Barattootni Yunivarsiitii olola miidiyaa fi hokkora irraa akka of qusatan Humna Waloo Nageenya fi Tika-nageenyaa hubachiise

Finfinnee, Waxabajjii 27/2022 – Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaaleessaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Komishinii Poolisii Federaalaa fi INSA of keessatti kan haammate humna waloo nageenya fi tika-nageenyaa ibsa har’a ganama baaseen, barattootni Yunivarsiitii shira fi olola miidiyaa hawaasa Yunivarsiitii keessatti hokkora uumuuf shiramaa jiru quba qabaatanii hokkora irraa akka of qusatan hubachiiseera. 

Ibsichi “ergamtootni ABUT” Yunivarsiitiwwan keessatti “hokkora kakaasuuf” yaalii gochuun kan himate yoo ta’u, “itti yaadanii walitti bu’iinsa uumuuf kakaasi godhu” jedheera. 

Humni waloo kun ibsa kanaan baratootni hokkora kamirraayyuu akka of qusatan kan akeekkachiise yoo ta’u, warreen akeekkachiisa humna waloo kana irra darbaniif obsa akka hin qabne fi tarkaanfii seeraa akka fudhatu beeksiseera. 

Kana malees, miidiyaalee maqaa isaani hin eeramne “barattoota Oromoo fi saboota biroo Yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraa keessatti baratan irratti haleellaa raawwachuuf gareen basaasaa garas ergameera” jechuun odeeffannoo sirri hin taane dabarsaniiru jechuun himateera. 

Miidiyaalee maqaa isaani hin eeramne ibsa kana irratti “dolaaraan kan bitaman” jedhamanii ibsaman kun hokkora tibbana magaalaa Gondar keessatti uumame hordofee “ajandaa adda addummaa fi walitti bu’iinsa uuman kaasuun biyyattii jeequuf hojjachaa jiru,” jedheera. “Hokkora gara kutaalee biyyattii hunda waliin ga’uuf yaalaniiru” kan jedhe ibsichi, “haata’u malee aadaa wal danda’uu, fageessanii yaaduu uumata keenyaa fi hojii humna nageenya keenya hojjateen ergamni isaani fashalaa’eera,” jedhe.   

Humnoota nageenyaa federaalaa fi humnni waloo kun magaalaa Gaambeellaa fi naannoo isheetti haleellaa Waraana Bilisummaa Gaambeellaa fi Waraana Bilisummaa Oromootin gaggeeffame, akkasumas haleellaa Gimbii fi Dambi Dollootti gaggeeffame fashaleessuu ibseera. “Gareewwan shororkeessaa kunneen barbadaa’aniiru, rakkoon nageenyaa ture tasgabbaa’ee naannichi gara haala idileetti deebi’eera” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.