Walitti bu’insa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti uumameen namootni nagaa lubbuu dhaban.

Suuraa: Godina Wallagga Bahaa

Darajjee Gonfaa tiin

Finfinnee, Onkoloolessa 12/2021- Wallagga bahaa Aanaa Kiiramuu, iddoo Haroo jedhamutti Dilbata Onkoloolessa 10,2021 guyyaa keessaa sa’aatii 6tti haleellaa humnootni hidhatan  jiraattoota irratti rawwataniin lammileen nagaan hedduun ajjeefamuu fi miidhamuu jiraattootni Addis Standarditti himan.

Daawit(maqaan sababa nageenyatiif jijjiirame) jiraataa Haroo fi sabaan Oromoo akka jedhutti haleellaan kun guyyaa sa’aatii ja’aa hanga sa’aatii kudha tokkoottii itti fufe jedha. Haleellaa kanaan matii isaa sadi kan dhabe Daawit taateen kun namoota hedduu lubbuu dhabsiisee fi kaan qe’ee irraa buqqiseera. Jiraataan kun haleellaa kana kan raawwate milishaa naannoo Amaaratii jedha. 

Milishootni naannoo Amaaraa  kunneen daangaa Oromiyaati alaa gara magaalaa galuun jiraattoota  saba Amaaraa  magaalaa keessa jiraatan waliin walii galuun ji’a sadii oliif qophii taasisaa turuun haleellicha raawwatanii jedha Daawit. 

Maatii isaa sadii (Abbaa, Haadhaa fi Obboleessa) isaa mana tokko keessatti ajjeefamuu isaanii  kan dubbatu, maatiin miidhamtootaa kun “Haleellaa jumlaa  ta’e jedhamee uummata Oromoo nagaa irratti rawwatamedha.” jedha. Haalaa naannawa sana jiruun maatii ajjeefaman kanneen illee awwaaluun humnaa ol  ta’uu ibsa.

Akka Daawit jedhutti “Jiraattootni sabaan Oromoo ta’an lakkoofsaan beeknu hanga 25 ta’an ajjefamaniiru. Kan isaan qabanii fuudhanii deemanii baadiyyaatti ajjeessan, kan dararaa garagaraa irratti rawwataa jiran baayyedha.” 

“Haleellaa jumlaa  ta’e jedhamee uummata Oromoo nagaa irratti rawwatamedha.”

Daawit

Itti dabaluunis, “Humnootni hidhatanii galan kunneen, meeshaa gurguddaa kan hidhatani fi hedduu ta’anii nama fedhan ajjeesuun, qabeenya danda’an saamuu fi kan hafe gubuun miidhaa guddaa uummata irratti raawwataa jiru.” jedha.

Jiraataaan Haroo sabaan Amaaraa ta’ee Jamaal (Maqaan sababa nageenyaaf jijjiirame) akka Addis Standarditti himetti, “Haleellaa kun kan saba Oromoo qofarratti xiyyeefate utuu hin taane walitti bu’iinsa jiraattota saba lamaaniti( Amaaraa fi Oromooti)” jedha. Akka inni jedhetti, “Aanaa kiiramuu keessa humnootni hidhatanii socho’an Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) jedhaman waan jiraniif, walitti bu’iinsa kana duuba  kan jiran  isaan(WBO) ta’uu hin hafu.”

Dhimma kana irratti Daawit “WBO’n tokko naannawa kana hin jiran. Haleellaan kun  milishaa naannoo Amaaraatiin rawwate. Oromoon hidhate osoo jiraatee akkanatti hin miidhamnu ture.” jedha.

“Dubartootaa fi daa’imman dhoksinee keenyee, meeshaa waraanaa qabnu bosona keessatti dhokannee argamna. Namootni torba ajjeefamaniiru muraasnis kan madaa’anis  jiru.” jechuun haala sabni Amaaraa keessa jiru ibsa Jamaal.

Jiraataan magaalichaa,  Jaarsa biyyaa sabaan Amaaraa ta’an waa’ee haleellichaa yoo ibsan , humni Addaa Oromiyaa bakka sana ture Roobii darbe akka baafamanifi Dilbata haleellaan raawwachuu dubbatu. “Qaamolee nageenyaa hedduutti humni Addaa Oromiyaa akka hin bane himnee turre. Garuu  maalif akka ba’an hin beeknu. Warri hidhatan ummatuma nagaatti dhukaasanii ajjeesaa turanii” jedha.

“Dhukaasni tureera, irra caalaa kan du’e garuu ummata nagaa hidhannoo hin qabne, kan sabaan Oromoo ta’aniidha.”

Jiraataa Kiiramuu saba Amaaraa

Namoota haleellaa kanaan miidhaman jiraatan kun,“Dhukaasni tureera, irra caalaa kan du’e garuu ummata nagaa hidhannoo hin qabne, kan sabaan Oromoo ta’aniidha. Lakkoofsan beeku baadhus, baayyeen du’uu argineerra. Warra sabaan Amaaraa ta’an ammo nama torba yookan saddeet du’aniiru.”jedha.

“Rakkoon kun akka dhufu dursinee waan shakkineef humni Addaa Oromiyaa akka hin baaneef qama dhimmi ilaallatutti himaa turrees.” jedhan.

Bulchaan Aanaa Kiramuu Dastaa Tikkii haleellaa raawwatame ilaalchisuun yaada akka nuuf kennu gaafatamee “Qaama mootummaa irraa yaada miidiyaa kanaaf kenniif kan jedhu qajeelfamni yoo na ga’e malee yaada hin kennu.” jedhe.

Bulchaa Godinana Wallagga Bahaa Alamaayyoo Tasfaa fi  itti gaafatamaa waajjira nageenyaa godinichaa argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.

Komishiinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasas qaaman malee yaada hin kennu jechuun deebii laatan. 

“Oromoon hidhate osoo jiraatee akkanatti hin miidhamnu ture.”

Daawit

Haleellaa wal fakkataan aanichatti yeroo sadii ol kan raawwatame yoo ta’u, haleellaa aanichatti walitti fufinsaan raawwatamu kanaan lubbuun namoota nagaa hedduun darbuu fi hedduun ammoo nageenya isaaniif haala rakkisaa keessa jiraachuun isaanii gabaafamaa ture. 

Haala nageenyaa aanicha jiruun jiraattonni gandoota baadiyyaa aannicharraa buqqa’an lakkoofsan hedduu ta’an baqatanii deeggara malee jiraachuu himatu. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa fulbaana darbe baaseen mootummaan Federaalaa fi bulchiinsi naannoo Oromiyaa humnooti nageenyaa aanaa Kiiramuutti warreen haleellaa raawwatan dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan waamicha dhiyeessun ni yaadatama.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.