Oduu: Hoggantoonni paartilee ABO fi KFO Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Maayik Hamar waliin mari’atan

Valeeriya Peeri , Daawud Ibsaa, Maayik Hamer, Prof.Mararaa Guddinaa Suuraa: Miidiyaa Hawaasa


Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Adoolessa 30/2022 – Hayyuu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo fi Dura taa’aan Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaa kaleessa Adoolessa 29, 2022 jila dippilomaatota Ameerikaa Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Maayik Hamariin durfamu waliin walarguun haala yeroo ilaalchisee marii bal’aa taasisaniiru. Jilichi qaama daawwannaa Itoophiyaa keessatti nageenya waarawaa buusuuf hojjatamu deeggaruuf gara Itoophiyaa taasisuun paartilee lamaan waliin mari’ateera.  

Marii bal’aa waamicha Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamuun godhame kanaan hoggantoonni paartiilee lamaanii dhimmoota ijoo haala nageenyaa, diinagdee fi siyaasa biyyattii akkasumas haala paartilee lamaan ilaallatan irratti yaada isaanii jila Dippilomaatotaaf ibsaniiru. Keessattuu waraana fi hongee Oromiyaan keessatti mudatee jiru, dhimma marii biyyoolessaa gaggeessuuf karoorfame fi hidhamtoota siyaasaa ilaallatan kan of keessatti hammate akka ta’e ibsameera. Paartileen lamaan kun marii biyyooleessaa hunda hammatee fi qaamolee walabaa hirmaachise gaggeeffamu akka qabu cimsanii hubachiisaniiru. Haal duree tokko malee hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman, waraanni akka dhaabbatu, waajjiraalee jalaa cufaman akka banamanii fi paartileen siyaasaa kun sochii bilisaan akka taasisan haalli akka mijeeffamu qabus gaafataniiru. 

Paartileen kun “dhiibbaan garaagaraa irra gahee sochiin isaanii ugguramaa jiraatuus” qabsoo karaa nagaan gaggeessuu kan itti cimanii fufan ta’uu ibsanii jiru. Jilli Dippilomaatota Ameerikaa Maayik Hamariin durfamu gama isaaniin nagaa Oromiyaa fi Itoophiyaa, darbees ammoo Gaanfa Afrikaa keessatti mirkaneessuuf gaheen paartileen lamaan kun qaban guddaa ta’uu himuun, nagaan mirkanaa’ee nageenya lammiilee akka eegamuuf Ameerikaa waan irraa eegamu kan gootu ta’uu ibsanii jiru.

Bifuma walfakkaatuun paartilee ABO fi KFO dabalatee paartilee siyaasaa 11 of keessatti kan hammate Gamtaa Paartilee Mormitootaa (Caucus of Opposition Parties) Adoolessa 20, 2022 miseensota hawaasa dippilomaasii waliin Imbaasii Ingilizii Finfinnee jirutti mari’achuun isaa ni yaadatama. Marii hawaasa dippilomaasii waliin gaggeeffame irrattis gamtichi marii biyyaaleessaa hunda hammatee fi iftoomina qabu, akkasumas qaama sadaffaa hirmaachise gaggeessuun furmaata rakkoo siyaasaa biyyatti akka ta’e ibseera. Marii biyyaaleessaa haqa qabeessa ta’e fi amanamummaa qabu gaggeessuuf tarkaanfiiwwan kan akka labsii dhukaasa dhaabuu, waraana dhaabuu, dhorkii qaamolee falmiirra jiran kaasuu, hidhamtoota siyaasaa haalduree tokko malee hiikuu, bilisummaa siyaasaa hunda eeyyamu, kanneen isaan barbaachisuuf deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuu fi buqqaatota deebisuu raawwatamu akka qaban hubachiiseera.

Maayik Hamar, Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa godhamuun Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidaniin yoo mudamu Saatarfiildii fi Feeltmaan itti aanee nama sadaffaadha. Daawwannaa jalqabaa yeroo ammaa Itoophiyaatti taasisu kanaan kaayyoo hojii Itoophiyaa keessatti nageenya waarawaa buusuuf hojjatamu deeggaru kan qabu yoo ta’u, turtii isaatin aanga’oota mootummaa, paartilee siyaasaa garaagaraa fi waldaalee siivikii waliin akka mari’atu ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.