Miseensotni ABO Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa achibuuten isaanii ammas dhabame; maatiin butamaniiti jedhu.

Daawit Abdataa (Bitaa) & Lammii Beenyaa (Mirga) Madda: Midiyaa Hawaasa

Bileh Jelan tiin 

Finfinnee, Adoolessa 13/2021- Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan ta’an Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa buufata Poolisii magaalaa Mojoo keessaa baafamanii akka miliqfaman Addis Standard maddeen irraa hubatee jira.

Addis Standard miliqfamuu Daawit Abdataa fi Lammii beenyaa maatii isaanii irraa qulqulleeffateera. Obboleessi Daawit, Biraanuun bilbilaan “Daawit eessa akka jiru hin beeknu” jechuun Addis Standarditti hime. Biraanuun Poolisii Oromiyaa gaafatanii “Iddoo hin beekamne geessanii yeroo deebi’an Poolisiin Addaa Oromiyaa ajaja gararraadha dhufe qabna jedhanii fudhatan” deebii jedhu argachuu dubbate.  Biraanuun Obboleessa isaa Wiixata Adoolessa 12 kaasee eessa akka jiru hin beeku jedha.  Dhabamuu isaan dura Daawit abukaattoo isaa wajjiin wal qunnamaa ture. Komishiinin Poolisii Oromiyaa maaliif iddoo jijjiiruun akka barbaachise gaafatamee ibsa keennuu hin barbaanne.

Obboleessi Lammii, Firaa’ol Beenyaa “Obboleessi kiyyaa fi namni isa wajjiin hidhame eessa akka jiran hin beeknu” jechuun Addis Standarditti hime. Itti fufee “Eessa akka jiran Poolisoota yeroo gaafannu akka iddoo jijjiiramanii fi bakka itti jijjiraman nutis hin beeknu nuun jedhan”. Dhimma kana irratti Poolisii Mojoo irraa odeessa gaha dhabuun kan isa gaddisiise Firaa’ol, harka Poolisii otoo jiranii dhabamuun ukkaamsaamanii fuudhamuudhaan tokkuma jedha.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Daawit Abdataa fi Lammii Beenyaa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessee erga hidhaa irraa bahanii booda, Gurraandhala 29, 2021 deebi’anii hidhaman. Manni murtii mutrtee kana kan dabarse Mudde, 2020. Kunis erga hidhamanii baatii shaniin boodaa.

Dhimma kana irratti Addis Standard Komishiinerii Poolisii Oromiyaa, Koomaandar Araarsaa Mardaasaa, dubbisuuf yaalii godheen qaamaan wajjira dhuftan malee yaada hin kennu deebii jedhu argate. Yaaliin Addis Stanard Ajajaa Poolisii Addaa Oromiyaa Komaandar Dachaasaa Bitimaa argachuuf taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.