Manni Murtii Federaalaa Poolisiin Federaalaa Jawaar Mohaammad faa akka dhiyeessu ajaje

Mahalet Fasil tiin 

Finfinnee, Adoolessa 06/2021- Manni Murtii Olaanaa  Federaalaa  Ramaddii Lidataatti, Dhaddachi Yakka Shororkaafi Dhimmoota Heeraa 1ffa olmaan torbaan darbee irratti himatamtoonni galmee Jawaar irratti himataman Jawaar, Baqqalaa, Hamzaa  fi  Dajanee Xaafaa akka dhiyaatan ajajee ture. Himatamtoonni kunis dhaddacha irratti maaliif akka hin hirmaanne karaa abukaattota isaanii mana murtiif xalayaa erganiin beeksisaniiru.

Olmaan dhaddachaa kun kan beelamame akkaataa ragaaleen Abbaa Alangaa itti dhagahaman ilaalchisee iyyannaa Abbaan Alangaa fooyyessee  irratti falmii taasisuuf; akkasumas namootni beellama darberratti hin dhiyaanne maalif akka hafan akka hubachiisanif ture. Himatamtoonni garuu sababa ajjeechaa seeraan alaa hidhamtootaa, qabiinsa hidhamtootaa fi ajjeechaa seeraa alaa guutuu biyyattiiti taasifamu mormuuf akka ta’e himan.

Himatamtoonni dhaddacha kana irratti yaada isaanii akkas jechuun dhiyeessan “deebi’anii hidhamuuni fi butaamuun hidhamtoota siyaasaa manni murtii bilisa basee sirna haqaa irraa abdii akka kutannu nu godhe ”.

Waggaa tokkoo oliif himannaa tokko malee mana hidhaa turuu isaanii dhaddachicha  yaadachiisaniiru. Waggaa tokko guutuuf abbootii seeraa dhimma isaanii hordofaa turan kan galateeffatan Jawaar faa “Mana murtiin bilisa baanus akkuma hidhamtoota siyaasa biroo butamuu fi deebineee hidhamuu dhisuu keenyaaf wabiii hin qabnu” jedhan

Dadhacha dhufu irratti Poolisiin Federaalaa himatamtoota akka dhiyeessu ajajuun beellama dhufu Adoolessa 28,2021tti qabe.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.