Wareegamni Haacaaluu Hundeessaa Humna Qabsoo Oromoo kan Cimsedha-KFO

Yaadannoo Wareegamuu Waggaa 2ffaa Artist Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee ibsi Kongiresiin Federaalawaa Oromoo(KFO), “Sirba Haacaaluu qofa odoo hintaanee bakki Haacaaluun dhaabbate nama wajjin dubbate, gaaffiifi deebii inni gaazexxeesita wajjin geggeesse umurii sirna gadi galoo gabaabseera.”jedhe.

Haacaaluun kan ajjeefame calluma jedhame miti kan jedhe ibis KFO “Itti yaadamee, itti xiyyeeffatamee akka ta’e kan hubachiisu tarkaanfii du’a isaati as lammilee Oromoo, keesumaammoo miseensotafi deeggartoota KFO irratti fudhatame ragaadha” jedhe. Dabaluunis “Hunda caalaa kan nama gaddisiisu dhimmi Haacaaluun itti ajjeefame facaatiidhaan Ummata Oromootiif hin addeefamne. Kunimmoo hamilee maatii Haacaaluu,fi Ummata Oromoo miidheera ” jedhe.

Ibsa Guutuu

Artist Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeefamee har’aa waggaa lammaffaasaa xumureera. Sirba Haacaaluu qofa odoo hin taanee bakki Haacaaluun dhaabbatee nama wajjin dubbate, gaaffiifi deebii inni gaazexxeessitoota wajjin geggeesse umurii sirna gadigaloo gabaabseera.

Keessumaa sirna mootummaa abbaa irree Adda Dimiikiratawaa Warraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) mogolee buusee sabaafi sab-lammii Itoophiyaa irraa ari’eedha.Baroota duula filannoo sobaa 1997, 2002 fi 2007 geggeeffame keessa kaabineefi kaadireen OPDO/DhDUO hunda caalaa kan sodaattu lallabaa miseensoti KFO geggeessan caalaa sirba Haacaaluu Hundeessa ti. Yeroo sanarraa eegalee hidda mootummaa abbaa irree ADWUI dabalatee leelliftooti sirna burkuta’aa durii illee artisti jallatamaa kanarratti ilkaan qarataa turteeti.

Haacaaluun kan ajjeefame calluma jedhame miti. Itti yaadamee, itti xiyyeeffatamee akka ta’e kan hubachiisu tarkaanfii du’a isaatii as lammilee Oromoo, keesumaammoo miseensotaafii deeggartoota KFO irratti fudhatame ragaadha. Geggeessaa reeffa Haacaaluu sababeeffachuun miseensoti KFO adamsamanii qabamanii mana hidhaatti darbatamaniiru. Kaan ammoo hiraaramaniiru, kaan jiruufi jireenya isaanii dhiisanii burjaaja’aniiru.

Hunda caalaa kan nama gaddisiisu dhimmi Haacaaluun itti ajjeefame facaatiidhaan Ummata Oromootiif hin addeeffamne. Kunimmoo hamilee maatii Haacaaluu fi Ummata Oromoo miidheera.Miseensoti KFO lubbuu Haacaaluu ajjeechaan darbe waggaa 2ffaa gadda guddadhaan yaadatu. Haata’u malee hunduma caalaa duutii Haacaaluu Hundeessaa Humna Qabsoo Oromoo kan Cimsedha jennee amanna. Sodaa carraa Haacaaluu dhaqabe keessaa bahuuf ammallee qabsoon aarsaa guddaa gaafatu fuuldura keenya akka jiru hubachuun himaa biraa hinbarbaachisu. Haacaaluun hinduune, inwareegame malee! Ayyaanii Haacaaluu ammallee haacaalu!

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.