ABOn haleellaa dhiyeenya Wallagga Bahaatti raawwate ilaalchsuun ibsa Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa basee qeequun qaamni walabaa akka qoratu gaafate.

 

Siyaanne Mokonnon tiin

Finfinnee, Hagayya 28,2021– Addi Bilisumma Oromoo (ABO’n) gaabasa koomishiinii mirga namoomaa Itoophiyaatin bahee haalaan akka qeequu fi gochaawwan garaa jabeenyan Milishaan Amaaraa fi humnootni mootummaa uummata Oromoo nagaan jiraatu fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatan xiqqeessuudhaan, kan miidhamtoota Amaaraa garmalee dhaadhessee gabaase jechuun gabaasa komishiinichi qindeesse mormuun ABO’n ibsa basee.

Ibsa ABOn tibbana baseen gabaasni  komishiiniin mirga namoomaa Itoophiyaa Hagayya 26, 2021 (EHRC report) baase “Hir’uu fi kan dhugaa irraa fagaatedha” Jedhe. Akka ibsa ABOtti gabaasonni kanaan duraas komishiinichaan bahaan tokko tokko rakkoo qorannaa walaabaa fi ogummaa akka qabaan xiinxaluu eera. Itti fufuniis, “Gabaasotni fi ibsi komishiinichaan bahaan tokko tokko loogiidhaan kan guutamanii fi dantaa siyaasaa bu’uura kan godhatan ta’uu yeroo baay’ee irra deddeebinee taajjabnee jirra.” jedha.

ABOn ibsa isaa kanaan komishiinichi dhaabbata qaama mootummaa ta’ee fi dantaa siyaasaa murnaa tokkoo tarkaanfachiisuu fi faayidaa saba tokkoo tiksu waan ta’eef, walaba ta’ee ga’ee fi dirqama isaa sirnaan raawwachaa hin jiru jechun himateera.

Gabaasi Komiishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Hagayya 26,2021 dhiyeesses akka waan Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn), Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Giddaa Kiiramuu keessatti jiraattota saba Amaaraa 150 ajjeeseetti ibsee. Kunis diraamaa siyaasaa osoo taateen kun hin uumamin guyyoota muraasa dursee raawwatame ta’uu miidhamtootaa fi jiraattota naannoo irraa mirkaneeffadheera jedhe ABO’n.

Ibsichi itti fuufunis taateen sun osoo hin raawwatin dursanii, Humnootni Addaa naannoo Amaaraa hidhatan laga Abbayyaa ce’uudhaan, Oromiyaa Aanaalee kanneen akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Hagamsaa fi Ammuuruu Jaartee qabachuu eera. ”Ergamni isaanii jalqabaas dubartootaa fi daa’imman Amaaraa naannicha jiraatan buqqaasuu ture. Kanumaan mootummaan dhoksaadhaan gocha duguuggaa sanyii akkanaa raawwachuudhaaf sarara tajaajilaa bilbilaa fi quunnamtii naannichaa addaan kute.”

Ibsichii itti fufuunis erga Dubartoonnii fi daa’imman erga buqqaa’anii boodas, miliishaan Amaaraa, humnoota mootummaa waliin ta’uudhaan baayyatanii meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhachuun uummata Orommoo magaalota kanneen akka Wasti, Sireedooroo, Hagamsa fi Haroo/Lalisee keessa jiraatan irratti lola banan.

‘Diraamichi’ namoota nagaa heddumminaan erga ajjeesanii booda, akka waan WBOn garee saba tokkorratti xiyyeeffatee ajjeechaa raawwatuutti fakkeessuudhaan bu’aa siyaasaa irraa argachuudhaaf kan hojjetamedha jechuun ibse.

ABOn jiraattotaa fi maatii sababa walitti bu’insa sanaan miidhamaniif jajjabina hawwuu fi duguuggaa sanyii uummata Oromoo nagaa irratti raawwatame dhoksuudhaan, akka waan ajjeechaan jiraattota Amaaraa naannichatti argaman irratti raawwatamee fakkeessuun Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa garmalee dhaadhessuun gabaasa baaseen, miidiyaaleen garaagaraa WBO balaaleffachuu irratti akka  fuuleffatan illee eerara. Dabalataanis, walitti bu’insaa fi hokkoraa sanaan baay’ina namoota ajjeefamanii yeroo gabaabaa keessatti ragaa quubsaa fi amansiisaa argachuu akka hin dandeenye fi fuulduraatti mirkaneessuun kan ifa taasisu ta’uu ibsera.

Ibsa Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhimmicha irratti baase ilaalchisee, uummanni Oromoo fi uummatni Itoophiyaa, akkasumas hawaasni idil-addunyaa odeeffannoo sirrii fi dhugaa akka argataniif dhimmichi qaama walaba ta’een akka qoratamuuf ABO’n waamicha  dhiyeessera.

ABOn Miidiyaleen garagaraa gaabasa komishiinii mirga namoomaa Itoophiyaatin bahee sana akka hin fayyadaamne akeekkachiise. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Komishiinii Mirga Dhala Namaa (UNHRC) fi gareewwan mirga dhala namaatiif falman biroon, Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gocha loogii fi amanamummaa dhabuu kana irraa of qusatee, bu’uura qajeelfamoota Mirga Dhala Namaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi danbiiwwan mirga dhala namaatiin ga’ee fi dirqama isaa sirnaan akka raawwatuuf hordoffii barbaachisaa akka godhaniif waamicha dhiyeessera.

Xumura irrattis Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa yaada, ilaalcha siyaasaa fi saba irratti hundaa’uudhaan loogii raawwachuu irraa of qusatee, hojii isaa bu’uura qajeelfamoota mirga dhala namaa UNHRC tiin akka raawwatu waamicha dhiyeessun ibsa isaa golobeera ABO’n.

Komishiiniin mirga namoomaa Itoophiyaa ibsa isaatin haleellichaa kallattiin kan raawwate Waraana Bilisumma Oromoo”Shanee” (maqaa aangawwonni mootumma Waraana Bilisumma Oroomo ittin wamaan) kan Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa garee “shororkeessa” jechuun moggaase  jedhus, ABOn gama isaatin haleella namoota nagaa Wallaga Bahaa  irratti raawwatame qorannoo walaabatin adda baafamuu qaba jedha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.