Walitti bu’insa Godina Matakkalitti uumameen namootni 14 ajjefaman; Poolisiin Godinicha shakkamtoota 28 too’ateera

Hoospitaala Sadarkaa Jalqabaa Bulan

Siyannee Mokonnon tiin 

Finfinnee, Adoolessa 12/2021- Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkalitti  walitti bu’iinsa torban darbe keessa uumameen namootni 14 yoo ajjeefaman, 17 madaa’anii 30 ammoo achi buuteen isaanii dhabame. Akka gaabasni Addis Standard argate ibsutii, maanguddoon tokko ganda Imaanjii jedhamtu keessatti Jimaata Adoolessa 9 erga ajjeefamanii booda, halleellaan gareedhaan lafaa gabaatti fudhatame.

Akka ragaaleen ijaa Addis Standarditti himanitti haleellaan kun ajjeefamuu maanguddoo haloo bahuufi jedhan. Maanguddoon kun kan ajjeefaman “garee hidhatee socho’u eenyummaan isaanii hin beekamneeni” jedhu ragaaleen. Haleellaan ku kan raawwate Sanbata ganama Anaa Bulan ganda 02 keessatti. Sanbata jiraattonni godina Matakkal keessa jiran gabaadhaaf guyyaa itti wal gahaniidha.

Geembir Beetish, kan dubrii isaa Abbabaa Kulaash nama waggaa 15 haleellaa sana kessaa ajjeefame, “Dhukaasni namootaa iddoo gaabatti walitti qabaman irrattii baname” Jedha. “Dhukaasni kun hanga  qaamni koomandi poostii dhufee dhabisiutti sa’aatii tokkoo oliif   ture” jechuun bilbilaan Addis Standarditti himan. Amma ammaatti namootni 30 butamanii bakki isaan jiran hin beekamu kan jedhu Geembir namootni hedduun baqachuuf yoo yaalan kaan immoo mana namaa keessa dhokachuu isaanii nan yaadadha jedha.

Hooggantoonni aanichaa haleellaa kana kessaa harka qabaachuu isaanii akeeke Geembir, Mootummaa Federalaa irraa komii qabaachuu dubbate. “Mootummaan callisuu dhiisee haleellaa akka kanaa dhaabsissu qaba”. Dabaluunis “Ummaanni Itoophiyaa martuu haleellaa hawaasa keenya irra gahu balaaleffachuu qaba. Callisuun hawaasa biyyatti gadda keenya daran dabala. Nuti nama sagalee nuuf ta’u hin qabnu” jedhe.

Ajajaan Poolisii Godina Matakkal namootni 28 haleella Sanbataa wajjiin walqabatee too’annoo jala akka oolan Addis Standarditti himeera. Lakkoofsa namoota lubbuun darbee, miidhamanii akkasumas qaamni haleellaa gaggeesse eenyu akka ta’e kan gaafatame Ajajaan poolisii kun, dhimmi kun ammaaf qorannoo irra jira kanaaf yaada hin kennuu jedhe.

Dr. Jaalataa Abdoo, Ogeessi fayyaa Hoospitaala Sadarkaa Jalqabaa Bulan, namootni 14 hoospitaalicha keessatti du’uu mirkaneesse. Namoonni lubbuu isaanii darbe daa’ima waggaa tokkoo dabalatee dhalaa sadi’ii fi dhiira 11. Namootni 15 yaala argachaa jiru. Namoonni miidhaa guddaa irra ga’e lama gara Hoospitaala Paawwiitti ergamanis rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e geessuun hin danda’amne.

Hokkora uumame booda Koomaandi poostiin godinichaa Aanaa Bulan keessa qaama seeraan hidhateen ala meeshaa baatanii socho’uu fi galgala sa’aatii tokkoo hanga ganama sa’aatii 12tti socho’uu huggure.

Haleellan kun kan raawwate Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz miseensota qaama hidhatee socho’u duraanii 25 sadarkaa anaa fi godinaattti erga muudee booda. Godina Matakkal keessatti nagaa busuuf yaaliin godhamaa ture kan walitti bu’insaan guutame ta’ullee Mootummaan naannichaa miseensota qaamolee hidhataniif leenjii kennuun sagantaa araaraa analee garagaraa keessatti gaggeesse ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.