Raayyaa Ittisa Biyyaaf gumaachuun, humnaan duulchuunii fi gargaarsi hatamuun beela Booranaa hammeesse; Bulchaansii “Olola diinati” jedha

Suuraa: Addis Standard

Darajjee Gonfaa tiin

Finfinnee, Fulbaana 29 /2021-Naannoowwaan gammoojjii Godina Booranaatti  jiraattootni hedduun beelaaf saaxilamanii  du’aa  jiruu jedhu jiraattootni Addis Standard qunnaman. Sababa beelaatiin namootni du’aniiru jedhu jiraattotni. 

Namoota beelaan lubbuun darbe dhiyeenyaniin beekaa jedha jiraataan Godina Booranaa Aanaa Waacillee. Jiraatan kun maqaan isaa  akka hin eeramne ibsuun haala jiru akkas jechuun Addis Standarditti hime “Maanguddoon dhiiraa lama umuriin isaanii  waggaa 75 hanga 80 ta’ani fi dubartii waggaa 70  waan nyaataan dhabanii beelan du’aniru.” 

Jiraataan aanaa waacilee kan biraa Addis Standardiif yaada kenne, namootni beelaan du’an jiraachuu akka quba qabu eeruun ”Booranatti  namni hedduun beela’ee garaachaan dhumuttii jira.” jedha. Akka inni jedhetti, “Nuti hawaasa harka qalleeyyii deeggarsa barbaadu taanee utuu jirruu, deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf gochuu qabdan jechuun dirqamaan waan qabnu nurraa guurratani rakkoo kanaaf nu saaxilan.” 

Itti dabaluunis, “Sababni biraa ammo haadhaa fi abbaa dadhaboo jalaa ijoollee dargaggeeyyii  hojjatanii jiraachisan fedhiin ala guuranii waraanatti galchanii akka manguddoonni beelan dhuman godhan. Namni fedhiin deemee tokkoyyuu hin jiru.  dubbachuufillee soda qabna shororkeessaa, shanee maalii jedhanii mana hidhaatti nama dararu.”jechuun rakkoo jiru ibse.

“Nuti kan uummata sana bakka buunee bulchaa jirru garuu callisuudhaf rabbi sodaannee dubbachuuf ammo mootummaa sodannee.”

Hojjataa mootummaa

Aanaa waacilletti hojjataan mootummaa, sodaa nageenyaaf maqaa isaa ibsuu hin barbaanne akka jedheitti, “Mootummaan Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) naannoowwaan gammoojjii Booranaa keessa socho’aa jira jechuun tajaajila hawaasni argachuu qabu irraa kutee beelaaf saaxile” jedha. 

“Rakkoo kana yoo baafnee dubbanne maqa balleessii mootummaa irratti gootan jedhamne hojiirraa dhorkamna. Utuu nuyi hin gaafatin mindaa keenya ji’a tokkoo guutuu Raayyaa kennitaniittuu nuun jedhan. Utuu nu gaafataniis  waan sodaannuuf diduu hin dandeenyu.” jechuun haala jiru ibsa.

Waa’ee namoota beelaan du’anii hangam akka quba qaban gaafii gafanneef, “Dhugaadha, horsiifatee bultoota shiraa fi daba siyaasa hin beeknetu ragaa baha, nuti kan uummata sana bakka buunee bulchaa jirru garuu callisuudhaf rabbi sodaannee dubbachuuf ammo mootummaa sodannee.” jedha. 

Bulchiinsi maal jedha

Hojii Gaggeessaan Hospitaala Yaaballoo  Areeroo Biqqichaa yeroo yerootti  namootni rakkoo hanqina nyaatatin dhukkubsatanii  gara hospitaalichaa akka dhaqan eeranis, tibbanas kan yeroo kaanirra haala adda ta’een namootni dhaqan akka hin jirre dubbatan. “Asiin duras namootni rakkoo kanaan ciisanii wal’anaman guyyaan ni dhufu waan dur jiru irraa garuu al-tokkotti ykn bifa weeraraan ka’ee namootni Hospitaala Yaaballootti dhufan hin jiran. Hospitaalichattis nami sababa beelatiin du’e akka hin jirre himan.”  Namoota Aanaa Waacillee sadi beelan du’an jedhaman irrattis odeffannoo akka hin qabne ibsan.

Bulchaan aanaa waacillee Jiloo Diidaa, odeeffannoon kun  “Olola diinni afarsudha. Maqaa balleessii feesbookiin tolchiteedha. Malee, namni aanaa keenyatti beelan du’ee hin jiru’’ jedhan.  “Namootni beelan du’an jedhamanis jaarrolee umurii dheeraa kanneen dhukkubsatanii mana yaalaatti deddeebi’anii yaalamaa turan malee beelaan hin duune.” jechuun haalan.

“Sochii WBO’f Netwoorkiin bade, ibsaan cite, daldalli dhaabate, walumaagala tajaajilli hawaasummaa uummatarraa dhaabate tokko hin jiru.”

Bulchaa Godina Booranaa Guyyoo Galgaloo

Haa ta’uu malee horsiifate bultootni gammoojji godina Booranaa hedduun deeggarsa kan barbaadan ta’uu kan ibse  Jiloon “isaanis haaluma  mootummaan deeggarsi kennamuufi qaba jedhee addaa baaseen deeggarama jiru” jedhan. 

“Dargaggootni Raayyaa Ittisa Biyyatti makamanis waamicha mootummaan akka biyyaatti taasisee bu’uureffachuun akkuma lammii kamiittu carraa hojii kanatti  akka  fayyadaman   waamicha tolchinaaf. Malee, kan keessa jirru bara dargii miti namni dirqamaan waraanatti nama geessu hin jiru. Nutis  sana hin goonu.” jedha Jiloon.

Bulchaan Godina Booranaa Guyyoo Galgaloo gama isaatin sochii Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) tiif jedhamee tajaajila hawaasummaa uummata irraa cite akka hin jirre hime. “Sochii WBO’f Netwoorkiin bade, ibsaan cite, daldalli dhaabate, walumaagala tajaajilli hawaasummaa uummatarraa dhaabate tokko hin jiru.” Itti dabaluunis, “Dargaggootni dirqiin duulsifamanis ta’ee miindaan hojjattoota mootummaa Raayya Ittisa Biyyaaf  dirqamaan cite akkasumas namootni beelaan du’aniiru oduun jedhu  dhara.” jedhan.

Hojii Gaggeessaan Hospitaala Yaaballoo  Areeroo Biqqichaa yeroo yerootti  namootni rakkoo hanqina nyaatatin dhukkubsatanii  gara hospitaalichaa akka dhaqan eeranis, tibbanas kan yeroo kaanirra haala adda ta’een namootni dhaqan akka hin jirre dubbatan. “Asiin duras namootni rakkoo kanaan ciisanii wal’anaman guyyaan ni dhufu waan dur jiru irraa garuu al-tokkotti ykn bifa weeraraan ka’ee namootni Hospitaala Yaaballootti dhufan hin jiran. Hospitaalichattis nami sababa beelatiin du’e akka hin jirre himan.”  Namoota Aanaa Waacillee sadi beelan du’an jedhaman irrattis odeffannoo akka hin qabne ibsan. 

Maaltu Rakkoo Hammeesse?

Horsiisee bultootni naannoo gammoojji godina Booranaa keessa jiraatan hedduun sababa hongee fi margi beeladotaa ga’aan hin jirreef midhaan nyaataan of hin dandeenyee. Kanneen rakkoo hammaataa keessa jiran adda baafamuun, dhaabbilee tola ooltotaa akka Sagantaa Nyaata Addunyaa(World Food Program)tiin deggaramu. Haa ta’u malee deeggarsi midhaan nyaataa hawaasaaf taasifamu kun waggaa lamaa as akka dhaabatee hima jiraataan aanaa waacillee tokko.

Sababa deggarsi sun dhaabbateefis waayita ibsu “Deeggarsi kennamu hafee utuu hin taanee  warruma bulchiinsatu uummata dhoowwatee faayidaa mataa isaanitiif  oolfate. Rakkoon naannawa kana jiru rakkoo beelaa qofa utuu hin taane rakkoo bulchiinsa gaarii fi uummataaf yaaduu dhabuuti.” jedhe. 

“Midhaan gargaarsaa kana warra gandaatu raabsaa ture, haa ta’u malee caasaan gandaa midhaan nurraa nyaatti, midhaan gurguratuu, komii jedhu uummatarra dhageenyaan waan sana qulqullessinee.”

Bulchaa Aanaa Waacillee Jiloo Diidaa

Akka jiraatan aanaa Waacillee biraa Addis Standarditti himetti, hawaasa nyaataan of hin dandeenyee fi rakkoo keessa jiru ,deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf gochuu qabdan jechuun dirqamsiisanii maallaqaa fi beeladoota akka irraa fuudhan. 

Itti dabaluunis dargaggoota dirqiin duulchisuun maatii dadhaboon hojjataanii of hin jiraachifne beelaaf akka saaxile dubbata. Kana malees, namootni gocha sana morman hedduun hidhamuu fi eessa akka jiraniyyuu hin beekamne hedduu ta’uu eeruun, “Waanti dirqii sun odoo nurraa dhaabattee waan dansaa.” jechuun yaada isaa goloba.

Midhaan nyaataa gargaarsaaf dhiyaatu  faayidaa dhuunfaaf oolfama jiraa komii jedhuuf Bulchaan Aanaa Waacillee Jiloo Diidaa “Midhaan gargaarsaa kana warra gandaatu raabsaa ture, haa ta’u malee caasaan gandaa midhaan nurraa nyaatti, midhaan gurguratuu, komii jedhu uummatarra dhageenyaan waan sana qulqullessinee. Kanneen akkas godhanii argamanis adabnee rakkoo sana sirreessinee jirra.’’ jedhan. 

Deeggarsi  guutumaan guututti dhaabachuu kan haalaan Jiloon, “Kanneen seeftineetiin deeggaraman deggaramaatuma jiru, haa ta’u malee kan deeggarsichi irraa hir’ifames jira. Fakkeenyaaf warri sababa lolaan buqqa’ani gargaaramaa turan bakka isaanitti waan deebi’aniif gargaarsichi irraa dhaabateera.” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.