US Mootummaan Federaalaa karaa gargaarsi Tigraay seenu uggure; OCHA karaan kan dhabame sababa ‘birookiraasi fi loogistikiiti’ jechuun, karaan gargaarsi gara Tigraay seenu akka saaqamu waamicha dhiyeesse

Dubbi  himaa Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa Ned Piraayis

Bileh Jelan tiin

Finfinnee,Fulbaana 02/2021– Ibsa dhiyeenya kana Minsteerri Haajaa Alaa Ameerikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessi Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) baasaniin haalli jireenyaa Tigraay keessa jiru hammaachaa jira jedhu. Hammaachu haala jireenyaa kanaaf Mootummaan Federaalaa gargaarsa namoomaa tursuun isaa gumaacha guddaa qaba jedhan. Kana malees wal waraansi hatattamaan akka dhaabatu fi karaa gargaasi namoomaa ittii hawaasa miidhamaan dhaqqabu akka banamu waamicha dhiyeessan.

Kaleessa, Dubbi himaan Minsteera Haajaa Alaa Ameerikaa Ned Piraayis hammaachuu haala jireenya Tigraay keesssa jiru irratti dubbatanii jiru. Haala Tigraay keessa jiru “Bulchituun USAID erga Itoophiyaa deemtee daawwattee booda, gaaga’ama guddaa uummata miiliyoona 5.2 muudachaa jiru irratti jabeessitee dubbatte. Ergasii haalli jiru daran hammaachaa jira.” jechuun ibsa.

Waraanni akka dhabbatuu fi karaan gargaasa namoomaa akka saaqamu waamicha yoo godhu akkas jedha “Ameerikaaan waraanni akka dhaabbatuu fi karaan gargaarsa namoomaa akka saaqamu waamicha dhiyeessite”.  Itti dabaluunis karaan gargaarsa namoomaa Tigraay mootummaan Federaalaa danqaa akka jiru haala kanaan ibsan “Dhugaan jiru karaa dhiphisee gargaarsa amma xiqqoo akka darbu kan godhe mootummaa Itoophiyaati. Manneen kuusaa Tigraay keessa jiran kan duwwaa ta’an, mootummaan Federaala naannoo Tigraay hudhaa kessaa waan galcheefi. Konkolaattonni meeshaalee bu’uura baatanii ji’a tokkoo oliif otoo dhaabbatanii, lammileen gargaarsa barbaadan gara beela hamaatti seenaa jiru.”

Dubbi himaan kun haasa isaa dhimma Itoophiyaa akkas jechuun golobe “Gargarsi namoota barbaachisu irraa maqsamuun isaa nu yaaddessera. Mootummaa Itoophiyaa fi qamooleen biroo ABUT dabalatee gargaarsi namoomaa uummata bira akka gahu heeyyamuu qabu. Waraanni haala amma jiru kana daran hammeessa kanaafu qaamoleen kunniin waraana dhaabu qabu.”

Gama isaatin OCHAn ibsa kaleessa baseen mootummaan Federaalaa gargaarsa namoomaa gara Tigraay deemu danqe jechuun komate. Ibsichi akkas jedha “Haalli jireenya namoota Tigraay keessa jiranii hammachaa dhufeera.Kuusaaleen gargaarsaa, qarshiin fi boba’aan baay’ee xiqqoo dha ykn dhumeera. Naannoolee reefu midhaan geeffameen ala, dhabbileen gargaarsaa kuusaa midhaani qaban fixaniiru.” Itti dabaluunis hudhaalee hojii gargaarsa namoomaa naannoo Tigraay keessatti muudate akkas jedha “Naannoo Tigraay seenuuf karaa Afar [Samaraa-Abaala] qofatuu jira. Kunis sababa rakkoo nageenya, lojistikii fi birokiraasitiin Hagayya 22 kasee fayyadamuun hin danda’amne”.

Ibsichi dhimma hanqina qarshii fi boba’aa akkasumas hudhaalee hojii gargaarsaa irratti muudatan haala kanaan ibse “Gargaarsa gahaa ta’e laachuuf dhabbileen gargaarsaa guyyaatti konkolaataa 100 nyaata, boba’aa fi meeshaalee biroo fe’ee gara Tigraay seenuu qaba. Erga Adoolessa 12 hanga ammatti hanga barbaachisu irraa harka 10 qofatu Tigraay seene”.

Itti fuufuun gargaarsa Tigraay keessatti godhamu itti fufsiisuf “Torban tokkotti Dolaara miliyoona 7 ykn Birrii miiliyoona 300 barbaachisa. Kunis miindaa hojjattootaa, bittaa fi gargaarsa maallaqaatiif oola, garuu erga Adoolessa 12 tii birrii miliyoona 47 Tigraay gahe”.

Dabalataanis, hojii gargaarsaa hojjachuuf torbanitti boba’aa liitira 200,000 barbaachisa jechuun “Erga Adoolessa 12 tii boba’aa liitira 282,000 qofatu Tigraay seene. Hagayya 16  booda omtuu hin seenne”.

Ibsi kun haala jireenyaa naannoo Affaari fi Amaaraa keessa jiru irrattis akkas jedha “ Walitti bu’insi kun naannoo Affaari fi Amaaraa keessa seenuun  isaa jiraattota gaaga’ama nageenya, nyaata, buqqa’insa akkasumasa jeeqamuu jireenyaa fide. Naannoo Affaari fi Amaaraa keessatti namootni miliyoona 1.7 hanqina nyaataaf saaxilamaniiru”.

Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa fi OCHAn karaan gargaarsaa akka saaqamuuf qaamolee hundaaf  waamicha dhiyeessan. “Qaamoleeen walitti bu’insa keessa jiran karaa gargaarsaa wayitaawa, hudhaa kan hin qabne fi nageenya qabu mijeessudhaan namoota miidhamaniif gargaarsi akka dhaqqabu gochuu qabu.” Waamichi kun kan dhiyaate daayirekteerri Miishinii USAID Itoophiyaa qaamoleen walitti bu’insa keessa jiran hundinuu gargaarsa hatuu isaanii fi walitti bu’insi akka dhaabatu akkasumas gargaarsi namoomaa nagaadhan akka itti fufu erga dubbatanii booda. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.