Oduu: Tarkaanfii Riphee Loltoota Irratti Fudhatama Jiru Ilaalchisuun Aanga’ootni Mootummaa waan wal faallessu dubbatu

Haayiluu Addunyaa fii Taayyee Danda’aan

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Adoolessa 29/2022 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma nageenya naannichaa fi “tarkaanfii qaamolee hidhatan irratti fudhatamaa jiru” ilaalchisee  ibsa miidiyaaleef kenneera. Hoogganaan Biiroo Koomunikeesiinii Oromiyaa Haayiluu Addunyaa ibsa gaazexeessitootaaf kenneen yaa’ii idilee Caffee marsaa lammaffaa dhiyeenya kana gaggeeffame irratti gaaffiin rakkoon nageenyaa akka rakkoo guddaatti kaa’aa akka ture ibsuun, gareen hidhattoota naannicha keessa socho’an haleellaa humnoota mootummaa irraan gahaniin “hedduu laafeera,” jedhe.  

“Gareen kun iddoowwan kanaan dura to’atee ture irratti haleellaa qindaa’aa gaggeeffameen gariin ajjeefameera, hidhattootni hedduu booji’amaniiru, ammallee booji’amaa jiru. Kunis jijjiirama jiraachuu agarsiistuudha. Yaa’ii idilee Caffee irrattis, tarkaanfii mootummaan fudhateen jijjiiramni jiraachuu bakka bu’oonni uummataa ofiisaanii mirkaneessaniiru. Garuu ammas uummatni guutummaa guutuutti yaaddoo keessaa hin beenee. Ammas gareen kun darbe darbe dhokatee baqachaa lammiilee nagaa irratti haleellaan ni raawwata,” kan jedhe Haayiluun, mootummaan humna haleellaa raawwachuu garee kanaa sadarkaa olaanaan hir’isuun adeemsaan ammoo barbadeessuuf hojjachaa jiraachuu hime. 

Gama biraatiin tibbana miseensota paartii Badhaadhinaa  miseensa Caffee fi Deetaa Ministra Nageenyaa Itoophiyaa Taayyee Danda’aa fi miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa Hangaasaa Ibraahiim karaa toora marsariitii miidiyaa hawaasummaa isaaniitin ajjeechaa fi malaamaltummaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamuuf “itti gaafatamtoonni hoggansa naannoo Oromiyaati” jechu isaani ilaalchisee Haayiluun gaaffii gaazexeessitoota irraa ka’eef dhimmichi paarticha kan ilaallatu akka ta’e ibsuun deebii kennu irraa of qusateera.

Miseensi mana maree Caffee Oromiyaa,  Taayyee Danda’aan yaa’ii idilee Caffee marsaa 2ffaa tibbana gaggeeffame ilaalchisee barreeffama toora feesbuukii isaarratti maxxanseen adeemsa yaa’ichi gaggeeffame irratti komii akka qabu ibse ture. 

“Akka kootti gabaasaan nageenya irratti dhiyaate Caffee kabajamaa waan madaalu hin seene. Bara tare yeroo akkanaa ‘baatii muraasa keessatti nagaya buufna’ jedhamee ture. Gabaasi ammoo Namooti lakkoofsan xiqqaa hin taane harka kennatuu, meeshaaleen garagaraa qabamuu, daandiiwwan cufaman banamuu fi gandooleen muraasni diinan qabaman gadilakkifamuu hima.” jedhe.

Kana malees Taayyeen, miidhaan ummata fi qabeenya irra dhaqqabe gabaasa mana mareetti dhiyaate keessatti hin mul’anne jedheera. “Akka Shawaa Kaabaatti ammoo ragaan qabnu Fulbaanaa gamanatti namooti nagayaa 210 ajjeefamuu, namooti 109 qaamaa hirdhatuu, manni 526 gubatuu, sangaan hiyyeessaa 410 qalamuu, maallaqi callaan biliyoonni 1.5 saamamuu, manneen barnootaa 195 cufamuu fi barattooti 75,000 barumsa dhabuu agarsiisa. Gaafa itti dhiyeenyaan qoratamu sanaa oliyyuu ta’uu mala. Garuu yoo shawaa kaabaatti hagana ta’e, Gujii fi Wallaggatti hagam ta’inna? Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaatti hoo miidhaan gahe hagami?” jechuun gaafate.

Jiraattotni Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Yaayyaa Gullallee Addis Standard dubbise akka ibsanitti, aanichatti rakkoon nageenyaa gaaffii keessa galee namni nagaan ba’ee galuu erga dadhabe baatii saddeet ol ta’u himan. Kanaan dura yeroo garaagaraatti waraana qaamolee hidhatanii fi humna nageenyaa mootummaa giddu gaggeeffamuun manneen gubachuu, namni ajjeefamuu fi horiin qonnaan bulaa qalamuu hedduu baramee “aadaa” ta’eera jedhu. Gubaachuu manneenii kanaafis humna nageenyaa mootummaa himatan. 

Dhiyeenya kana ganda Yaasaa Goda Warqee jedhamu keessatti qonnaan bultoota dabalatee namootni shan humnoota mootummaatin akka ajjeefaman jiraataa maqaa isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standarditti himeera. “Qonnaan bultoota lamaan kana meeshaa kan hidhachiise mootummaa ture. Warruma kana shaneedha jedhanii labsanii jennaan jarri sodaatanii mana buluu dhiisan. Yeroo isaan [qonnaan bultoota] manatti deebi’an waraanni mootummaa shaneetu dhufe jedhanii marsanii bulan. Qonnaan bultoota lamaan san dabalatee gara namoota 16 ta’an ganama isaa sodaatanii baqachuuf osoo deemanii  waraanni mootummaa isaan marsee jiru dhukaasa irratti bane. Haala kanaan namootni shan ajjeefaman ” jedhe.

Dubbii himaan idil addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) [kan mootummaan Itoophiyaa “Shanee” jedhee waamu] Odaa Tarbii gama isaatiin yaada VOA Afaan Oromoof kenneen tarkaanfiin mootummaan humnoota hidhatan irratti fudhachaan jira jedhu dhugaa akka hin taane, inumaayyuu waraanni mootummaa injifatamaa akka jiru dubbate. “Dhugaan lafarra jiru kufaatii sirnicha agarsiisa. Wanti lafarra jiru ibsa isaani wajjiin wal hin fakkaatu.” jedhe. AS   

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.