Oduu: Himatamtootni Mootummaa Ceehumsaa Oromiyaa hundessuuf socho’uun himataman Abbaan Seeraa akka jijjiiramuuf gaafatan

Finfinnee, Waxabajjii 24/2022 – Gaazexeessitoota ONN lama dabalatee himatamtootni 17 galmee Qaasiim Abdullaahi jala himata “Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuu” jedhuun himataman kaleessa Waxabajjii 23, 2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhiyaataniiru.

Oolmaa dhaddacha kaleessaatin himatamtootni 17 koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyooleessa Oromiyaa hundeessuun himataman kunneen, beellama yeroo dabreetin Abbaan Seeraa aangoo fi gaafatama isaa malee Abbaa Alangaaf loogdummaa agarsiisuun akka himatni nurratti dhiyaatuuf dhiibbaa taasisaa waan tureef Abbaan seeraa nuuf jijjiiramee dhimmi keenya abbaa seeraa birootin akka nuuf ilaalamu jechuun karaa abukaatoo isaaniin iyyataniiru. 

Manni Murtichis iyyata himatamtoota kunneen dhiyeessan ilaalee iyyannoo isaani irratti murtii laachuuf beellama jijjiiramaa Waxabajjii  28, 2022tti laateera.

Kanaan dura dhaddacha Caamsaa 12, 2022 ooleen himatamtootni kunneen faallaa heera mootummaatin, mootummaa diiguun aangoo qabachuuf yaadaa fi gochaan hirmaataniiru jechuun himanna Abbaan Alangaatin irratti dhiyaate manni murtichaa eenyu gochaan, eenyu yaadaan akka hirmaate akka adda bahu, akkasumas utuu yakka eerame raawwachuu fi dhiisuun isaani hin murtaa’iin, Abbaan Alangaa yaada adabbii dhiyeessuun murteen du’aa akka itti murtaa’u gaafates, adeemsa seera kan eeggate akka hin taane, akkasumallee xiinsammuu himatamtootaa irratti dhiibbaa kan geessisu waan ta’eef himatni Abbaa Alangaa foyya’ee akka dhiyaatu ajajuun Waxabajjii 02, 2022 beellame ture. 

Beellama Waxabajjii 02 ooleenis Abbaan Alangaa akkaataa ajajameen himata isaa fooyyeessee dhiyaachu waan hin dandeenyeef abukaatoon himatamtootaa maamiltootni kiyya bilisaan akka geggeeffaman jechuun iyyata kan dhiyeessan ta’uus Manni Murtichi Abbaan Alangaa himata isaa akka fooyyeessuuf carraa yeroo dhumaa kennuun Waxabajjii 23, 2022 (kaleessaaf) beellame ture. 

Himatamtootni kunneen Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuuf mootummaa adeemsa seera qabeessaan hundeeffame diiguuf hojjetaniiru jedhamuun Sadaasa 13, 2021 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, yeroo ammaa kana magaalaa Sabbataa mana hidhaa Daalattiitti argamu.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.