Oduu: Itoophiyaan Maqaa Miseensota Garee Marii Mootummaa Federaalaan Muudaman Ifa Goote

Finfinnee, Waxabajjii 28/2022 – Rakkoo nageenyaa kaaba biyyattitti mudate hiikuuf maqaa miseensota garee marii  mootummaa federaalaatin mudaman ifa godhame. Gariichi dura taa’ummaa Ministira Muummee Itti aanaa fi Ministira Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonniniin kan durfamu yoo ta’u, miseensummaadhaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Geediyoon Ximootiwoos(PhD), Daayirektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Tamasgan Xurunah, Gorsaa Nageenyaa Mummichi Ministriraa Ambaasaaddar Redwaan Huseen, Letanaal Janaraal Birhaanuu Baqqalaa, Ambaasaaddar Haasan Abdulqaadir fi Dr. Getaachoo Jambar of keessatti qabateera. 

Maqaan miseensota  kan ibsame walga’ii miseensota koree giddu galeessaa fi hoji raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa tibbana gaggeessanii fi kallattii kaa’an ilaalchisee ibsa Geediyoon Ximootiwoos laate hordofeeti. Ibsichaan rakkoo nageenyaa kaabaa hiikuuf marii nageenyaa gaggeessuuf kallattiin kaawwamuu himameera. 

Geediyoon mariin nageenyaa kun bifa heera mootummaa biyyattii fi faayidaa biyyaaleessaa kabajeen, akkasumas “gaggeessummaa Gamtaa Afrikaatin” kan gaggeeffamu akka ta’uus ibseera.

Waxabajjii 14. Ministirri Mummee Abiy Ahimad mootummaan isaani “hunda waliin nagaa buusuu akka barbaadu” miseensota mana mareef himeera. “Garee qorataa” Dammaqaa Mokonniniin durfamu akka hundeeffamees yeroo jalqabaaf ifa godheera.  

Ibsi mootummaa Federaalaa kun mariin nageenyaa, “gaggeessummaa Gamtaa Afrikaatin” gaggeeffama haa jedhuyyuu malee, Pirezidaantii Naannoo Tigraay Dabratsiyoon G/Mikaa’el (PhD)xalayaa Waxabajjii 14 Dura taa’aa Gamtaa Afrikaa fi Pirezidaantii Senegaal Maaki Saaliif barreesseen gaggeessummaa Gamtaa Afrikaa irratti komii akka qabu ibseera. 

“Gamtaan Afrikaa waraanicha fi miidhaa humnoota nurratti duulan nurra geessisaa jiran osoo arguu callisuun isaa yaadama bu’uuraa gamtichaa ganuudha. Seera gamtichaa fi pirotookoolii mana maree nageenyaa bu’ura godhachuun, dura taa’aan Gamtaa Afrikaa fi bakka bu’aa olaanaa isaani itti gaafatamummaa isaanii bahachuu dhabu isaani yeroo baay’ee balaaleeffanneerra. Akka ilaalcha uummata fi mootummaa Tigraayiti, hoggansi Gamtaa Afrikaa amanamummaa hin arganne,” jedha ibsichi.  

Dabratsiyoon, Tigraay ejjennoo “Adeemsa marii nageenyaa kun hogganummaa mootummaa Keeniyaatin qaamolee idil addunyaa adda addaa, kan akka Ameerikaa (US), Gamtaa Awurooppaa, Emireetoota Araba Gamtooman (UAE), Dhaabbata Mootummoota Gamtooman fi Gamtaa Awurooppaa hirmaachisu qaba” jedhu akka qabdu ibseera. 

Hanga ammaatti aanga’oonni Tigraay dhimma ibsa mootummaa Federaalarraa kenname ilaalchisee wanti jedhan hin jiru. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.