Manni Murtii Olaanaa Federaalaa namoota ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaatiin himataman sadii irratti murtii dabarse.

 Maahlet Faasil tiin

Finfinnee, Adoolessa 27/2013Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidaataa ramaddii 2ffaa, dhaddachi dhimma shororkeessummaa fi heera mootummaa ilaalu namoota sadii kan ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan shakkamanii dhiyaatan irratti murtee dabarsee jira.

Himatamaan jalqabaa Xilaahun Yaamii labsii yakka shororkeessummaa 1176/2012 keeyyata 2/3 jalatti eerameen badii kana dalagee jechuun adabbiin hidhaa cimaa umrii guutuun itti murtaa’era.

Himatamaan lammaffaan Kabbadaa Gammachuu heera yakka 540 /penal codes 540/ darbuun meeshaa waraanaa Seeran alaa hidhachuun faayidaa hin malle argachuf jecha yakka keessatti hirmaachuun mirkanee’ra jechuun hidhaa cimaa waggaa 18tin akka adabamu murtaa’e jedhan abbootiin seeraa.

Himatamaan Sadaffaan Abdii Alamaayyoo yakka kana argee waan hin beeksisneef heera yakkaa 443/1 /penal code 443/1 /tin dhaddachichi hidhaa ji’a ja’aan akka adabamu murteesseera.

Himatamaan sadaffaan erga to’annaa jala oolee ji’a ja’a waan darbeef, bilisaan akka gadi dhiifamu murtaa’era. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.