Xiinxala : Lammileen Itoophiyaa Manneen Hidhaa Saawud Arabiyaa keessa jiran dararaa garaagaraaf saaxilamaa jiraachu himatu; Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa gama isaan hojiin nageenya lammilee kanneenii eegsisuun biyyatti deebisuu hojjatamaa jira jedhe.

Deebitootni yeroo buufata xiyyaaraa Boolee ga’aan. Maddi Suuraa: FBC

 

 

Bileh Jelan tiin 

Finfinnee, Hagayya 27/2021 – Saawud Arabiyaan yeroo dheeraaf  “Godaantota Seeran alaa” kan jettun Lammilee Itoophiyaa eeyyama hojii qabanis ta’ee hin qabne irratti xiyyeffachuun tarkaanfii haaraa fudhataa jirti. Tarkaanfichi lammilee Itoophiyaa karaa seera qabeessaan deemuun jiraattota lammilee alaa ykn Afaan Arabaan ‘Muqeemen’ jedhaman illee kan dabalatuudha. Haalumaa kanaan, lammilee biyya alaa Saawud Arabiyaa  keessa jiraatani fi lammilee Itoophiyaa kumaataman lakka’aman manneen hidhaa keessatti dararaan sarbamiinsa mirgaa namoomaa irra ga’aa jira. Abbootiin Taayitaa biyyatti garuu himata sana wakkataniis, godaantootni ammas himannaa isaanii itti fufaniiru.

 

Keessumaaa akka gabaasa ‘Telegraph’ tti (Gabaasa) Dippiloomaatootni Itoophiyaa hidhamtootni fi jiraattootni Saawudii suuraa fi vidiyoo lammilee giddu gala manneen hidhaatti dararamanii akka hin qoodne akeekkachiisuun, maatii biyya jiran irratti dhiphina guddaa uumuu fi addabaabayi idil addunyatti ba’uun komii isaanii akka dhageessisan taasisuu eera. Haa ta’uu malee baay’ina hidhamtootaa hubachuuuf, namni tokko jijjiirama Saawuditti dhiyeenya ta’an ilaaluu qaba jedha.

 

Haala ture

Qaama  mul’ata Karoora bara 2030  kan ta’e keessaa tokko  maddeen galii  biyyatti baay’isuu dha. Kana galmaan gahuuf damee diinagdee hojjattoota godaantotaa hedduu qaban caalaa kanneen hojjattoota Saawudii muraasa qaban deeggaruu kan kaayyeffate. Sagantaan mul’atichaa, walakkaa bara 2017  hojii irra oole, keessaa tokkoo  kan “kanfaltii godaantotaa” (Expatriate Fees) jedhamuun beekamudha.

 

Kaayyoon sagantaa sanaas  hirkattummaa hojjattoota lammii alaa xiqqeeessuuf,  kanneen akka  seeraa biyyattiitti “Murafeqeen” Yookan miseensota maatii hojjattoota lammii alaa ta’an irratti  xiyyeeffachuudha. Akka kakkoofsa Faranjootaa bara 2017 keessa caaseffamni hojjataa lammii alaa ykn “Murafeqeen” tokkoof Ji’aan Riyaala Saawud Arabiyaa 100 akka ta’u  murteeffamee hojiirra oole. Bara 2018 tti  dhabbileen hojjattoota lammii alaa baay’inaan  hojjachiisaan hojjattoota Saawud arabiyaa wajjiin  waayita madaalamu tokkoo tokkoo hojjattoota lammii alaaf ji’aan  RSA 400  kanfalu.

 

Dhaabbileen kanneen biroo hojjattoota lammii alaa, yemmuu hojjattoota lammii biyyattii waliin madaalaman muraasa  hojjachiisan ammoo ji’aan RSA 300 kan kanfalan ta’uu fi tajaajila hundumaaf ji’an hanga Riyaala 200 ta’uun kanfaltii hojjattoota godaantotaa gara Riyaala 200tti akka gudatu taasise.

 

Bara 2020ttis  reeshoon kanfaltii hojjattotaa  kan xumuraa bifa haaraan kan kaa’ame yoo ta’u  kaampaaniwwanii fi dhaabbileen hojjattoota lammii alaa hojjattoota biyyattii wajjin yeroo madalamaan  baay’inaan qaban hanga RSA 800 kanneen hojjattoota lammii biyyattii baay’inaan qaban irraa ammoo hanga RSA 700 akka funaanamu murraa’e. Hammi kanfaltii hojjattoota lammii alaas RSA 400tti murteeffame.

 

Walumaa galatti, Kaayyoon sagantichaa inni guddaan lakkoofsa hojjattoota lammii alaa  xiqqeessuun  dargaggoota Saawudii komii hojii dhabdummaa kaasaa  jiraniif carraa bal’isuudha. Biyyattii keessatti lakkoofsi jiraattota lammilee alaa miliyoona 12.2 (Bara 2016tti lakkoofsa jiraattota guutuu biyyattii keessaa 37%) irraa gara miliyoona 12.6(Waxabajjii 2021tti lakkoofsa jiraattota guutuu biyyattii keessa 38%) tti guddate galmaa’e. Kanaaf  adda durummaan kan eeramu ammoo  godaantota seeraan alaa gaanfa Afrikaa irraa gara biyyattiitti seenaan keessumaa kanneen Itoophiyaa irraa garasitti godaananidha.

Maaltu ta’aa jira?

Lammileen Itoophiyaa Saawudii jiraatan dhibbaa qondaaltota mootummaa fi qoodinsa hawasummaa irra ga’uu yeroo hundaa hadheeffatu. Biyyattiin godaantoota seeran alaa, jirattoota lammii alaa seera jirattummaa cabsanii argamanii fi seeraa hojjataa cabsan jettu irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii haaraa fudhataa jirti. Akka biyyattiin beeksiftetti, lakkoofsi namootaa “godaantota seeran alaa (116,908), Seera jirattummaa cabsan (4,304,206) fi kanneen seera hojjataa cabsan (802,125) walumatti namoota 5,223,239 ta’u.”

Qondaaltootni mootummaa biyyattii hanga lakkoofsa lammilee Itoophiyaa seera jiraattummaa fi hojjataa cabsanii ibsuu baatanis, garuu kanneen godaantota seeran alaati jedhaman keessaa harki 54 lammiilee Itoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Akka Gabaasa Dhabbata Mirga Namoomaa (Human Rights Watch) baatii  Caamsaa bara kanatti(2021) lammileen Itoophiyaa mana hidhaa saawudii garaa garaa  keessatti argaman irra dhiittaan mirga namoomaa ga’aa jiraachuu ibseera. Dhimma kana irtatti bara darbe xiyyeffannoon akka kennamu taasifamuuf walii galteen  lammilee kanneen gara biyyaatti deebisuu Itoophiyaa fi Saawud Arabiyaa giddutti taasifamuyyuu, dhimmichi daran hammachaa dhufuu maddeen Addis Standarditti himan.

Akkuma Muktar namni dhiyeenya biyyatti deebi’e tokko qaamolee nageenyaa Saawudii harkatti miidhaan qaamaa fi arrabsoon heddu irraa ga’uu Addis Standarditti himeera. Sodaa nageenyaaf maqaa abbaa isaa ibsuu kan hin barbaannee Muktar,  “Ani seeran ala miti kaniin godaane, ani kanan Saawudii deeme viizaa seera qabessan ture, garuu sababa seera  isaani haqa qabessa hin taaneen viizaan koo yeroon irra darbe”jedha.

Itti dabaluunis, “Mindaan koo baasii ittiin biyyatti deebinu hundaa naaf uwwisuu hin dandeenye ture. Ta’us garuu isaan kadhachuu hin barbaanne, Haadha manaa koo fi intala koo fudhadheen harka  kennadhe.” jedhe “Qabamee guyyaa muraasa boodaa hadha manaa fi mucaa koo irraa adda na baasan, Waraqaan koo waan naaf hin qophoofneef achi na tursan.” jedha Muktar waan mana  hidhaa sana keessatti isa muudate yeroo yaadatu imimmaaniin hudhamaa dubbata. “Ani gocha gara jabeenyaa akkasiitin guutame akka  sanaa tasumaa argee hin beeku. Nyaatni lafa kaa’ama malee kallattiin nutti hin kennamu, namootni ni dhukkubsatu, poolisootni nu dhiitu, nu kabalu, maqaa yaraan nu waamu.”

Akkamitti akka gadi dhiifame yeroo gafatamu akka hin beekne hima, “Dhugaa dubbachuuf waanin beeku hin qabu, baay’een waaqa kadhataa waanin tureef tarii kadhaa koo sanatu naaf deebi’e jedheen tilmaama.” Haala imala isaa yeroo ibsus, “Maqaa koo na waaman, anis jalqabumaa paasportii koo qabadhee waanan jiruuf, ganama barii gara buufata xiyyaara yeroon deemu, Xiyyaarri Itoophiyaa waan nuuf qophaa’eef achii kaanee turtii saatii sadii hin caalle keessatti buufata Xiyyaaraa Boolee qubanne.”

Haala seerummaa isaa Muktaar irraa adda kan ta’e Sulxaan ammoo warra Saawuditti godaantota seeran alaa jedhamuun adda baafaman keessaa yoo ta’u innis muuxannoo wal fakkaatu dabarsuu Addis Standardiif eere. “Dubartiin tokkoo fi ijoolleen lama mana hidhaa sana keessatti du’uu dhaga’e.” Jedha kan sodaa nageenyaaf maqaa abbaa isaa himuu hin barbaanne Sulxaan, itti dabaluunis “ Waayita biyya geenyu miidiyaaf akka yaada kennuu hin qabne nutti himamee ture.”jedha. Addis Standard dhimma kana qulqulleeffachuu hin dandeenye.

Godaantota Seeran alaa qofa irratti kan xiyyeeffateedha?

Qondaaltota Saawudii akkasumas buufata Dippiloomaatotni Riyaadi fi Jiddaah waliin dhiyeenyan kan hojjatuu qindeessaa hawaasaa Ahimad Mohaammad akka jedhutti tarkaanfichi godaantota seeraan alaa qofa irratti kan xiyyeefate miti. Ahimad akka Addis Standarditti himetti  “Tarkaanfichi jiraattota seera,  qabeeyyii eeyyama jireenyaa seera qabessa ta’uun galmaa’an illee kan dabalatuudha.”

Lakkoofsa maatii rakkoo kanaaf saaxilamanii ilaalchisuun gaaffii gaafatameef Ahimad “lakki” jedhe. Akka ibsa isaanitti halli hawaasa Saawudii fi sirni seeraa biyyattii odeeffannoo dhimma maatii qoratamaa jiru akka hin kennine kan dhorku ta’u hubachiisan.

 

Garuu haati ijoollee afurii maqaan isaanii akka eeramu hin barbaanne kan karaa seera qabeessaan magaalaa Makkaa keessa jiraatan akka Addis Standarditti himanitti sakatta’iinsi seeraan alaa ajaja mana murtii malee jiraachuu fi badii qabeenya barbadeessuun akka jiru dhugaa ba’u. “Bakka abbaan warraa koo hojii jirutti dhufanii manakoo to’atan, callisanii sakatta’anii jeeqanii deeman.” Jetti. “Maalif akka akkas godhan gaafannaan natti kolfanii(Poolisiin Godaantotaa) komii koo Imbaasitti akkan dhiyeeffadhu natti himan.”

 

Musaab jiraataa seera qabeessa magaalaa Jiddaati, buufata sakatta’iinsaa dhaabatee eeyyama jireenyaa (Afaan arabaan Iqama) agarsisuus, qabamee gara mana hidhaa daandii Makkaa fi Jiddaa gidduu jiru Al-Shumahisi jedhamuun  beekamuutti geeffame. “Ani  erga bara 2013 Miidhaa Manfowuha (walitti bu’iinsa Poolisii Saawudii fi hawaasa Itoophiyaatin namni  5 du’ee fi kanneen lakkoofsi isaanii hin bekamne miidhamanii) as gocha gara jabinaa Lammilee Itoophiyaa irratti rawwatamu akkasii argee hin beeku” Jedha Musaab.

Maalif ta’aa jira ?

Tarkaanfiin qondaaltota mootummaa Saawudii lammilee Itoophiyaa qofa irratti kan fuulleffate utuu hin taane, gochawwaan seeran ala ta’an dhorkuu fi nageenya lammilee biyyattii fi jiraattota lammii  alaa mirkaneessuu kan kaayyeffateedha. Hawaasni Itoophiyaa biyyattii keessa jiraatan  tarkaanfii haaraan kun ajandaawwaan kan biraa of keessaa qabaachuu akka danda’u amanu.

 

Musaab tarkaanfichi rakkoo siyaasaa Itoophiyaa waliin hidhata kan qabu ta’uu fi godaantota seeraan alaa Itoophiyaa irraa dhufan daangessuuf kan yaadame akka ta’etti amana.“Saawudii keessatti jireenya lammilee Itoophiyaa yoo hammeessine, warri  Itoophiyaa keessa jiran irra deebi’anii itti yaadu.” jechuun ibsa Musaab. Ahimad yaada  Musaadin fudhatee,  garuu sababni walii galtee dhabuu  Itoophiyaa fi Gibxii hidha laga Abbaay irratti qaban irraa kan maddee ta’uu danda’a jedhe. “Liigiin Arabaa ejjannoo Gibxii akka deeggaruu murtee dabarsuu  isaatin, hawaasa Itoophiyaa bulchiinsa Saawudii keessa jiraatan faayidaa isaanitiif dhimma itti ba’uu danda’u.”

 

Hoggantootni biyyoota lamaanii maal jedhu?

 

Dhimmicha irratti odeeffannoo dabalataa argachuufi du’aatii lammilee Itoophiyaa manneen hidhaa Saawudii irratti  Addis Standard Ministeera dhimma biyya keessaa, Ministeera eegumsa Fayyaa fi Daayirekteera walii galaa paaspoortii fi immaagireeshinii(Afaan Arabaan Al-Jawazat) dubbisuuf yaalin taasise hin milkoofne.

Kanaan alattis Addis Staandard Imbaasii Itoophiyaa Riyaad fi waajjira qonsila walii galaa Jiddatti argamu qunnamuuf yaalin taasise hin milkoofne. Ta’us ibsa torbanii ministeerri dhimmi alaa  miidiyaalee biyya keessa fi alaatif kennu irratti Addis Standard argamuun dhimma Saawudi keessatti miidhaa lammilee Itoophiyaa irra ga’uu  ilaalchisuun dubbi himaa ministeerichaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii gaafateera.

Adeemsa lammilee kanneen gara biyyaatti deebisuutinis dubbi himaan kun akka jedhanitti, “Hanga yoonaa godaantootni 42,000 Saawud Arabiyaa irraa gara biyyaa deebifamaniiru. Kanneen mana hidhaa keessa jiran dabalatee lammilee rakkoo fayyaa qaban ,  da’immanii fi dubartootaf dursa kannuun torbanitti balallii xiyyaraa 3 taasisuun gara Itoophiyatti deebi’u.”

 

Adeemsi lammilee kanneen deebisuu akka salphatuuf Itoophiyaa fi Saawudin walii galtee taasisuu Ambasaadarichi beeksisaniiru.Manneen hidhaa keessatti dararaa fi dhiittaa mirga namoomaa lammileerra ga’u, hidhaa jirattota waraqaa seera qabeessummaa qabanii fi komii Riyaaditti Imbaasiitti dhiyaate ilaalchisuun Ambasadarichi wayita deebii kennan, “Eeyyee, Murtii malee hidhaa fi ajaja mana murtii malee tasa namaa qabuun jira, ta’us garuu Saawud Arabiyaatti Ambasaaddar Leencoo Baatii dhimmicha furuuf ciminaan hojjachaa jiraachuu isiniif mirkaneessa.”

 

Itti dabaluunis, “Imbaasiin Itoophiyaa Saawud Arabiyaatti argamu hanga barbaadamu lammilee hin deeggarree jedhamuun komiin Ministeera Dhimma Alaa  ga’aa turaniiru. Haa ta’uu malee imbaasichi dhiyeenya karaa dararaan lammilee keenyarra ga’u  hiikuun danda’amu irratti mootummaa Saawudii waliin mari’ateera.” Gaafii waa’ee gabaasa manneen  hidhaa Saawudii  keessatti du’uu lammilee Itoophiyaa ilaalchisee, dubbi himaan ministeera dhimma alaa kun deebii hin kennine. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.