Oduu: Walitti bu’iinsa Lixa Itoophiyaatiin lammiileen heddu lubbuu dhabaniiru, kumaatamni qe’ee irraa buqqa’aniiru – OCHA

Finfinnee – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri  Qindeessaa  Gargaarsa Namoomaa (OCHA) gabaasa Waxabajjii 27,2022 baaseen hanqina nyaataa kaaba Itoophiyaatti uumameen namoonni gargaarsa nyaata barbaadan miiliyoona 13 gaheera jedhe. Kibba Oromiyaatti sababa hongee fi walitti bu’iinsaan namoota gara 498,000 tilmaamaman qe’ee isaani irraa buqqa’aniiru. Lixa Oromiyaatti namootni 500,000 ol sababa walitti bu’iinsaan qe’ee isaanirraa buqqa’aniiru jedhame kan tilmaamamu yoo ta’u, deeggarsi namoomaa godhamaa jiruus muraasa ta’uu ibsameera.  

Akka gabaasa dhaabbatichaan jalqaba bara kanaa eegalee bakkeewwan biyyattii adda addaatti hanqina nyaata madaalawaa dabalaa jira, barbaachisummaa tajaajila fayyaas olaanaadha. Godina Harargee Bahaatti baatii Caamsaa keessatti lakkoofsa dhukkubsattoota baatii Ebla ture (2,629) irraa dhibbeentaa 50 dabaluun dhukkubsattoota 3,966 ta’eera. Kunis rakkoo fayyaan walqabate kan gabaafamu shan keessaa tokko jechuudha. Rakkoo fayyaa furuuf, hanqina nyaata madaalawaa dursanii adda baasanii beekuu fi wal’aanu, akkasumas sadarkaa hawaasaatti tajaajilli fayyaa ni barbaachisa.  

Bakkeewwan muraasa keessatti hongeen walitti bu’iinsa waliin walmakeera. Kibba Oromiyaatti sababa waraanaan, akkasumas sababa walwaraansa Naannoo Somaaleetti uumameen fedhiiwwan gargaarsa namoomaa duraan ture dabaluun lammiilee kuma dhibbaatamaan lakkaawwaman gargaarsi isaan barbaachisu akka isaan hin arganne danqaa ta’eera. Fakkeenyaaf uummatni Godinaalee Gujii fi Lixa Gujiitti jiraatan walitti buiinsa bara 2020 irraa eegalee uumame fi hongee yeroo ammaa kana uumameen miidhamaniiru. Dhaabbilee tajaajila uummataa akka wiirtuu fayyaa fi manneen barnootaa barbadaa’aniiru. Akkasumas dhiyeessi deeggarsa nyaata irratti danqaa guddaa ta’eera. Godina Gujii Lixaatti baatii Waxabajjii keessa haalli jiru kan fooyya’e yoo ta’u, namoota deeggarsa barbaadan karaa dhaabbilee gargaarsaan dhaqqabu danda’ameera.  

Naannoo Oromiyaatti, Godina Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa keessatti erga Ebla, 2022 as beeladoota 47,000 du’aniiru. Namoonni aanaalee afur Godina Harargee Bahaa (Gursum, Baabbilee, Midhagaa Tolaa, fi Faddis) hojii barbaaddachuuf godaananiiru. Kibba Oromiyaatti sababa hongee fi walitti bu’iinsaan namoota gara 498,000 tilmaamaman qe’ee isaani irraa buqqa’uu aanga’ootni mootummaa kan ibsan yoo ta’u, kan akka nyaata, tajaajila eegumsa fayyaa, meeshaalee nyaata ala ta’an fi bishaan dhugaatii deeggarsa dursa kennamuufidha. Sababa rakkoo nageenyaatin qaamolee deeggarsa godhan kan hanqate yoo ta’u, hongeen dabalaa jiru garuu furmaata itti fufiinsa qabu baraada. Walitti bu’iinsa Gujii fi Gujii Lixaatti uumame deeggarsa namoomaa irratti dhiibbaa qaba. 

Waxabajjii 18, Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii Ganda Toleetti walitti bu’iinsa hidhattoota fi humnoota nageenyaa giddu uumameen lammiilee nagaa hedduu ajjeefamu isaani himameera. Hanga ammaa dhaabbileen taatee kana ilaalchisee odeeffannoo jiru mirkaneessu yookiin haala naannichatti jiru qorachuuf karaa waan dangeeffameef hin dandeenye. Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diiggaatti yoo xinnaate abbaa warraa 1,200 (namoota 4,800) buqqa’aniiru. Namootni buqqa’an kun dahoo, nyaata fi meeshaalee nyaata ala ta’an atattamaan barbaadu. Lixa Oromiyaatti namootni 500,000 ol sababa walitti bu’iinsaan qe’ee isaanirraa buqqa’aniiru jedhame kan tilmaamamu yoo ta’u, deeggarsi namoomaa godhamaa jiruus muraasa ta’uu ibsameera.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.