Finfinnee, Adoolessa 01/2021- Hanqina roobaa waqtii arfaasaa mudatee fi bona dheerateen qonnaan bultoonni Godina Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa hoomisha malee hafaniiru. Kana malees hanqinni rooba arfaasa kun qophii oomishaa waqtii gannaa irratti dhiibbaa akka fidu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessi Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) beeksise.
Yeroo ammaa kana hanqinni nyaataa galmaa’aa jiru waggaa darbee yeroo walfakkaataa irraa harka 40 hanga 50 dabaleera. Qonnaan bultoonni godina lamaanii waggaa darbes oomisha isaanii harka 30 hanga 40 dhabaniiru. Hir’isuun oomishaa kanaaf sababni rooba gahaa fi wal qixxaataa dhabamu, loolaa fi hoomaa hawaannisaati.
Halli godinaalee lamaan keessa jiru hanqinni roobaa muudachaa jiru yoo itti fufe, bara dhufu(2021/2022), walakkaa uummata godinicha gargaarsa nyaataa irratti akka hirkatan gochuu danda’a. Yeroo ammaa kana hanqinni nyaataa galmaa’aa jiru waggaa darbee yeroo walfakkaataa irraa harka 40 hanga 50 dabaleera. Gabaasni hanqina nyaataa kan ji’aa godina Harargee Bahaa harka guddaadhaan dabalaa jira.
Hanqinni nyaataa, dhiheessii nyaataa laafaa fi piroojeektonni gargaarsa nyaataa naannicha keessatti socho’aa turan yeroon isaanii dhumuun hanqina nyaataa daa’immaan waggaa shanii gadii fi hadhooli ulfaa fi arma hoosisan irratti uumameef gahee guddaa qaba. Yeroo gaaga’amni namoomaa uumamu dubartoonni ni miidhamu akkasumas aarsaa guddaa kanfalu. Matii isaanii jiraachisuuf nyaata xinnoo nyaatu. Dubartoonni ulfaa nyaata gahaa hin argaanne ulfi irraa bahuu akkasumas yeroo da’umsa hir’ina dhiigaan lubbuun darbuu danda’a. Hanqinni nyaataa guddina qamaa fi sammuu daa’immanii irratti dhiibbaa fiduun dhukkuba, hiyyummaa fi walqixxummaa dhabamsiisa.
Godinaaleen Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa keessa buqqaatoota keessoo 150,000 fi buqqaatotaa bakka jireenyaa isaanitti deebi’aan 300,000, halaa jireenyaa badaa fi gargaarsi namoomaa barbaachisutu jira. AS