Mootummoonni Gamtooman ajjeechaa Lixa Wallaggaatti raawwatame irratti qorannoo walabaa akka gaggeeffamu gaafate

Finfinnee, Waxabajjii 24/2022 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Misheel Baachlet aanga’ootni Itoophiyaa haleellaa torban darbe Godina Wallagga Lixaa keessatti lubbuu namoota dhibbaatamaan lakkaawwaman galaafate irratti qorannoo gadi fageenyaa fi walabaa akka gaggeessan gaafatan. 

Waajjirri Mirga Namoomaa UN ragaa namootaa dubbise jechuun akka gabaasetti Waxabajjii 18 ganama sa’aatii 3tti hidhattootni gara bakka dhalattootni Amaaraa bakka baa’inaan itti jiraatan Aanaa Tolee bu’uun dhukaasa jalqabuun kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman ajjeefamu isaani ibseera. Kanneen ajjeefaman keessaa baay’een isaani dubartoota fi daa’imman yoo ta’an, yoo xinnaate namootni 2000 ammoo qe’ee isaanirraa baqataniiru jedhe. Haleellaa sa’aatii afuriif ture kanaan hidhattootni kun manneen baay’ee gubuu ibsameera.  

“Haleellaa fi ajjeechaa hiikkaa hin qabne, akkasumas buqqaatii uummataa ganda Toleetti raawwatame hedduu na gaddisiiseera,” jette Addee Baachlet. “Aanga’oonni Itoophiyaa haleellaa kana irratti atattamaan qorannoon akka jalqabamuu haa mirkaneessan, akkasumas miidhamtoota fi maatii miidhamtootaa mirga dhugaa, haqa fi beenyaa argachu akka mirkaneessanii fi kanneen gocha kana raawwatan gaafatamaa akka taasisan waamicha koo dhiyeessa,” jette.  

Yeroo haleellaa kana namoota lakkoofsa isaani hin beekamne ukkaamfamanii fudhatamu isaani kan gabaafame yoo ta’u hanga ammaa achi buuteen isaani hin beekamne. Kamishinara Olaanaa Misheel Baachlet, “kanneen butaman bilisummaa isaani akka argatan aanga’ootni tarkaanfii seera qabeessa akka fudhatan nan gaafadha,” jetteetti. 

Kana malees, mootummaan mirga lubbuun jiraachu lammiilee akka mirkaneessu fi akka eegu hubachiisteetti.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.