Oduu: Koreen Hariiroo Alaa Seeneetii US beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamu seera idil addunyaatin akka gaafachiisu yaada murtoo dhiyeesse

Finfinnee, Waxabajjii 27/2022 – Koreen Hariiroo Alaa Seeneetii Ameerikaa yaada murtoo waloo Kamisa darbe dabarseen “beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamu” balaaleeffateera. Yaada murtoon darbe kun mootummaan Ameerikaa beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu akka gocha gaafachiisutti fudhatee heerota kan akka Global Magnitsky Human Rights Accountability Act (22 U.S.C. 2656) fayyadamuun namoota dhuunfaa, mootummoota fi milishoota gocha kana irratti hirmaatan itti gaafatamaa akka taasisu waamicha dhiyesseera. Haata’u malee qoqqobbiin godhamu kun barbaachisummaa gargaarsa namoomaa fi deeggarsa lubbuu baraaruu tilmaama keessa kan galche ta’uu qaba jedheera.   

Yaada murtoo Senaatarii Jim Rishiin deeggarame Senaataroota kan akka Jeef Markleey, Tod Yaang, Korii Bokar, Joon Tun fi Bob Mendeez ittiin hirmaatan kun beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu balaaleeffata. “Beela lammiilee nagaa, barbadiinsa itti yaadame godhamu, badiisa fi saamicha wantoota oomisha nyaataaf tajaajilan kan akka lafa qonnaa, gabaa, bakka nyaata itti tolfamu, midhaan nyaataa, beelada, diriirfama bishaan dhugaatii fi jallisii irratti godhamu, akkasumas uummata bakkeewwan waraanaan miidhaman keessa jiran irratti karaa cufuu fi jijjiirraa maallaqaa dhorkuu” balaaleeffateera. 

 “Walitti bu’iinsi sababa ijoo hanqina nyaataa yoo ta’u, gareewwan walwaraanan Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Sooriyaa fi Yaman keessa jiran tahe jedhanii oomishaalee qonnaa fi bu’uraalee misoomaa barbadeessuun, gabaa to’achuu fi deeggarsa namoomaa irratti danqaa nageenyaa uumaa jiru,” jedhe Senaatariin Jim Rish.   

Senaatariin Rippablikaan biroo, Jeef Markleey gama isaatiin, “Yuukireen hanga Sooriyaa hanga Itoophiyaatti taatota badii beelaan fayyadamuun kaayyoo isaani milkeeffachuuf jecha yeroo qonna barbadeessan, dhiyeessi deeggarsa namoomaa yeroo danqanii fi gabaa oomishaalee murteessoo yeroo danqan argaa jirra,” jedhe.  

Senaaratariin Dimokraat Boob Mendeezillee Itoophiyaa eeruun yaada laateera. “Addaan ciccituu cancala dhiyeessi, dhorkamuu oomishaalee nyaataa, buufataalee doonii fi wiirtuuwwan geejjibaa murteessoo ta’an cufamuu Itoophiyaa hanga Yukreen itti fufee jiru carraa wantoota murteessoo ta’an argachuu lammiilee miiliyoonaan lakkaawwaman daangeessuun beelaaf isaani saaxilaa jira,” jedhe.AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.