Oduu: Boordiin Filannoo paartii haaraa hundeeffame Paartii Federaalawaa Sidaamaaf waraqaa ragaa galmeessa kenne

Finfinnee, Adoolessa 16/2022: Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa paartii siyaasaa haaraa uummata Sidaamaa giddu galeessa godhachuun hundeeffame Paartii Federaalawaa Sidaamaaf waraqaa ragaa galmeessa yeroo kenne.

Akka ibsa paartichi Addis Standarditti ergeen, “uummatni Sidaamaa uummata erga waggoota 135 dura eegalee ofiin of bulchuuf, aadaa fi afaan isaa akka kabajamuuf cimsee falmaa kan turedha” jechuun “qabsoo hadhaawaa uummatichi taasiseen” Bulchiinsa Naannoo ta’uun “qabsoon ofiin of bulchuuf godhamu dhugoomeera” jedhe.Haata’u malee “mirgi heera mootummaa ofiin of bulchu sirnaan hin deebifamne. Gochaan, sirna biyyaaleessaa yeroo ammaa kana jiruun naannoleen kan hogganaman aangoo mootummaa giddu galeessaan mudameeni. Kunis sababa Paartiin biyya bulchaa jiru aangoo giddu galeeffachuu isaatin abbummaa/aangoo of bulchuu naannolee heera mootummaa irratti eerame jiru kabajamuu dhabu irraan kan ka’eedha,” jedha ibsichi.  

Bulchiinsa Naannoo Sidaamaa murtee uummata Sidaamaa Sadaasa bara 2019 gaggeeffame irratti filattootni miiliyoona 2.3 ol ta’an sagalee caalmaa itti laachuu hordofee Naannoo Itoophiyaa 10ffaa ta’e. Ergasii Naannichi Paartii Badhaadhinaatin hogganamaa jira. 

Kana malees sektaroota siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, aadaa fi haqaa Naannoo Sidaamaa “karaa sirrii hin hordofnee”, akkasumas naannichi “rakkoo hojii dhabdummaa, hanqina haqaa, malaanmaltummaa, sanyummaa fi siyaasa dhiibuu sababa malee irratti mul’achaa ture jechuun qeeqeera, Paartiin Federaalawaa Sidaamaa.  

 Paartii cimaa kaayyoo bu’uuraa qabsoo uummata Sidaamaa dhugoomsuu fi rakkoo uummaticha irra gahaa jiru furuuf uummata gurmeessee qabsaa’u hin jiru jedha ibsichi.  

Paartichi (SFP) kan hundeeffame gaaffii bu’uuraa uummatichaa deebisuuf akka ta’e ibseera. Dhugaa amma jiruun ammoo haala barbaadameen kutaalee hawaasa hunda hirmaachisuuf paartii siyaasaa gurmaa’e hundeessuun dirqama akka ta’e ibseera. Paartichi bu’uuraalee dimokraatawaa kan qabu, abbummaa aangoo dimokraatawaa fi uummata giddu galeessa godhate hojiirra oolchuuf kan qabsaa’u, mariidhaan kan amanu, paartilee sab daneessa federaalizimii biyyaaleessaa dhugaa gadi dhaabuuf kaayyoo walfakkaataa qaban waliin kan hojjatu akka ta’e ibseera.  

Paartichi “koree yeroo” hojiilee waraqaa ragaa dhaabbataa akka argatuuf isa gargaaran xumuraa jiru hundeessu beeksiseera. Koreen kun yeroo ammaa kana waajjira muummee isaa magaalaa guddoo naannoo Sidaamaa kan taate Hawaasaa godhachuun miseensota dabalataa galmeessaa jiraachuu ibsa isaatin beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.