Mohaammad Deksisoo yeroo dheeraaf erga dhabamee booda hiikame

Siyaanne Mokonnon tiin

Finfinnee, Adoolessa 10/2021-Barataa Yuniversitii Jimmaa kan ture Mohaammad Deksisoo turtii mana hidhaa baatii shanii booda hardha gadi lakkifame. Gurraandhala 14,2021 sirna eebba barattotaa Yuniversitii Jimmaa irratti ‘Jawaar Mohaammad hiikaa, Haqni Haacaaluuf’ jedhee waan dubbateef kan hidhame Mohaammad, Torban ja’aaf iddoo hin beekamnetti erga hidhamee  har’a hiikame.

Mohaammad dabalatee namootni lama, Mulugeetaa Shitee Barsiisaa yuniversitii fi gaafa sana sirba dhiyeessaa kan ture akkasumas itti gaafatama qunnamtii sabaa Yuniversiitii Jimmaa kan ta’an Wandimmuu Laggasaa(PhD) hokkora kaasuu fi qaamota hidhatan gargaaruun himatamanii turan. Himata kanaan mirgi wabii erga eegameefi booda Poolisiin Magaalaa Jimmaa hallellaa boombii aanaa bachoo booreetti godhame lubbuu qaama nageenyaa tokko miidhe keessaa harka qabu jechuun himate.

Mulugeeta fi Wandimmuun yeroo gabaaba keessatti yoo gadi lakkifaman Mohaammad garuu iddoo hin beekmnetti geeffame. Milikfamuun Mohaammad kan rifachiise Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa akka gadi lakkifamuuf ibsa  baase.

Obboleessi Mohaammad, Sulxaan Deksiisoo Addis Standarditti akka himettii maatiin isaa torban baay’ee achii buutee Mohaammad dhabanii turan. Kana booda “Poolisiin Addaa Oromiyaa gara Finfinnee akka fidan baradhe. Isa argachuuf yaaleen ture garuu gara  Galaan geeffame naan jedhan” jedhee Addis Standarditti hime Sulxaan.

Manni Murtii Walii Galaa Oromiyaa poolisiin Oromiyaa Mohaammad mana murtiitti gaafa Adoolessa 8,2021 dhiyessu ajaja dabrsus poolisiin Oromiyaa bakka inni jiru akka hin beekne mana murtiitti himuu Sulxaan Addis Standardiif ibse. Manni murtii beellama biraa gaafa Adoolessa 15,2021 qabuun poolisiin Mohaammad akka dhiyeessu Poolisii Oromiyaa ajaje. Sulxaan ganama har’aa Obboleessi isaa Mohaammad Awaash Malkaasaa irraa hiikamuu isaa bare.

.Mohaammad gama isaatiin gara Awaash Malkaasaa osoo hin geeffamin torban tokkoof Galaanitti hidhamee akka ture Addis Standarditti hime. Rebamuu isaa kan akeeke Mohaammad akkas jedhe “Waanti Oromoo irratti hin tanee kan narratti raawwatame hin jiru, Miidhaan qaamaa cimaan narra hin geenye faayyaa kiyya.” jedhe.

“Awaash Malkaasaa keessatti iddoo hin beekamne  turre.Ana dabalatee qabsaa’onni Oromoo gameeyyiin akkasumas Artistoonni haala qabiinsa saalfachisaa keessa turre.” jedha Mohaammad turtii isaa torbee Ja’aa Awaash Malkaasaa yeroo ibsu.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.