Haacaaluu Hundeessaa: Impaayera du’uuf urgufamtuutti Bilisummaa Sirbe

Maartaa Kuwee Kumsaatiin 

Dargaggoo fi maanguddoo otoo hin jedhin hundi keenya guyyaa wareegama Haacaaluu Hundeessaa fi haftee isaa yoo yaadannu gammachuu fi milkiitu lafa uwwisa. Bulchiinsi Naannoo Haalifaaksii Nova Scotia Kanaadaa keessa jiru Waxabajjii 29, guyyaa Oromiyaa jechuun moggaase.

Oromoonni fi waahillan Oromoo, qaroo Oromoo Haacaaluu Hundeessaa, goota yaadannoon kabajaa otoo isaaf maluu hin argatin hafe sana, sirnasaa guutanii gaggeessaa kabajaa taasisaafii jiru. Kennata goota kanaa yoo kabajnu, kennata kana akkamiittin galfata bilisummaa saboota impaayera Itoophiyaa keessatti kiyyootti galfaman hundaa akka taasisnus marihataa jirra.

Ji’oota muraasan dura, sirni kabajaa akkanaa waan hin yaadamne ture. Sababnis Impaayerri of ajjeesuuf  raafamtu tun nu jilbeenfachiisuuf yaaddee balaawwan gara jabeenyaan guutaman hedduu nurraan gahaa turte. Kunis abjuu badaa bara baraan keessa hin dammaqne fakkaata ture. Gadda fi sodaa waloo lafee nama cabsuun liqmfamnee turre. 

Amma garuu dargaggoonni keenyaa caba sana irraa dandamatanii deebi’anii jabaatanii dhaabbachuu caala wanti nama onnachiisu hin jiru. Qeerroo fi Qarreen keenya irra deebi’anii gurmaa’anii,  dhimma waloo keenyaa irratti gaafatamummaa fudhachuu isaanii arguu caalaa wanti nama kakaasu hin jiru. Qeerroo fi Qarreen keenya qabannaa hamaa gadda impaayera  sanaa cabsanii kennata Haacaaluu gara egeree ifa ta’etti yeroo fudhatan arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru.

Weellistonni hedduun Haacaaluuf  sirbaniiru. Artistoonni yaadannoo miidhagaa hedduus kalaqaniifii jiru. Beektonni fi Aktivistoonni waa’ee Haacaaluu hedduu katabaniiru. Egaa guddummaan Haacaaluu nama kana hundaan farfatame maali? Hambaaleen isaa ijoon hoo?

Haacaaluun hambaalee jifaara hedduu qabu dhiisee darbe. Hambaaleen Haacaaluu bifa aadaa, seenaa, siyaasa fi afuura haaqabaatan malee, maddi hunda isaanii aartii isaa finiinaa qabsoof nama kakaasu sana. Akkuma amala namoota aartiin nama kakaasanii, sagaleen Haacaaluu sagalee uummataa wajjiin walsimee, mormii cimsuun ummata tokkoomse.  Sagaleen isaa kiiloleen sun ummata warraaqsuu, humneessu fi tarkaanfiiwwan akka fudhatan waamicha dhiyeessuu irratti shoora olaanaa taphate. Sirba qabsoo Oromoo haaromsee fi guddisee, hidda impaayera du’aa jiru sanaa raasuuf itti fayyadame. Aartiin nama kakaasuun walitti dhufeenya irratti hundaa’a (Hawaasa waliin hidhata cimaa qabaachuu gaafata). Kana egaa Haacaaluun kennaa addaan inni qofti qabuun galmaan gahuu danda’eera. Aadaa Oromoo ganamaa fi  wallee sirbaa bareedaa Oromoo durii ifatti baase. 

Haacaaluun weellistoota bilisummaa dhaloota isaa keessaa gootummaan adda dureedha. Impaayera kanaaf bilisummaa sirbe, seenaa ishee darbee wajjiin akka araaramtu fi cancala impaayeraa irraa akka bilisa of baastu gaafate. Itoophiyaa sabaaf sablammootni walqixxummaa, kabajaa fi ulfina isaaniif malu keessatti argatan onnee isaa irraa deeggara ture.

Haa ta’u malee, Haacaaluun dhahannaa onnee uummata isaa waan beekuuf, Impaayerri Itoophiyaa sirna darbeen dadhabdus  Itoophiyaa isheen sabaaf sablammootaaf walqixxummaa, kabajaa fi ulfina isaaniif malu mirgiftu diigama impaayera keessatti danqamtee akka hafte hubate.  Dubbii fi hojii sirnichaa gidduu garaagarummaa guddaan waan tureef, diddaa fi hiriira mormii guddaa kaase.

Qabsoon nagaa Qeerroo fi Qarree isa sirnicha ammaa aangootti baase keessatti, Haacaaluun gahee gaggessuummaa olaanaa waan bahateef, kabajaa fi beekamtii guddaa horate. Gootummaan isa keessaa finiinu, fakkii gootummaa dhaloota qubeeti – dhaloota afaan isaaniitiin baratanii fi naannawa Oromiyaa jedhamtu beekaa guddatan. Dhaloonni kun warra diigama Impaayeraa irraa dhaabbatanii bu’aa cululuqaa qabsoo hadhooftuu dhalootni isaan duraa galmeesse dhandhamani. 

Dhaloonni qubee akka dhaloota isaan duraa Oromummaa isaaniif hin jibbamne, Afaani fi dhugaa isaanii dubbatanii hin tuffatamne. Dhaloonni qubee miira bilisummaa, walqixummaa fi Oromummaatiin guddatan. 

Yeroo sirnichi afaaniin bilisummaa lallabee, hojiidhaan garuu gabroomsee bulchu, dhaloonni qubee gaaffii bilisummaa fi dimokiraasii qabatanii manaa bahanii hiriira nagaa finiinsan. Sochiin kun tarsiimoo qabsoo hidhannoon bilisummaa gonfachuuf taasifamuuf filannoo karaa nagaa dhiyeesse.

Kunis qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qabxii ijoo ta’e. Muuziqaan Haacaaluu mormii karaa nagaa kanaaf gumaacha guddaa qaba ture. Sirboonni isaa dargaggoota sirna ukkaamsaa jilbeenfachiisan kakaase. Harka ol qabatanii haqa gaafatan, humnoonni sirnichaa  rasaasa kallattiin isaanitti roobsanis , Labsii Yeroo Muddamaa irra deddeebi’iin labsanis, isaan mormii isaanii ittuma fufan.

Murni ammaa aangoo irra jiru kan qabsoo nagaa Qeerroo fi Qarreetiin aangoo Impaayera gaggabdee qabate. Ergamni isaas Impaayericha diigee Itoophiyaa sabaaf sablammoota hedduu qabdu dimokiraatessuu ture. Haata’u malee, murnichi impaayera gaggabde sana hafuura itti deebisuu filatee, Itoophiyaa sabdaneessaa afaaniin sobaa gochaan quucarse. 

Akkuma jireenya isaa, Haacaaluun du’a isaatiinis jijjiirama ijoo kan biraa  fide. Murni amma aangoo irra jiru Oromoota jumlaan ajjeesu fi hirmaattota hiriira nagaa hidhuun isaa Qeerroo fi Qarree kumaatamaan lakkaa’aman gara qabsoo hidhannootti makaa jira. Kunis jiraachuuf qofa osoo hin taane impaayera gaggabduu kana diiguuf filannoo jiru qabsoo hidhannoo qofa taasisaa jira.

Ajjeechaan Haacaaluu gocha impaayerri du’aa jirtu harka dulloomee dadhabee raafamuun akka ofirraa rukutuuf yaaluuti. Haacaaluu Ajjeesudhaan impaayerrii Itoophiyaa ofuma ajjeefte. Carraa jijjiiramuufi haaromuuf qabdutti dhukaafte. Du’asee filatte. Erga Haacaaluun ajjeefamee booda hiraarsi fi ukkaamsan argaa jirru urgufama impaayera suuta of ajjeesaa jirtuu agarsiisa.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.