Oduu: Manneen Maree Godinaalee fi Aanaalee Addaa Naannoo Kibbaa, Naannoo lamatti gurmaa’uuf Murtoo Dabarsan

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Hagayya 01/2022 – Godinaalee fi Aanaalee Addaa Naannoo Saboota Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa keessatti argaman garaagaraa caasaa naannoolee lama jala waliin gurmaa’uuf manneen maree mataa mataa isaani irratti murtoo dabarsan. Godinaalee 11 fi aanaalee addaa 6 yaa’ii idilee mana maree isaanitti yaada murtoo gaaffii naannummaa deebisuuf dhiyaate irratti erga mari’atan booda murtoo dabarsaniiru. 

Godinaalee Walaayittaa, Geede’oo fi Gaamoo uummattoota ollaa waliin caasaa naannootin waliin gurmaa’uuf manneen maree mataa mataa isaanitti sagalee guutuun murtoo dabarsu isaani beeksisaniiru. Godinaalee jaha fi aanaalee addaa shan; waliigalaan caasaalee 11 akka naannoo tokkotti waliin gurmaa’uuf murtoo dabarsaniiru. Isaanis Godinaalee Walaayittaa, Geede’oo, Gaamoo, Goofaa, Koonsoo, Oomoo Kibbaa, akkasumas aanaa addaa Amaaroo, Alee, Baaskeettoo, Burjii fi Daraashee akka ta’an ibsameera. 

Bulchaan Godina Goofaa Getinat Bagaashaaw godinoota fi aanaalee addaa kunniin manneen maree isaanitti murtoo waliin gurmaa’insa akka raggaasan himuun, dhimmi giddu galeessummaan haala saayinsawaa ta’een, akkasumas erga mariin irratti gaggeeffame booda akka murteeffamu ibseera. Kana malees, “gaaffiin gurmaa’insa naannoo akkaataa faayidaa uummataa kabachiiseen akka ta’u mootummaan xiyyeeffannoon akka ilaaleera,” jedhe.  

Godinaalee Guraagee, Silxee, Kambaataa, Haadiyyaa, Haalaabaa fi Aanaan Addaa Yam teessuma lafa isaani fi xiin-sammuu waloo qabaniin waliin ta’uun caasaa naannoo tokkotti gurmaa’uuf manneen maree dhuunfaa dhuunfaa isaanitti yaada murtoo gaaffii naannummaa deebisuuf dhiyaate irratti erga mari’atan booda sagalee caalmaan murtoo dabarsaniiru.   

Mootummaan Naannoo Kibbaa, gurmaa’insa naannoon walqabatee murtoowwan manneen maree godinaalee fi aanaalee naannichaa tibbana dabarsan “murtoo bilchaataa” jechuun dinqisiifateera.

Manneen maree godinaalee 11 fi aanaalee addaa 6 naannoo Kibbaa keessatti argaman kunneen murtoo walfakkaataa ta’e dabarsu isaani hordofee Naannoo Saboota Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa lamatti qoodama. Kanaan dura naannoo Kibbaa jalatti gurmaa’anii kan turan Naannoon Sidaamaa fi Uummattoota Kibba Lixaa Itoophiyaa sagalee uummataatin naannoo hundeessuun isaanii ni yaadatama. AS   

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.