

Finfinnee, Waxabajjii 23/2022 –Tibba kana walleen aadaa haaraan artiist Daangaa Qananii mata duree ‘Shillimii’ jedhuun weelliste aadaa amma dura namni hedduun hin beekne baasuun fudhatama argateera.
Walleen kun mucaa dubaraa weellistuu gameettii Ilfinash Qannoo kan taate Daangaa H Qananiin kan weellifame yeroo ta’u, daarektarri wallee kanaa Leencoo Fiqiruu, kan qopheessee dhiyeesse ammoo Vision Entertainment. Walleen kun sirna fuudhaa fi heerumaa aadaa Oromoo Arsii keessatti yeroo misirroon heerumtu kan hiriyootni jedhanii weellisaniidha.
Ogeettii aadaa kan ta’an viidiyoo wallee Shillimii irratti harmee durba heerumtuu ta’uun kan mul’atan aadde Zaaraa Duubee wanti artiist Daangaan irraa weelliste, mararee dubarri erga kennamtee jala bultii fuudha isheetti kan hiriyyoonni misirrittii sirbaniidha jechuun BBC’tti himan.
Marareen jala bultii misirroon heerumtu sirbamu qeeqa maatii, qeeqa jaarsa kadhaadhaaf dhaqee, qeeqa warra maatii mucattii fuudhee qaba kan jedhan aadde Zaaraan, sirbi guyyaa jalabultii sirbamu kun ”Bahe Bahee”, kuun ammoo ”Tartaarii” jedhama jedhu.

Sirba Daangaan mata duree goote ‘Shillimiin’ maqaa jaalalaa ykn Goshoo hiriyyoonni dubaraa misirittii ittiin waaman ta’ee, sirba ”Tartaarii” jalatti maqaa ittiin ishee waamanii hiriyoonni ishee waliin guddatan adda bahuu isaaniif ergaa itti dhaamanii jedhu aadde Zaaraan.
Hiriyyoonni ishee waliin midhaan daakaa, qoraan cabsaa, bishaan waraabaa guddatan addaan lixuu isaanii yoo himan:
Shillimii bareeda durbaa iyyee Xurumbaan
Goshoo goodayyaan filinii bassii dhayadhuu
Nyaapha dhaqanii hin galanii garaa hidhadhuu jedhu
Goodayyaan haala (style) rifeensaa qarree Arsii yeroo ta’u, rifeensa akka tabbaa ol ka’uun dhahatan sun ”gaafa gaa’ilaa bantiirraan bakka lamatti gadi baqaqfamee, dhadhaa dibamee bantii taati” jedhu aadde Zaaraan. ”Akka aadaa Arsiitti ‘Bantii taate’ jechuun kan bantii baqaqfatte kan bitaa abbaa warraa teette, kan seera fixatte, tan badaa galgalaa, kan rakkoo ganamaa jechuun kan dhaammannaa keessattillee dhaammatani.”
”Nyaapha dhaqanii hin galanii” kan jedhaniif garaa jabeettii akka taatu, cimtuu taatee manashii bulfachuu akka qabdu dhamuufi jedhun.
Hiriyyoonni daayyittii(misirittii) alatti mararoo dabalatee wanni isheef dhaaman ‘Tartarii’ kan jedhamu yeroo ta’u, kan daayyittiin welleen dhaammattu ammoo ‘Bahe bahee’ jedhamaa jedhu aadde Zaaraan.
Misirriittiin galgala manaa bahuuf jettu akkas jettee garaa nyaatti:
Bahee bahee garambaan caccasamee
Baasaan gahee mar’ummaan na raafamee
Mar’ummaan gadi deebisi abbaa kiyyaa
Raadattiin na eebbisi
Raadattiin si haa hortuu
Idoo teenna haa toltu
Kanaafuu Shillimiin tapha hiriyoota misirroo heerumuuf qophoofteef sirbamu jedhu Aadde Zaaraan.
‘Tartarii’ keessatti hiriyoonni misirrittii maatii ishee guddisee dabarsee kenne, warra jaarsaa gidduu deemee ishee heerumsiise, maatii isheen itti heerumtuu maratti qeeqaa fi dhaamsa walleen dhaamu.
Daangaan wallee ishee keessatti:
Sa’a kee maqaan daraarii
Dubbataa gidduu lamaanii
Abboo kaasaari
Kan jettee weelliste jaarsolii gidduu deemanii hiriyyaa isaanii jalaa heerumsiisaniifi jedhu Aadde Zaaraan.
”Kana wanti jetteefi situ kadhatee milkaahee akka heerumtu taasise, osoo kadhaan kee sun milkaahuu baatee, osoo kasaartee, silaa hiriyyaan kiyya na waliin turti ture, silaa waliin dabarsina ture waan jedhu saniifi.”
Sa’a kee maqaan Negeellee
Kennanii duruu dhageenne
Garaa nu hin geenne
Jechuunis hiriyyoonni ishee(misirittii) heerumuu isheerraa gammachuu akka hin qabne ”waliin osoo qe’ee taa’anii akka jaalatan” ibsus jedhan aadde Zaaraan.
Gabaasa guutuu kanaa BBC Afaan Oromoo irratti argattu.