Xiinxala: Mootummaan Naannoo Oromiyaa dargaggootni fedhiin duulaa jiru jedha, Dhabbileen Mormitootaa Mootummaan dirqamaan dargaggoota duulchisaa jiraa jechuun qeeqan.

Sirna gaggeessaa Dargaggoota Duulanii Magaalaa Ambootti

Suura: OBN

Hojjattoota Addis Istaandard tiin

Finfinnee, Adoolessa 26/2021– Mootummaan dargaggoota Oromiyaa iddoo garaa garaati dirqamaan duulchisuu gabaasaaleen mul’isaan tibbana Addis Standard ga’aa turaniiru. Haa ta’u malee haalli dargaggootni Raayyaa Ittisa biyyatti (RIB) dabalaman kun komii kaasera. Dhabbileen Mormitootaa Naannoo Oromiyaa keessa jiran dargaggootni dirqisiifamaa turan yoo jedhan, mootummaan ammoo dargaggootni fedhii isaanitiin Raayyaa Ittisa Biyyaatti makaman jedha.

 

Akka gabaasaleen mul’isanitti adeemsichi  hanga xumura baatii Adoolessatti kan adeemsifamaa ture yoo ta’u, suuraan dargaggoota kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa konkolaataa gurguddaadhan gara buufata leenjii yeroo geeffamaan agarsiisuu miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa turera.

 

Dhimmicha irratti mootummaan naannoo Oromiyaa,karaa dhabbata  miidiyaa naannichaa  Oromia Broadcasting Network (OBN), adeemsa dargaggoota Raayyaa Ittisa Biyyatti dabalaman filachuu ilaalchisuun ibsa kenneen fedhii irratti kan hundaa’e ta’uu ibseera. Haaluma kanaan godinaalee akka Booranaa, Guji, Iluu abbaabor , Shawaa Dhihaa,  Baale, Arsii Dhihaa  fi Godina Addaa Nannawaa Finfinnee irraa dargagootni hedduun, filatamuun Raayyaa Ittisa biyyatti makamuutu himame.

 

Maqaan isaa akka hin dhahamne kan gaafatan jiraataan  magaalaa Shashamannee tokko akka Addis Standarditti himanitti, qeerroo hedduu marsanii gara Hoteela Rifti Vaaliitti geessuu fi hadholiin boo’aa ijoollee isaanii akka argan gafatanis  dhorkamuu dubbataniiru.

 

Ogeessi fayyaa, fayyaa dargaggoota duulaaf filatamanii sakatta’aa turanan kan eenyumaa isaanii ibsuu hin feene tokkos kana ragaa baheera ”Dargaggoota walitti qabaman keessaa tokko waggaa 17 ni ta’a. Boodarra nama umuriidha hin gahin ta’uu isaa maatii isaarraa mirkaneeffadhe.”

 

Dargaggootni Godina Baalee fi Baalee Bahaas dirqamicha irraa hin baraaramne. Adeemsi kun  humnaan akka ture maddeen qabatamaan akka Addis Standardiif  mirkaneessaniiru. Dursaa hawaasaa godina Baalee magaalaa Roobee maqaan isaani akka hin ibsamne gaafatan “Magaalota dhiyeenya jiran keessaa dargaggoota adamsanii magaalaa keessatti walitti qabaa turan. Dargaggootni magaalas hin hafne.” Jechuun Addis Standarditti himan. Wayita lakkoofsa dargaggoota kanaa gaafatamanis, “Dargaggoota baay’eedha. Maalif akka yeroo kanatti akkas godhan hin beeku.” jedhu. Itti dabaluunis haalaa kana keessa daa’immaan umuriin isaanii hin geenyellee keessa miidhamuu akka danda’an eeraniiru.

 

Magaalaa Buraayyuutti dargaggeessi Roobii qabamee Jimaata gadi dhiifame akka Addis Standaritti  himetti, ”Utuu nuti mana puulii jirruu isaan (Poolisootni Magaalaa Buraayyuu) dhufanii hunduma keenya walitti qabanii deeman.” Itti dabaluunis, “Buufata Poolisii Magalaa Buraayyuu keessatti, kutaa sadiitti nu naqan. Kutaa isa kan keenyaa keessa hanga nama 40 tu ture.Guyyaa lama booda dhufanii nu warra mana puulii turre qofa gadi nu dhiisan. warra kaan achumatti hambisan” jedha. Dargaggeessichi namoota didaa turan irratti miidhaa qaamaa gessissaa akka turan arguu isaa dubbata. Kana malees ijoollee umuriin isaanii hin geenyellee buufata poolisii sanatti waliin turuu isaa mirkaneessera.

 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO’n) mootummaan Ministira Muummee Abiy Ahimed dargaggoota Oromoo waraanatti guuraa jira jechuun himata. Ibsa  Jimaata Adoolessa 23, 2021 baaseen, “Akka Ragaa qabatamaa, kutaalee biyyatti garaagaraa irraa argannetti, mootummaan ijoollee umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dirqamaan waraanaaf leenjisaa fi qopheessaa jira.  Ijoolleen  isaan waraanaaf dirqamsiisan baay’een isaanii  kanneen hawaasa keenya harka qal’eeyyii ta’an akka ijoollee qophee qulqulleessanii, hojii humnaa hojjatanii fi kanneen waan nyaatani bulan argachuuf hojii argatan hojjatan fa’i. Ijoollee kanneenis kan funaanuu danda’an odeeffannoo sobaa fi dogoggoraatin gowwomsanii  hojii isiinif kennina jechuun waadaa sobaa  galaniifiti.  Akkuma  dubbataa turre  humnootni PP hidhatan mana hidhaa Amboo irraa, mana hidhaa Sabbataa irraa (Daalattii),Sulultaa, Buraayyuu fi bakkeewwaan garaa garaa  daandii fi mana nama dhuunfatii dabalatee ijoollee bayyee waraanaaf guuraniiru.”

 

Dabalataan ABO’n “Daa’imman Waraanaaf Qopheessuu” jedhee kan ibse, “ Sabni Oromoos ta’ee sabaaf sablammootni Itoophiyaa wal gurmeessuun fi tokkummaa isaanii cimsuuni gocha badaa mootummichaa da’immaan waraanaaf qopheessuu mormuu akka qaban yaadachiisna. Keessumaa, caasalee partilee mormitootaa, Caasaalee Dargaggoota Oromoo (Qeerroo/Qarree) fi Bulchiinsi Mootummaa Ce’uumsaa Naannoo Oromiyaa (Oromia Regional National Transitional Government (ORNTG) Ijoollee kanneen baraaruuf ciminaan akka hojjatan gaafanna. Akkasumaas, Hawaasni idil Addunyaa waraana akka waraanatti beekamtii addunyaa argate kana irratti kanneen ijoollee umuriin hin geenye waraanaaf fayyadamanii fi qopheessan akka seera idil addunyaa daa’immaan waraanaf fayyadamuu dhorkuutiin qorannoo barbaachisu fi ga’ee isarraa eegamu akka ba’an gaafanna.”

 

Gabaasaleen Qaamolee lamaan (naannoo Amaaraa fi humnoota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayif amanamoo ta’an) irraa ba’an akka agarsiisanitti, waraanichi ammachaa dhufuu fi daangaa naannolee lamaanitti leenjii loltummaa kennamuun, guutumaa guututti waraanni wal-waliinii uumamuu danda’a sodaa jedhu uumera.

 

Dabalataanis waamichi waraanaaf ka’aa dhiyeenya  mootummaan naannoo Amaaraatiin taasifame kan sabaaf sablammootni Itoophiyaa,  mootummaan naannichaa waliin akka dhabbatan waamicha dhiyeesse, fi waraanichi gara daangaa naannoo Afaarittille babal’achuun waamichi wal fakkaatan isaan “ Shororkessitoota”  jedhan garee TPLF  irratti duuluun dhabamsiisuu jedhu taasifamaa turuun kan yaadatamuudha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.