Ibsa ugguura maxxansa marsariitii Addis Standard fi marii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa waliin taasifame

Maaltu Uumame?

Kamisa Adoolessa 15, 2021 Daayirektoreetiin Galmee fi Haayyamaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa(ATMI) Hoji Gaggeessa JAKENN Publication PLC ,maxxansaa Addis Standard,  biratti bilbiluun hojjattoonni Addis Standard waraqaa galmee abbaan taayitichaa Addis staandardiif Caamsaa 28/2021 kenname gara waajjira Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa fidan gaafatan. 

Haaluma armaan olitii ibsameen garee hoji gaggeessitonni sadi gara waajjira (ATMI) deeman. 

Hojjattoonni Addis Standard erga waajjira ATMI erga gahanii booda Daayirekteerin Daayirektoreetichaa sababa  haayyamni Addis Standard akka fudhatamee fi marsariitii irratti barruu kamu akka hin maxxansine hojjattoota Addis Standardiif ibsan. Murteen kun kan murtaa’e ogeeyyonni ATMI qabiyyeen Addis Standard maaxxansu ajandaa dhaaba shororkeessaa ABUT ni  dhaadhessa akkasumas Human Ittisa Tigraay jecha jedhamu ni fayyadama  jechuun waan  himataniifi.  ABUT dhaaba siyaasaa Manni Maree bakka bu’oota Uummaataa Itoophiyaa Shororkessummaan moggaasedha. 

Ajaja Daayirektoreetichaa fudhachuu JAKENN Publishing PLC yeroodhaaf qabiyyeewwan  Addis Standard akka hin maxxansine dubbistoota Addis Standardiif ibse. 

Murteen Kun Seera Miidiyaa Itoophiyaa Akkamittiin cabse

Seerri Miidiyaa Itoophiyaa haraan  Labsii 1238/2021 Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa ulaagalee haayyamaa raadiyoo fi televizhiinii akka madaalu fi Midiyaalee Marsaritiitiif ammoo waraqaa beekamtii akka kennu heera. 

* Keeyyatni 26 labsii kanaa Miidiyaaleen Marsariiti waraqaa galmee argachuuf ATMI himatanii yoodhabanillee seera qabesummaa isaanii hin mulqamu. 

* Labsii 1238/2021,Keeyyatni 22 -lakkoofsi  2  adeemsi galmee miidiyalee marsariiti kun walabummaa yaada ofii ibsachuu irratti dhiibbaa uumu akka hin qabaanne ni heera.

* Keeyyatni 48ffaan labsii miidiyaa mirga yaada walabaan ibsachuu fi mirga dhimmoota garaa garaa qeeqaani gabaasuu ni eega.

*  Dhimmoota tarkaanfii bulchiinsaa ilaalchisee  keeyyatni 73 labsichaa akkas jedha “Dhaabbileen Miidiyaa labsii kana cabsanii yoo argaman abbaan taayitichaa tarkaanfii bulchiinsaa sadarkaa adda addaatti akkaataa labsii kana keessatti heerameen fudhachuu ni danda’a. 

  1. Akeekkachiisa barreeffamaa
  2. Adabbii qarshii 200,000(Kuma Dhibba Lama) gadii  
  3. Sagantaa labsii cabsu yeroof dhorkuu yookaan ugguruu 
  4. Dhaabbata labsii cabsu irraa haayyama yeroof dhorguu yookan haayyama haquu

Kana irratti hubachuun kan barbaachisu keeyyatni armaan olii kun kan ilaallatu midiyaalee tamsaasa garaagaraa qabaniif akka ta’ee fi Miidiyaa Marsariiti kan hin ilaallanne ta’uu isaati. 

Waraqaa galmee  mulquun, ugguruun yookaan yeroof dhoowwachuun aangoo  Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa(ATMI) keessatti hin heeramne. Gochootni armaan oolitti heeraman kunniin  qabiyyeen akka hin maxxanfamne kan dhoorkisiisan miti.   

Ga’ee Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa

* Akka labsii miidiya heerutti  boordiin nama sagal of keessa qabu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatiin muudamee ATMI gaggeessu qaba. 

* Keeyyatni  12 lakkofsi 2 boordiin qaama murtoo ATMI isa dhumaa ta’uu ibsa. 

* Komii hawaasa irraa ka’u qoratee fi ilaalee  kan murteessu Boordii ATMI ta’uu isaa labsii Miidiya keeyyata 5 jalatte ibsamee jira. 

* Labsiin kun keeyyata 12 lakkofsa 6 jalatti dirqama boordii akkana jechuun kaa’a “koree walabaa komii dhagahu ijaaree, komii lammilee fi qaamota haayyama qaban biraa adeemsa, hordoffii  fi tajaajila abbaa taayitichaa ilaalchisee boordiidhaaf yaada furmaataa dhiyeessa. Boordinis kana irraa ka’ee murtee kenna.”

Haata’u malee  Labsiin 1238/2021 boordiin akka ijaaramu kan ajaju yoo ta’u amma barruun kun qindaa’etti  akkataa labsichi heereen boordiin ijaarame  hin jiru. 

Dhimmootni adeemsa fi seeraa sirnaan otoo hin hordofamin ATMI murtee dabarsuu isaa beeksise. Sababni ATMI kenne “komii fi adeemsa yaaddessaa” jedhu karaa hordoffiitiin argatedha. ‘Komii fi Adeemsa yaaddessa’  jedhame kana Addis Standard tiif ifa osoo hin godhamiin  yeroodhaaf qabiyyee akka hin maxxansine dhorkame. 

Kara ibsa miidiyalee gara garaa fayyadamuun, AMTI dharaan Addis Standard ajandaa garee shorokeessaa dhaadhessa akkasumas maqaa Humna Ittisa Tigraay(Tigray Defense force) jedhu fayyadama jedhe. Haata’u malee jecha kan miidiyaan biyya keessas ta’ee alaa  akka hin  fayyadamne abbaan taayitichaa kan ibsa baase Jimaata, Adooleessa 16/2021. 

Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa  qabiyye Addis Standard yeroof ugguruu tasa beeksisuun isaa Akkasumas haasaan  Itti anaan Daayirekteera Obbo. Yonaatan Tasfaayee Miidiyalee garaa garaa waliin godhan Labsii Miidiyaa keyyata 72 kan cabse yoo ta’u walabummaa miidiyaas daran kan miidhudha. 

Murtii dabarsuun dura Addis Standardiif akkeekkachiisa kennuu kan ibsu Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa, Akka miidiyaa marsariititti Addis Standard tarkaanfiin bulchiinsaa ATMI hin ilaallatu. Tarkanfileen bulchiinsaa  Akeekkachiisa barreeffamaa, Adabbii qarshii fi  haayyama yeroof dhorguu yookan haayyama haquun ammoo aangoo Boordiiti malee kan ATMI miti. 

Walqahii Daayirekteera ATMI, Itti aanaa Daayirekteeraa fi Gulaaltota Addis Standaard waliin  taa’ame

Wiixata Adoolessa 19/2021 Gulaaltonni olaanoo Addis Standard lama: qopheessa fi gulaalaan qabiyyee maree bu’a qabeessa  daayirekteera ATIM Obbo Mohaammad Idiris akkasumas Itti aanaa daayirekteeraa Obbo Yoonatan Tasfaaye wajjiin taasisan.

Walgahii kanaan adeemsa armaan gadii irratti walii galaame

Garee Gulaaltotaa  Addis Standard

* Gulaaltonni Addis Standard rakkoolee adeemsaa  ATMI irratti hoggantoota ATMI ibsa laataniiru 

* Gulaaltonni Addis Standard komii  hoggantoota dhuunfaan kana dura Addis standard maqaa balleessaa turan irraa qaban ibsan.  

* Gulaaltonni Addis Standard qorannoo qaama walabaan gaggeeffamee, himannaa ajandaa qaama shororkeessa gaggeessu jedhu dhara ta’uu mirkaneessu akkasumas maxxansuun akka barbaachisu kanaafis Addis Staandard tumsa barbaachisu akka taasisu ibsan.

* Gulaaltonni Addis Standard dhabbatichi himannaa akkanaa salphisee akka hin ilaalle isbuun, himaannaan balaa guddaa qabu  kun dhara ta’uu isaa mirkaneessuuf dhama’ee akka hojjatu himan 

* Dhumarrattis Gulaaltonni Addis Standard dhabbatni isaanii hordoffii walabaa abbaan taayitiichaa godhu hundaaf tumsa barbaachisaa yeroo gaafatametti akka keennu ibsan. Kana malees dhimma himannaa kanaan  walqabate wanta  irraa eeggamu gochuun  himannaan kun ka’umsa akka hin qabne ni mirkaneessan. 

Hoggantoota ATMI

* Hoggantootni  ATMI Adeemsi Addis Standard qabiyyee maxxansuu  irraa ittii dhorkame sirrii akka hin taane fi Seeraan ala ta’uu isaa amanan. 

* Haata’u  malee hoggansi ATMI maxxansi miidiyaa nageenya biyyoolessaa fi Walabummaa biyyaa hin caalu jechuun adeemsa isaaniif sababa laataniiru. Tarkaanfii atattamaa kan fudhachiise qabiyyeen qoratamaa jiraachuu kan ibsan hoggantoonni ATMI firiin qorannoo kanaas hawaasa bal’aaf ifa ni baha jedhan. 

* Hoggantootni  ATMI  Addis Standard fayyadama jechootaa Humna Ittisa Tigraay(Tigray Defense Force) kan jedhu dabalatee akka fooyyessuu yaada laatan. 

* Hoggantooti ATMI akkeekkahiisni itti fayyadama jechootaa erga Addis Standard irratti tarkaanfiin fudhatamee booda ibsamuu isaa amananiiru.

* Hoggantooti ATMI kana booda akeekkachiisni Addis Standardiif kennamu Seera miidiyaa itoophiyaa hordofee akka ta’u hubataniiru. 

* Hoggantooti ATMI Addis Standardiif  waraqaan  galmee Roobii Adooleessa 21/2021 akka deebi’u mirkaneessaniru. 

* Hoggantooti ATMI ibsa kana booda bahu irratti himannaa  Addis Standard ajandaa shorerkeessitootaa gaggeessa jedhuu fi qaamolee Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa Shororkessummaan moggaasee waliin walitti dhufeenya qaba jedhu akka qulqulleessan himan. 

Hubachiisa: 

Walgahiin kun wal hubannoo jabina dhimma kanaa irraatti Addis Standard fi Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa qaban irraa ka’ee gaggeeffame. 

Addis Standard akkuma kanaan duraa dhuudhaa fi naamusa gaazexeessuummaa eeguun ni hojjata. Kana malees akka miidiyaa walabaattii Itoophiyaa dimokiraasii fi nagaa qabdu ijaaruuf ga’ee isaa ni bahata. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.