Oduu: Hongee Naannoolee Oromiyaa fi Somaaleetti muudateef Mootummaan Deebii Gahaa Hin Kennine: Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa

Finfinnee, Adoolessa 27/2022– Balaa hongee naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti muudateef mootummaan feederaalaa fi mootumoonni naannoo yeroodhaan waan deebii hin kennineef midhaan dhaqqabee jedhe Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa kaleessa baaseen. 

Naannoo Oromiyaa godina Booranaa aanaa Yaabelloo, Taltallee, Dubulluq, Dirree fi Moyyaalee akkasumas naannoo Somaalee godinaalee Godee fi Adaadilee, Jarar fi Fufan keessatti hordoffii taasisuu eeree hojiin ittisaa, miidhaa xiqqessuu fi balaa beeksisuu hin hojjatamne kanaanis miidhaa guddaan dhaqqabee jira jedhe.

Hojiin balaa ittisuu ummata miidhaman hirmaachisuun bu’uura kan jedhe komishinichi hordoffii taasifameen ummatni carraa hirmaannaa akka hin arganne ibse. Sababoota garaagaratiin iddoowwan bishaan hin argatin jiraachunis eeramera.

Dhiibbaa hongee dandamachuuf  horsiisee bultootni nyaata loonii tolaan aragachuu qabu, haata’u malee godina Booranaatti horsiisee bultootni nyaata loonii bittaan argachaa jiraachuutu ibsame. Kana malees namootni hedduun hanqina nyaataaf saaxilamanii huuqqatan, miilli fi garaan isaanii dhiitayee dhukkubsatan jiraachuun eere KMNI. 

Hongeen kun jiruuf jireenyaa akkasumas aadaa uummata naannoo hongeen muudatee jiraatan miidhaa akka jiru kan eere KMNI, Hoggansi sodaa balaa Federaalaa balaa hongee ifatti beeksisuun gargaasi biyya keessa fi alaa akka qindaa’u taasisuu qabas jedhe. 

Godinaalee Oromiyaa saddeet keessatti hongeen akka muudate mootummaan naannichaa beeksiseera. Addis Standard gabaasa walitti aananiin miidhaa hongeen godinaalee  Baale, Baale Bahaa, Booranaa, Gujii, Gujii Lixaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Shawaa Bahaa, akkasumas naannoo Somaalee godinaalee kudhanitti geessise gabaaseera. Hongee kanaan beeladootni miliyoonan 1.3 ol du’uu, namootni miliyoona 4 ol ta’an rakkoof saaxilamuu,  barattootni barumsa addaan kuutuu, daa’immanii fi haadholiin godinaalee kanneen keessatti argaman dhibee garaa garaa saaxilamuu isaanii Addis Standard gabaasaa ture.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.