Xiinxala: Xiqqaachuun Oomisha Qurxummii haroo Hawaasa oomishtoota yaaddessaa jira

Iteenash Abarraa tiin

Finfinnee, Waxabajjii 7/2021 -Magaalaan Hawaasa magaalota haawwatoo ta’an keessaa adda dureedha. Hawaannaa magaalittiif bu’uura kan ta’e haroo Hawaasati. Magaalli Hawaasa teessoo mootummaa Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa turte fi  amma immoo teessoo mootummaa naannoo Sidaamati. Haroon Hawaasa iddoo bashannanaa waan ta’eef magaalittiif galii guddaa argamsiisa.  Addis Standard magaalaa Hawaasaa daaw’achuun biiroo qabeenya uumamaa naannoo  Sidaamaa fi qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii godhe.

Haroon Hawaasa haroowwan sulula qiinxaamaa keessatti argaman keessa tokko. Haroon kun bishaan qulqulluu fi gadi fageenya xiqqoo qaba. Kunis lubbu qabeeyyii akkasumas biqilootni garaa garaa keessa akka jiraatan dandeessisa. Haroon Hawaasa qurxummiiwwan gosa hedduus of keessaa qaba.

Akka oomishtoonni qurxummii qarqara harichaa jiran dubbatanitti baay’inni qurxummii yeroodha gara yerootti xiqqaachaa jira. Daawit Abraham, dura taa’an waldaa oomishtoota qurxummii haroo Hawaasaa, baay’inni qurxummii kan xiqqaate saaphana qorannoo malee biyyaa keessa galaanii fi namoota seeraan alaa qurxummii qabuu irratti bobba’aniidha jedhu. Namoooni seeraan ala qurxummii qaban kunniin iddoo dhorkaa naannoo margi jiruu akka qaban dubbatu.  Hara keessaa iddoon marga qabu bakka qurxummiin itti walhoraani jedhu Daawit.  Qaamota seeraan alaa kunniin malee jallisiin qarqara haroo  fi Meshaan bishaan waraabu hir’suu Oomisha qurxummiif ga’ee qabuu jedhu Daawit.

Haaluma walfaakkaatun balfi dhangala’aan Paarkii Indaastirii Hawaasa fi Hoospitaala Riiferaala Hawaasa keessaa bahu haga tokko qurxummiiwwan akka miidhu ni hubanna. “Dhimma kana irratti qaamota dhimmi ilaaluu dubbifneet jirra. Bishaan balfaan osoo hin qulqullaa’in yoo haratti dabalame lubbu qabeeyyi hunda miidhuu danda’a.” jechuun Addis Istaandarditti himan Daawit.  Warshaaleen bishaan qulqulleessinee gara haroo gadi laakkifna jedhu, kana garuu mirkaneessuun hin danda’amu jedhu Daawit. Kana malees balfi dhangala’aan magaalaa keessaa gara haroo Hawaasaa yaa’u haricha faalaa jira.Haata’u malee Daawit  “Yeroo ammaa bulchiinsi magaalaa balfa dhangala’aa fi loolaa osoo hara hin seenin qulqulleessuuf karoorfatee jira.” Jedhu.

Yoonaas Tasheete, barreessaan waldaa Oomishtoota qurxummii, kan Daawit dubbate ni deeggaru.  Qurxummii baay’inaan qabuun akaakuu qurxummii hara keessatti argamanii gadi buuse. “Interpiraayizii xixiqqaa kudhanii olitu hara Hawaasa irratti hojjata. Hundinuu qarqara  haroo irraa qurxummii qabuun isaanii qabeenya uumamaa harichaa mancaasa jira” jedhu Yoonaas.  Dhalatee kan guddate naanna’a harichaatti ta’uu kan dubbatan Yoonas hir’isuun oomisha qurxummii sirriitti itti mul’ata. “Ammatti namootni qurxummii qabuun galii argatan galii isaanii guutumaa guututti dhabuuf  jiru. Waldaan oomishtootas rakkoo keessa jira”. Saaphannii seeraan ala Gibxi irraa galu hoomishni qurxummii akka hir’atu godhe. Akka Yoonaas jedhutti saaphanni kun qurxummiiwwan xixiqqoo nyaataaf hin gahin waan qabuuf  oomishni hir’ate. Addis Istaandardis yeroo namootni saaphanarraa qurxummii xixiqqoo lagatti gadi darban ilaalee jira.

Gaaffiif deebii Addis Istaandard wajjiin godhaniin Taklee Zoonbaa, Daayirekteerri Eejensii Beeyladaa fi Qurxummii naannoo Sidaamaa, raakkoon Oomishtoonni kaasaan jiraachuu amanu. “Weerarri dhukkubaa Koronaa oomisha humnaa olii ji’oota dheeraaf waan  hambiseef baay’inni qurxummii dabalee ture ”kan jedhan Takleen ammas danqaan jiraachuu himu.  Akka daayirekteerichi himanitti qamooleen adda addaa Yunivarsiitii Hawaasaa dabalatee akkataa oomishni qurxummii itti guddatu irratti qorannoo gaggeessa jiru.  Dhimma saaphana seeraan alaa Addis Istaandard yoo gaafatu, daayirekteerichi gareen kana qoratu hundaa’ee hojii eegaluu isaa dubbatan. Gareen hundaa’e kun ogeeyyii biiroo Beeyladaa fi Qurxummii naannichaa, Poolisii, Abba Alangaa Walii Galaa fi waldaa Oomishtootaa of keessaa qaba.  “Saaphanichi moonoofilaament neet jedhama. Qurxummii xixiqqoo nyaataaf hin gahin illee hin hambisu” jedhan. Yeroo dhihoo keessatti saaphanichi akka dhoorkamu waadaa seenan Takleen.

Faalama harichaa ilaalchisee, dhangala’aan paarkii industirii  keessaa ba’u kan qulqullaa’e waan ta’eef balaa hin qaqqabsiisu jedhe Daayirekteerichi. “Danqaa  haroo fi oomisha qurtimmii muudachaa jiru keessaa inni tokko loolaa fi balfa dhangala’aa magaalaa keessaa ba’u kan wantoota  jajjaboo harichatti geessuu”. Taklee gareen dhaabbate kun hojii teekinikaa fi bulchiinsaa walitti qabee waan hojjatuuf, rakkoon haroo Hawaasa ni furama jedhu. Dhimma namoota seeraan ala qurxummii qabuu irratti bobba’an ilaalchisee “koreen dhimma kana ilaaluu qindaa’ee dhaabsisuuf hojjachaa jira” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.