Obsee Luboo: Ogeettii Fayyaa hawaasa Oromiyaa tajaajila fayyaa gahaa hin arganneef tola ooltummaan tajaajilaa jirtu

Darajjee Gonfaatin

Finfinnee, Adoolessa 16/2022 – Weerarri Covid-19 hawaasa tokko tokko warra kaan irraa haala ulfaataa ta’een, keessattuu kanneen bakkeewwan baadiyyaa uwwisa eegumsa fayyaa gadi aanaa qabu keessa jiraatanitti rakkoo hawaasummaa, diinagdee fi fayyaa daran hammeesseera. Biyyoota akka Itoophiyaa jiranitti rakkinichi ni hammaata. Buufataalee fayyaa gaarii biyyattiin qabdu keessa baay’een isaani hanqina meeshaalee wal’aansa fi qoricha isaan mudata.

Haata’u malee namoonni muraasni maallaqa, yeroo fi humna isaani baasuun tarkaanfii galateeffamu akkasumas jijjiirama fiduuf gargaaru fudhachaa jiru. Obsee Luboo ogeettii fayyaa (Nurse) jabduu lubbuu lammiilee gargaarsa dhaban baadiyyaa Godina Wallagga Lixaa keessatti jiraatan baraaruuf hojjachaa jirtu.

Obseen magaalaa Najjoo keessatti dhalatte guddatte. Barnoota sadarkaa duraa fi lammaffaa magaalaa Najjoo keessatti erga hordoftee booda gara biyya Ameerikaa deemuun Minisootaatti Yuunivarsiitii St. Catherine keessatti barnoota digirii jalqabaa Narsiining xumurteetti.

Yeroo ammaa kana wiirtuu fayyaa Yuunivarsiitii Istaanford keessatti Narsii ta’uun hojjechaa jirti. Jaalala ogummaa kanaaf qabdu iddoo duuti sababa dhibeewwan dursanii ittifamu fi wal’aanamu danda’aniin uumaman hedduu baratameetti guddachuu isheerraa kan madde akka ta’e dubbatti. “Guyyaa tokko gara Oromiyaatti deebi’ee ogummaa kootin uummata koo gargaaruuf abdiin qaba ture,” jetti.

Guyyaan lubbuu baraaru dadhabe”

Obseen taate tajaajila tola ooltummaa jalqabuuf murteessite yeroo yaadattu, “guyyaa lubbuu dargaggeettii sababa hanqina wal’aansaa fi qorichaan dhukkuba busaatin (Cerebral Malaria) duute baraaruu dadhabe,” jechuun yaadatti. Yeroo isheen barnoota ogummaa fayyaa Narsii irra turtetti Hospitaala Najjoo kan daawwatte yoo ta’u, yeroos hanqina meeshaalee hospitaalichi isa mudachaa ture hubatte. Erga hojii jalqabdee waggaa lama booda, hawaasa rakkateef tajaajila fayyaa kennuuf garee tola ooltoota Dooktaroota fi Narsoota Kaalifoorniyaa irraa dhufan waliin waggaatti al tokko gara Najjoo imalte.

“Yeroon ergama wal’aansaaf imalutti daa’imni dubartii waggaa 11 sababa hanqina meeshaalee wal’aansaan dhukkuba busaatin lubbuu ishee darbu argu hedduun rifadhe”

Obsee Luboo

Hospitaalli Najjoo, hospitaala meeshaalee muraasaan dhukkubsattoota 500,000 ol keessummeessu. Haata’u malee gareen wal’aansaa Obsee lubbuu dubartoota fi daa’imman hedduu baraareera. “Yeroon ergama wal’aansaaf imalutti daa’imni dubartii waggaa 11 sababa hanqina meeshaalee wal’aansaan dhukkuba busaatin lubbuu ishee darbu argu hedduun rifadhe,” jetti.

Hospitaalonni Oromiyaa keessa jiran baay’een isaani hanqina meeshaalee bu’uuraa qabu. Kunis Obseen fedhii eegumsa fayyaa Oromiyaa keessatti jiru salphisuuf hojii tola ooltummaa itti fufuuf akka murteessitu ishee taasiseera.

Erga bara 2009, waggoota 12 darbaniif Obsee fi gareen ishee daawwannaa marsaa saddeet gochuun Hospitaala Najjootti hawaasa gargaarsi isaan barbaachisuuf tajaajila fayyaa fi baqaqsanii hodhuu laachaa turaniiru. Muraasa isaani eeruuf; garichi wal’aansa baqaqsanii hodhuu mooraa ijaa, hidhii baqaqee, fi feesullaa dhibbaatamaan lakkaawwaman raawwataniiru, akkasumas daa’imman dhibee onnee qaban wal’aanuu, kana malees ittisa dhibee irratti ogeessota fayyaa fi hawaasa naannichaa barsiisaniiru.

Bara 2017/2018 Obseen dhaabbilee Itoophiyaa fi Ameerikaa waliin ta’uun Oromoota Naannoo Somaalee irraa buqqa’an naannoowwan Bishooftuu/Moojoo akka qubatan deeggarteetti.

Dhiyeenya kana Obsee fi garee tola ooltummaa ishee Finfinnee fi Kaalifoorniyaa irraa walitti qabaman Najjootti wiirtuu oomisha Oksijiinii isa jalqabaa, Lixa Oromiyaa fi Naannoo Beenishaangul Gumuzitti namoota miiliyoona 2.5 oliif tajaajiluu danda’u hundeessuuf deeggarsa maallaqa idil addunyaa irratti hojjataniiru.

Obseen jaalala hawaasa ishee gargaaruuf qabdu dagaagsuun dhaabbata bu’aaf hin hundeeffamne “Faawundeeshinii Deeggarsa Fayyaa Afrikaa Bahaa” jedhamu hundeessiteetti.

Bara 2013 yeroo hojii tajaajila fayyaaf gara Oromiyaa imaltetti, haala ulfaataa yeroo doktarri tokko daa’ima waggaa 11 dhibee Asmiin qabame fi maanguddoo ganna 55 dhiigaa jiru fi lubbuu isaa baraaruuf wal’aansa baqaqsanii hodhuu isa barbaachisu giddu eenyuuf Oksijinii laatamu akka qabu filachuuf yeroo dirqabu arguu dubbatti.

Yeroo sana hospitaalichi Oksijinii dhukkubsataa tokkoof qofa gahuu qaba ture. Namni umurii 55 sun hanga wal’aansa baqaqsanii hodhuu isaaf godhamutti daa’imni waggaa 11 dhibee Asmii waliin wal’aansoorra ture Oksijinii irraa kaafame ture. Haala gaddisiisuun sa’aatii muraasa booda lubbuun isaa darbe.

Dhiyeessii Oksijinii gahaa jiraachu dhabuun isaa lubbuu fi fayyaa namoota baay’ee irratti balaa buusa. Haata’u malee, galatni Obsee fi dhaabbata gargaarsaaf haata’uutii,haalli kun naannawa Najjootti fooyya’eera.

Yeroo san kaayyoon Obsee hospitaalichaaf madda Oksijinii amansiisaa argamsiisuun rakkoo akkanaa furuu ta’e. “Yeroo sana maal akkan jedhu fi akkan hojjadhu hin beeku ture, garuu ofiif waadaa galeen namoota hanqina Oksijiniin lubbuun isaani darbu ittisuu fi hir’isuuf waanan danda’u hunda akkan godhu Waaqayyoon kadhadhe,” jechuun dubbatti.

Itoophiyaatti dhiyeesiin Oksijiinii xiqqaadha. Hosptaalonni baadiyyaatti argaman baay’een Oksijiinii dhabanii yeroo dheeraa turuu danda’u. Dhiyeessii Oksijinii gahaa jiraachu dhabuun isaa lubbuu fi fayyaa namoota baay’ee irratti balaa buusa. Haata’u malee, galatni Obsee fi dhaabbata gargaarsaaf haata’uutii,haalli kun naannawa Najjootti fooyya’eera.

Pirojektii warshaa Oksijinii ‘The Breathing for life’ jedhamu deeggarsa maallaqa idil addunyaa Rotary Club Kaalifoorniyaatti argamuun durfameen dhugoome. Dameen Itoophiyaa keessatti argamu ‘Finot Rotary’, dhaabbata ‘Assist International’ jedhamu, Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Ministeera Fayyaa, fi kanneen biroo mikaa’ina projektichaa deeggaraa jiru. Yeroo ammaa kana dhaabbatni tola ooltummaa kun Lixa Oromiyaatti yaaddoo doktaroota dhukkubsataan kam Oksijiinii lubbuu baraaru argachu qabu jedhu hambisuun qulqullina tajaajila fayyaa fooyyeessuuf hojjechaa jira.

Fulbaana 2020 eegalee warshaan Oksijiinii Najjootti argamu Lixa Oromiyaatti hospitaalota 16 fi buufataalee fayyaa 10 ol ta’an, akkasumas hospitaalota lama naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti argaman tajaajilaa jira. Baasii gadi aanaa fi fageenya gabaabaan madda Oksijinii wal’aansaa amansiisaa ta;e dhiyeessaa jira. Kunis du’aatii dhukkuboota wal’aanamu danda’an kanaan uumamu malan hir’iseera. Hundaa ol warshaan Oksijiinii kun kan hundaa’e yeroo weerarri Covid-19 mudate ture yoo ta’u, lubbuu dhukkubsattoota baay’ee baraareera.

Har’a Wiirtuun Oksijinii Najjoo ji’atti Oksijiinii siliindara 1800 oomishaa kan jiru yoo ta’u, kunis naannichatti raabsamaa jira.

Hojii tola ooltummaa keessatti yeroo haalli jiru akka eegameen deemu dide namootni tokko tokko abdii kutu. Dubartii ta’uun qormaata mataasaa qaba, Obseefillee. Obseen hojiishee idilee fi itti gaafatamummaa maatii baay’ee dabalataan ulfa taatee yookiin ijoollee qabattee gara Oromiyaa imaluun isheerra ture. Haata’u malee Obseen namni tokko jijjiirama fiduuf obsaan kaayyoo isaarratti cichuu akka qabu amanti. “Abdiin bade gara mul’ata guddaa fi jijjiirama gaariitti hin geessu. Jijjiirama fiduuf obsa fi abdii kutachuu dhabuu gaafata. Balballi tokko yeroo cufamu inni biraa banama,” jette Obseen.

Sababa kanaaf hojii hawaasa gargaaruuf gootu irraa duubatti deebitee hin beektu. Qormaanni hanga ammaa ishee mudate hunda jabduu akka taatu ishee taasiseera. “Ani Oromoo jabduu fi sabboontuu kaayyoo baafadhe hangan galmaan ga’utti boqonnaa hin qabneedha,” jette.

Isheef, milkaa’ina jechuun jireenya namoota kaan irratti jijjiirama gaarii fiduu fi daandii ofii irratti deemuu jechuudha. “Warra kaan gargaaruun nan gammada. Xinnoo haafakkaatu iyyuu malee jijjiirama fiduu jechuudha, warra kaan kakkaasuu fi ifa ta’uudha,” jechuun ibsiti.

Ofii isheetin akka nama Oromiyaa fi Itoophiyaatti jireenya namoota baay’ee irratti dhibbaa gaarii gochaa jirutti ibsiti. Kaayyoo fi kutannoo qabduun dhaabbilee gara garaa irraa badhaasa fi beekamtii hedduu argatteetti. Isheen garuu badhaasni inni caalu lubbuu tokkittii dhibee ittifamu fi wal’aanamu danda’urraa baraaruu akka ta’e amanti.

“Badhaasni koo hojiiwwan nuti Oromiyaa keessatti hojjanneen lubbuulee baraaramanii fi kana hojjechuu itti fufuu keenyaati. Badhaasni nama qaroo dhabeeyyii ta’eef argaa isaa deebisuu caalu hin jiru, badhaasni kamuu fuula dhukkubsataa irratti gammachuu uumuu hin gitu,” jetti.

Jireenya nama tokko irratti jijjiirama fiduu danda’uun ishee boonsa. Obsee fi gareen ishee imala gara Oromiyaa godhan hundatti yoo xinnaate lubbuu nama tokko baraaru. Waan isaan mul’ata dhaloota baraaru irratti qooda fudhachuuf hojjatan gochuun salphaa miti.

Fuuldura gaarii

Duula yaalii baqaqsanii hodhuu moora ijaa hospitaala Najjootti taasifaman keessa tokko irratti, Obseen dargaggeessi umurii 18 yeroo jalqabaaf abbaa isaa yeroo argu argiteetti. Dargaggeeessi kun umurii isaa waggaa lama jalqabee ijji isaa hin argu ture. Ijasaa lamaan irratti wal’aansa baqaqsanii hodhuu mooraa milkaa’aa erga godhameefi booda ijji isaa arguu danda’eera, abbaa fi naannoo isaas ilaaluu danda’eera. Miira ilma fi abbaa kana arguun isheef ajaa’ibaa ture.

Sababa kanaan jabaattee hojii tola ooltummaa eegumsa fayyaa irratti xiyyeeffatte. Amma wiirtuu wal’aansaa fi imeejingii dhukkubsattoota Lixa Oromiyaa guutuu irraa dhufan fayyadamoo taasisuu Najjoo keessatti ijaaruuf karoora biraa qabdi. Yeroo ammaa kana wiirtuu wal’aansaa fi imeejingii meeshaaleen guutame kan jiru Finfinnee keessatti qofa. Waan humna isheen dandeessu yaaluu dabalataan warri kaanis mul’ata isaani akka hordofan, ija jaboo akka ta’an, jireenyaaf jaalala akka qabaatan, kaayyoo baafatanii isaan milkeessuuf akka tattaaffatanii fi ofitti amanamummaa akka qabaatan gorsiti.

Obseen, “Nuti warra rakkoo furuu, gara laafummaa kan qabnu, fi hawaasa keenya keessatti jijjiirama hawaasummaa gaarii fiduuf dandeettii guddaa kan qabnudha,” jechuun xumurti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.