Itoophiyaan Waajjiraalee dippilomaasii hedduu cufuun hojjattootni gara biyyaa akka deebi’an ajajni darbe.

Finfinnee, Adoolessa 08/2011– Itoophiyaan waajjiraalee dippilomaasii cufuu,  kanneen  hin cufamin  irraammoo hojjattoota hir’isuu maddi dhimma kanaaf dhihoo ta’an Addis Standardiif himan. Tarkaanfiin kun kan fudhatame Muummichi Ministiraa Abiy Ahimad mana maree bakka bu’oota ummaataatiif ibsa yeroo kennu lakkoofsi waajjiralee dippilomaasii hir’achuu akka qabu erga dubbatee booda.

 

Maddeen akka Addis Standardiif ibsanitti hojjattoonni 18 Imbasii Itoophiyaa Waashingiteen jiru keessa hojjatan gara biyyaatti akka deebia’an ajajamaniiru. Kana malees waajjira bakka bu’oota Itoophiyaa Mootummoota Gamtoomanii keessaa namoonni 5 akka deebi’an godhamanii hojjattoonni wajjirichaa nama 3tti qofatti gale. Waajjiraaleen dippilomaasii Loosanjiles, Firaankfart fi Minisootaa jiran cufamanii, hojjattoonni wajjiraalee kunniini biyyaatti akka deebi’an taasifamuu isaa maddeen Addis Standarditti himaniiru.

 

Murteen waajjira dippilomaasii damee Minisootaa saaqamuu kan murtaa’e  Ebla 2018 erga MM Abiy Ahimad angoo fudhatee booda. Waajjirichi yeroo muraasa booda tajaajila kennuu jalqabe. Waajjirri kun erga bulchiinsi MM Abiy Ahimad waajjiralee dippilomaasii cufuuf murteessee booda, wajjiraalee cufaman keessaa kan jalqabaa ta’a.

 

Ministeerri  Haajaa Alaa  xalayaa Adoolessa 07,2021 barreessee waajjiraalee dippilomaasii biyyoota hambaa maraaf erge irratti sababa COVID-19 fi qisaasama diinagdee muudateen  ijaarsi haaraan akka barbaachise ibse. Itti dabalees ijaarsi haaraan kun raawwii dhaabbatichaa ni dabala jedhe.

 

Muummichi Ministiraa Abiy Ahimad mana maree bakka bu’oota ummaataaf ibsa keennan dhimmotaa  diinagdee, waraana Tigray fi filannoo biyyoolessaa ji’a darbee irratti ibsa laataniiru. Itti aansuun wajjiraaleen dippilomaasii 30 ta’an akka cufaman heeraniiru. Raawwii waajjiraalee dippilomaasii biyyaa alaa jiran kan qeeqan MM Abiy,imaammatni haajaa Alaa hordofamaa jiru jijjiiramuu akka qabu ibsan. Yeroo ammaa kana Itoophiyaan waajjiraalee dippilomaasii 59 akka qabdu ragaan marsariitii Ministeera Haajaa Alaa ni ibsa.

 

Yaaliin Addis Standard Ministeera Haajaa Alaa irraa  qulqulleefachuuf godhe hin milkoofne.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.