Ilaalcha: Arfikaa fi Weerara Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeessite

Maark N. Kaatiz

Ameerikaanifi wahillan ishee Raashiyaan Yuukireen weeraruu ishee balaaleffataniiru. Haata’u malee biyyootni guddachaa jiran keessumaa biyyootni Afrikaa Raashiyaadhaaf marartee guddaa qabu. Sababni biyyoonni Afrikaa fi lammiileen isaanii Raashiyaaf marartee horataniif Gamtaan Sooviyeet duraanii qabsoo biyyootni Afrikaa hedduu gita bittaa Awuroppaa jalaa akkasumas Afrikaan kibbaa immoo gita bittaa warreen adii jalaa bahuuf taasisaa turan deeggaraa waan turteefi.  

Afrikaanonni yeroo sana turan Raashiyaaf marartee warra lixaaf ammoo mormii cimaa qabu. Akkuma Moskoon falmii Afrikaan warra lixaaf irratti taasisan deeggarte, Afrikaanonni hedduun waldhibdee Raashiyaafi warra lixaaf gidduu jiru irratti Raashiyaaf marartee cimaa qabu. 

Akeekni marartee Afrikaa keessa jiruu kun waan waldhahu qaba. 

Zarist Raashiyaan Impaayera Gita bittaa Awuroppaa turte. Garuu akka Biriteen, Faransaay, Poorchugaal, Hoolland, Beeljiyeemi fi Ispeen impaayera ishee galaana ce’uun ijaartee hin bulchine. Haa ta’u malee saboota fi naannoowwan  Awurooppaa hin ta’in kan akka Giddu gala Eeshiya, Yuukireen, naannoo Baaltik fi kanneen biroo of jalatti bulchaa turte.

Kufaatii impaayera Zarist Raashiyaan booda, bulchitoonni koministii haaraan irra caalaan (hundumaa ta’uu baatus) naannoowwan Raashiyaa hin taane, yeroo Warraaqsa Bolsheevik fi dhuma Waraana Addunyaa Tokkoffaatti badan deebi’anii qabataniiru.

Hoggansi Sooviyeet haaraan kun miira sabboonummaa ummatoota adda addaa Raashiyaa hin taane ukkaamsuuf akka malaatti rippabilikoota Raashiyaa hin taane hedduu uume.Garuu dhugaan ture “rippabilikoonni” Raashiyaa hin taane Raashiyaadhaan bulu, kun akkuma gita bittaa Afrikaa fi bakka biraatti jiran kolonii Raashiyaa turan.

And just as Europe’s colonies and protectorates in Africa were not satisfied with this status but seized the opportunity to assert their independence when they could during the Cold War, Russia’s colonies—including Ukraine—seized the opportunity to assert their independence when they had opportunity to do so at the end of the Cold War.

Akkuma gita bitamtoonni Awurooppaa fi biyyoonni eegumsa qaban Afrikaa keessa turan fedhiin isaanii hin guutamne yeroo carraa argatanitti bilisummaa isaanii mirkaneeffatan, biyyoonni gita bittaa Raashiyaa jala turan Yuukireen dabalatee yeroo Waraana Qabbanaa’a carraa argatanitti bilisummaa isaanii mirkaneessuufachuuf itti fayyadaman.  Waan humnoonni gita bitoonni Awurooppaa Afrikaaf turan, Raashiyaanis Yukireeniif akkas turte.

For Putin now seeking to regain control over part or even all of Ukraine on the basis that a part of its population is Russian and want Russian rule to return is the equivalent, say, of Britain or Holland seeking to regain control over South Africa on the basis that the white South African minority is English or Dutch and wants British or Dutch rule to return.

Puutiin amma ummata  Raashiyaa bu’uuraa godhachuun Yuukireen gartokkee ykn guutummaatti to’achuu barbaaduun, Biriteen ykn Hoolaandi Afrikaa Kibbaa irratti to’annoo deebisuu barbaaduun wal qixa. Akkasumas  namoonni adiin Afrikaa Kibbaa xiqqaan Ingilizii ykn Daach ta’uu isaanii fi bulchiinsi Biriteen ykn Daach akka deebi’u barbaadudhaan tokkuma.

Akkuma Sooviyeet  walabummaa biyyoota  Afrikaa fi bulchiinsi harka  Gurraachaa akka galu yeroo Waraana Qabbanaa’a deeggarte  Amma  warra dhihaa waliin walabummaa Yuukireeniifi  warra yuukireenotatiif  deeggarsa gochuun tokkuma. Afrikaanonni  bulchiinsa Gita bittaa  Awurooppaa ofirraa  waan darbataniif Afrikaanonni Yukireen amma bulchiinsa gita bittaa Raashiyaan fe’uuf deemtu akka morimtu deeggaru qabu.

Maark N. Kaatiz Yuunivarsiitii Joorji Meesonitti Piroofeesara Bulchiinsa fi siyaasaati

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.