Keessattuu namoota haleellicha irratti qooda fudhataniiru jedhamuun shakkaman irratti manaa manatti naanna’uun ajjeechaan raawwatamuu ragaa namootaa fi suur-sagalee irraa hubachuu akka danda’ame ibseera.  

Humnoonni nageenyaa mootummaa nama nagaa harki isaa dugda duubaatti hidhamee jiru irratti irra deddeebiin yeroo dhukaasan kan mul’isu suur-sagalee toora miidiyaa hawaasaa hedduu irratti naanna’aa ture. Waraabbiin kun magaalaa guddoo naannoo Gaambeellaa keessatti humni waloo Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) magaalattii keessatti tarkaanfii waloo gaggeessaa akka jiran erga beeksisanii guyyaa lama booda. 

Jiraataan magaalichaa kan miidhamaa rasaasaan rukutamee mul’atutti dhihoo ta’e  yeroos Addis Standard dubbise, “Namoonni kudha tokko kan nuti beeknu walitti qabamaniiru. Tokko qofatu lubbuun hafe. Kan Viidiyoo irratti argitan qe’ee isaa irraa fuudhamee rasaasaan ajjeefame. Obboleettii isaatiin magaalaa Gaambeellaatti guddate. Umurii isaa guutuu as jiraate. Nageenya koo balaadhaaf osoo hin saaxilin odeeffannoo dabalataa ibsuu hin danda’u. Addunyaan akka nuuf beeku  barbaanna.” jechuun haala jiru Addis Standarditti hime ture.

Dhimma kana ilaalchisee Komishinara KMNI Dr. Daani’eel Baqqalaa yaada laateen, nageenya namootaa fi magaalittii mirkaneessuun gocha dursa itti laatamu qabu akka ta’e yaadachiisuun, tarkaanfiiwwan kana hojiirra oolchuuf fudhataman hunda mirgoota namoomaa kabajuu akka qaban hubachiiseera. Keessattuu qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa lubbuu balleessu danda’u irraa akka of qusatanii fi tarkaanfiiwwan seeraan ala humnoota nageenyaatin fudhataman irratti atattamaan qorannoon gaggeeffame itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u hubachiiseera.AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.