Oduu:Qondaalonni ABO Afran Manni Murtii Bilisa Baase Hidhaa Irraa Hin Hiikamne

Alamituu Hoomaatiin  @alemituhoma

 Finfinnee, Adoolessa 28/2022-  Manni Murtii Aanaa Buraayyuu dhaddacha Adoolessa 18/2022 ooleen  iyyannoo qaamabilisa baasuu (Habeas corpus) qondaalonni ABO afran Mikaa’el Baqqalaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa fi Gadaa Gabbisaa dhiyeessan ilaaluun akka hiikaman murteessuu Addis Standard gabaase ture. Haata’u malee murtiin kun raawwatamee hoggantootni kunneen hidhaa irraa hiikamuuf adeemis hafu jiraachuu eeramee ture. Haaluma kanaan galmee raawwii banamee manni murtii akka hiikamaniif Adoolessa 25/2022 ajaja dabarsus qondaalonni kunneen hanga ammaatti akka hin hiikamne abukaatoon isaanii Addis Standarditti hime. 

“Adeemsa seeraa hunda xumurree xalayaa ajajaa waajjira Poolisii magaalaa Buraayyu fi Qajeelcha Poolisii Oromiyaatiin dhaqqabsiifne. Poolisiinis  bu’uuruma ajaja kanaatiin  hiiku qaba. Haata’u malee  xalayaa fudhanii osoo hin hiikin deebii biroos osoo hin kennin callisani” jedha abukaatoon qondaalota ABO. 

Dhimma kana ilaalchisuun Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa Adoolessa 26/2022 baasen hoggantootni dhaabichaa yakka tokko malee mana hidhaa jiran haal-duree tokko malee akka hiikaman gaafate. ABOn dhaaba seeraan galmaa’ee socho’aa jiru ta’ee Hogganoonni, qondaalonni  fi miseensonni dhaabichaa  Seeraan alaa hidhaa keessa jiraachuu isaanii Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi  Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa qorannoon mirkaneessaniiru jedhe. Kana malees Manneen Murtii kan sadarkaa adda addaa yakka irraa bilisa ta’uu Miseensota, Hoggantoota fi qondaalota dhaabbatichaa mirkaneessuun gadhiifaman ajajaa turuu eere ibsi ABO. 

Qondaalonni kunneen akka hiikamaniif adeemsi seeraa itti aanuu maal ta’uu danda’a gaaffii jedhuuf abukaatoon isaanii “Karaa seeraa mana murtii irraa waanti hafe hin jiru. Manni murtii, abbaan alangaas bilisa ta’uu isaanii mirkaneessaniiru. Rakkoon kan jiru Poolisii bira.” jedhe.

Komii abukaatoo qondaalotaa kana irratti yaada akka laatuuf Addis Standard Itti Aanaa Komishinara Komishini Polisii Oromiyaa Girmaa Galaan dubbisus qaamaan argamtan malee deebii hin laadhu jedhe. 

Boordiin Filannoo Biyyooleessaa Xalayaa Bitootessa 4/2022 paartilee galmaa’anii socho’an  komii  garaagaraa dhiyeessan qulqulleessuf  gareewwan iyyannoo paartilee siyaasaa kunneen qulqulleessan  Naannoolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz,  Sabaaf Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa, Amaaraa, Kibba Dhihaa fi Sidaamaatti akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hundeessu hime. Gareewwan kunneenis  paartii biyya bulchaa jiru irraa nama tokko, boordii filannoo biyyaaleessaa irra nama lama, akkasumas paartilee komii dhiyeeffatan irraa nama tokko tokko miseensummaan qabaate akka hundeeffaman ibsee ture..

Koreen kun qorannoo isaa erga xumuree booda marii paartiilee wajjiin taasifame irratti booridiin filannoo qaamoleen bulchiinsa fi haqaa tokko tokkoo Addi Bilisummaa Oromoo akka Paartii  seeraan ala ta’eetti ilaaluu jedhe. Kana malees koreen kun manneen hidhaa 29 naanna’uun miseensota ABO Hayyu duree dabalatee namoota 82  fi miseensota KFO 13 hiiksise jechuun isaa ni yaadatama.

Caamsaa darbe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa qorannoo dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qajeelcha poolisii Oromiyaa garagaraa keessatti hidhamanii jiran irratti godhaa ture ifa godheera. Gabaasichi hoggantoota fi miseensota ABO heddu “seeraan ala hidhamanii akka jiran” mirkaneesseera. Gabaasni KMNI kun, ABOn irra deddeebiin hoggantootni isaa akka hiikaman gaafachuu fi yeroo hidhaa irra jiran poolisootaan dararaan akka irra gahee mirkaneesseera jechuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.